Ajjeechaa Kangaaroo: Dargaggeessi lammii Awustiraaliyaa ajjeechaa bineensota 20 himatame

Madda suuraa, WIRES
Poolisiin Awustiraaliyaa dargaggeessa ganna 19 kan konkolaataadhaan Kangaaroo 20 ajjeesse to'annaa jala oolche.
Kangaaroon ajjeeffamanis Kangaaroowwan daa'iiman yoo ta'an isaaniis gaafa Dilbaata magaalaa kibba Siidinii keessatti argaman.
Poolisiin akka jedhetti ajjeechaan kun sa'aatii tokko keessatti kan raawwatamedha.
Dargaggeessi kunis gaafa Kibxataa kan to'amnnoo jala kan oole yoo ta'u himannaa mirga bineensota sarbuu fi bineensota dararuu himannaan irratti banameera.
Seera Niiw Saawuz Weeles'tti namni bineensota darare kamuu hidhaa waggoota shanii fi birrii 450,000 tiin adabama.
Namoonni lubbuu bineensota baraara taate ta'e kana "tiraajeediidha" jedhaniiru. Isaan akka jedhanitti namoonni naannoo san jiraatan yeroo hirribaa ka'an kangaaroo ajjeeffaman naannoo jireenya isaatti arganiiiru.
Kangaaroowwan sadii garaa haadha isaanii keessa baraaramanii bakka kunuunsi godhamuufiitti geefamaniiru jedhaniiru.
Dragaggeessi kunis ji'a Sadaasaa mana murtiitti dhiyaata.













