Argannoo saayinsii: Daa’imni ganna 12 lafee daayinoosarii ganna miiliyoona 69 argate

Madda suuraa, Nature Conservancy of Canada
Daa’imni ganna 12 lafee daayinoosarii waggoota miiliyoona 69 dura ture argate.
Daa’imni lafee qorachuu reefu jalqabe kun, osoo abbaasaa waliin Albeertaa, Kanaadaa keessatti tabba bahan ture kan lafee kana argate.
Naataan Hiruuskiin yeroo jalqaba ijjisaa lafeerra buute “waan jedhu dhabe” jedha.
“Gammaduun osoo narra jiraatuu, ani garuu hin gammanne,” jechuun BBC’tti himeera.
''Lafee daayinoosarii argachuu kiyyaaf naasuu keessa ture.”
Naataan ganna jaha irraa kaasee daayinoosariirraa fedhii qaba ture, innis yeroo baay’ee abbaasaa waliin bakka Eegumsa Uumamaa Kanaadaa deema.
Yeroo hundaa wanti na raaju, akkaataa lafeensaanii lafee akka keenyaarraa gara dhagaatti jijjiiramuudha jedha Naataan.
'Abbaa, dafii as koottu!'
Waggaa dura lafee xixiqqoo caccabe arganii turan, abbaansaa dhagaa gama gubbaatiin jirurraa gad bu’an itti fakkaatee ture.
Naataanis barana waa’eesaa qorachuu jalqabe. Lafeewwan kunniin yeroo duraaniirraa guddatee mul'ata ture.
“Abbaa, dafii as koottu!'' jechuun abbaasaa waame.

Madda suuraa, Nature Conservancy of Canada
Akkaataa sagalee Naataan irraa abbaansaa akka inni waan tokko argateeru beekeera.
“Lafee dhagaarraa hojjataman fakkaatu – waan biraa waliin walfakkaatee si dogoggorsuu hin qaban,” jedhe abbaansaa Diyoon Hiruushkiin.
Erga mana gahan booda Muuziyeemii Rooyaal Tiyireel argannoosaanii irratti qorannoo jireenya duraa akka taasisuuf bilbilan.
Muuziyeemichis suuraa fi bakka argamaa akka erganiif gaafate.
Baadlaandis bakka argama lafee hedduu fi daayinoosarii Albeertoosaayuras jedhame kan xumura 1800’oota keessa Jooseef Tirireeliin argameeti.
Ta’us garuu kutaan lafaa isaan lafee daayinoosarii kana itti argatanii argama daayinoosariin kan beekamuu waan hin taaneef, muuziyeemichi qorattoonni akka qoratan gara bakkichaa ergeera.
Isaanis hamma ammaatti lafee 30 – 50 kan Hadrosaur ganna sadii yookiin afur ta’ee argataniiru.
Lafeen daayinoosarichaa isaan argatan gama saayinsiitiin argannoo guddaadha.
Lafeenis waggoota miiliyoona 69 dura ture; argannoowwan baay’een yeroo sanitti turan baay’ee miti jedheera muuziyeemichi.
“Argannoon Hadroosar kanaa argannoo baay’ee murteessaadha. Sababni isaas yeroo sanitti Albertaa keessatti daayinoosaroota yookiin bineensota akkamiitu jiraachaa akka turan baay’ee hin beeknu waan ta’eefi.
Argannoon Naataanii fi abbaansaa beekumsa daayinoosarii keessatti qaawwa jiru guutuuf nu gargaara,” jedhan muuziyeemii keessatti ogeessi lafee Firaankoyis Teereen.
Naataan waa’ee daayinoosarootaa qorachuun akka isa gammachiisu dubbata.
Isaan arguun gaariidha, hojii ji’ootaan booda dhumarratti lafarraa waan tokko arganneerra jechuun dubbata.















