Faanni lafee naachaa 'akka guchitti fiigu' argame

Fakkii: 'Batrachopus'

Madda suuraa, A.Romilio/University of Queensland

Saayintistonni faana naacha durii luka lamaan fiigaa ture jedhame argachuusaaniitti raajamuu ibsan.

Ragaan kunis Kooriyaa Kibbaatti kan argame yoo ta'u faana lafee miillaa naachaa hin miidhamne akka ta'e qorattoonni himaniiru.

Naachonni dhibbaatamatti laakka'aman kunnen waggoota miiliyoonaa 110-120 dura faana dheerina seentimeetira 18-24 dheeratu lafa dhoqqee irra ejjetanitu argame jedhame.

Gareen qorannoo idil addunyaa kun ilaalcha keenyaa naacharratti qabnu ni jijjiiruu danda'a jedhan.

"Namoonni naacha bineensa lafarra harkifamaa ooludha jedhanii yaaduu danda'u; akka isaan guyyaa guutuu qarqara laga Abbayyaa yookiin Koostaa Riikaa biratti ciisaa kan oolan fa'atti yaadu.

Namni umamni kun akka guchitti fiiga jedhee yaadu jira natti hin fakkaatu," jedhan Piroofeesar Maartin Lookii Yuunivarsiitii Koloraadoo irraa.

Yaadaa garee qorattoota kanneen qorattoonni hundi waan irratti walii galan miti.

Boca

Madda suuraa, Kyung Soo Kim/CUE

Piroofeesar Maartiinii fi gareen isaanii ragaa qorannoon isaan gargareen kanaan ' Batrachopus grandis' jechuun moggaasaniiru. Haftee qaamaa bineensichaa garuu hin argamne.

Gareen kunis garee naachaa baroota Juraassik dura waggoota miiliyoona kuma duran jiraatan waliin bocni isaanii wanta wal fakkaateef kan 'Batrachopus' jedhanii moggaasuu danda'aniif.

Gareen bineensaa kan luka afuriin deemaniin alatti isaan kunneen wal fakkaatu.

"Fiixee qaamasaanii hunda ni argina, gogaan dhippaa hundi - akkuma harka kee ilaaltu sanitti," jechuun haalasaanii ibsu Piroofeesar Maartin.

"Yeroo deeman lukasaanii tokko fuuldura isa kaanii godhaniiti kan deeman. Faanni isaaniis hin jiru."

Fageenyi koomeesaaniillee ol dhaabbatanii akka deeman mul'isa jedhan dursaan garee kanaa Piroofeesar Kiiyung Soo Kiim Yuunivarsiitii Biyyaalessaa Barnootaa Kooriyaa Kibbaa Chiinjuu irraa.

"Akka daayinoosariin heddu deemaa turanitti deemu turan. Deemsa daayinosariirraa faana hin argitu," jedhan.

"Naachii akka dhala namaatti deema."

'Batrachopus'

Madda suuraa, Kyung Soo Kim/CUE

Piroofeesar Maartiin ragaan isaanii bineensi sun luka lamaan deemaa akka turan kan agarsiisuudha jedhu.

Piroofeesar Fiil Maaniing Yuunivarsiitii Maanchistar irraa yoo ta'an garee kana keessatti qooda hin qaban ta'us garuu argannoon garee kanaa "baay'ee gaariidha" jedhan.

Yaada sassaabuuf akka gargaaruuf qorannoo isaanii jaalatanis haalli ragaa san itti jijjiiran irratti garuu shakkii qabu.

"Anaaf bocni naachaa fi bu'aan inni buusuu danda'u waan wal simu miti," jedhan.

''Ragaasaanii irraa akka hubadhetti gosa daayinoosarii natti fakkaatu. Garuu yoo naacha ta'e hafteen lafee isa kana nutti himu hin jiru."