Waa'ee dhibee sammuu ijoolleen gar-malee akka jarjaran godhu beektuu?

Madda suuraa, Naod
Doktar Naa’od Firduu jedhama. Ijoollummaa isaarraa kaasee iddoo tokkicha sa’aatii dheeraaf taa’uu akka hin dandeenyee fi waan tokkoratti xiyyeefatee turuuf akka rakkatu dubbata.
Dr. Naa’od Yunvarsitii Finifinnee, Kolleejjii Fayyaa Hawaasaatti hogganaa kutaa Ippidimoolojiiti.
Ijoollummaasaatti akka malee saffisaa akka ture dubbate.
'‘Koornisii mana keenyaa shiboo elektiriikiin guutame keessa seeneen irra marsaa ooluun yaadadha. Mukti ani hin korre hin jiru. Humna guddaan qaba ture,’’ jedhe.
ADHD'n dhibee akkamiiti?
Ijoolleen tapha, fiigicha, ultaalchoo ni jaalatu. Taatullee haala hin baratamneen ijoolleen waantotaaf xiyyeeffannoo kan hin kenninne ykn amala irra darbaa fi tasgabbii hin qabne yoo qabaatan maatiin ijoollee isaaniif xiyyeeffannoo kennuu qabu.
Rakkoo fayya akkasii ogeeyyiin Attention-deficit/hyperactivity disorder (ADHD) jedhanii waamu.
ADHD’n ijoolleen waa tokkorrattii xiyyyeefatanii akka hin turre taasisa.
Sababa kanaarraa ka’een dafanii waa dagatu, waan hojjachuu eegalan xumuruuf ni rakkatu, dhibahanii waa dagatu, sirnaan dhaggeeffachuufi waan ajajaman rawwaachuuf rakkachuun mallattoolee ijoo ADHDti.
Kana malees, sa’aatii dheeraaf ittifufanii haasa’u, amma baramee ol qaama isaanii sosochoosu, balaa isaan mudatu baayyee hin sodaatan, namni haasa’u tokkoo hanga haasa’ee xumuruttillee dhaga’uuf obsa hin qaban ykn addaan kutuun fa'i mallattoo ADHD ti.
ADHD-Dhibee namoota hedduurratti mul'atu
Dr Naa’od akka himanitti, ijoolleen ADHD’n miidhaman maatii fi hawaasni akka nama jeequmsa uumuutti lakkaa’uurraa kan ka’e ijoollummaan dhiphinaa hanga jeeqamuutti akka isaan miidhu seenaa isaanii qooduun hubachiisaniiru.
Dr Naa’od iddoo tokko yeroo dheeraaf turuu akka hin feene kaasuun, daa’ima rakkoo sammu kana qaban mana keessatti ugguranii tursiisuun dhiphinaaf akka saaaxilu himan.
Qorannoon Ameerikaatti gaggeeffame akka agarsiisutti, ummaata Ameerikaa keessaa % 10’n ykn namoonni miliyoona 6 ta’an ADHD’n akka hubaman eere.
Biyya Ingiliziitti ammoo daa’immaan %3.5, namoota gaheeyyii biyyattiin qabdu harki lama rakkoo dhibee sammuu kanaaf saxilamaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Akkamiin adda baasuun danda’ama?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
ADHD’n sammuun fuulduraa gara mirgaa jiru guddinasaa otoo hin fixiin gaafa hafu rakkoo fayyaa uumamu dha.
Dhibeen sammuu kunis yeroo baayyee sanyiin kan darbu yoo tahu, haadholiin ulfaa tamboo aarsan immoo daa’ima isaanii ADHD’f akka saaxilan qorannoowwan ni agarsiisu.
Dr Naa’od illee abbaansaa ADHD akka qaban dubbata.Garuu hamma inni hakiima tahetti kana hin beeknu ture jedha.
Dhibee ADHD daa’ima qabu kan adda baasu maatii akkasumas barsiisota dha jechuun dubbata Dr Naa’od.
Ijoolleen dalagaa xiyyeeffannoo gaafatu hojii manee faa hojjechuu hin barbaadan taanaan mallattoo tokko tahuu ijaa maluuf maatiifi barsiisonni xiyyeeffannoo kennuu qabu.
Dabalataan gaaffii isaaniif dhiyaate osoo hin xumuramiin deebii kennuuf kan jarjaran yoo tahe, dalagaa idilee isaanii kan irraanfatan yoo tahe, xiyyeeffannoo kennuun mallattoolee kunneen hordofuun barbaachisa.
Namni baayyee rakkoo kana haala guddisa maatiiti jedhee ijaa amanuuf adabbiidhaan akka sirraa’u amana.
Haata'u malee rakkoo guddina sammuu uumamaan mudatu gatii taheef dhiyeenyatti hordofuun akkasumas ogeessotaa fi barsiisota waliin marii’achuun barbaachisa.
‘’Ijoolleen isaanii fayyaalessa tahanillee namni hunduu ADHD’n maali kan jedhu akka dhibee sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaatti hubachuu qaba. Sababiinsaas ADHD’n dhibee nama baayyee irratti mul’atu gatii taheef,’’ jechuun Dr Naa’od ibsa.
Gaaffiiwwn Dhaabbati Fayyaa Addunyaa rakkoo kana adda baasuuf baasee fayyadamuunis ka’umsa dhibee kanaa baruun ni danda’ama jedha.

Madda suuraa, Getty Images
Ijoollee kunneen akkamiin haa deeggarru
Akka addunyaatti daa’imman 100 keessaa 10 ADHD akka qabaniifi deeggarsa fayyaa yoo argatan garuu fooyya’insa gaariii jedhamu akka agarsiisan qorannoowwan ni agarsiisu.
Wal’aansi wal-fakkaataa ge’eessota irrattillee ni hojjeta.
Keesumaa maatiin daa’immanii dalagaa isaanii guyyuu otoo hin irraanfatiin akka hojjetaniif yeroo taphaafi hojiii dhaabbataa tahe barsiisuun, korojooo fi meeshalee barnoota isaanii biroo iddoo dhaabbataa akka kaa’an shaakalchiisuun deeggaruu danda’u.
Akka qorannoowwan mul’isanitti ijoollee dhibee kana qaban keessaa deeggarsa yoo argatan harki 40 fayyuu kan danda’an yoo tahu harki 60 immoo hamma ga’eessa tahanitti dhibeen kun wajjin turuu danda’a.
Dhiibbaa dhibee kanaa dandamachuuf garuu maloota murteessoo tahan hordofuun to’achuun jijjiirama agarsiisuun danda’ama.
Dr Naa’od akka jedhutti gorsa xiin-sammuu, leenjii amalaa akkasumas deeggarsa fayyaa gochuun dabalataan qoricha ADHD’f kennamu akka furmaataatti akka ilaalan hubachiisu.
Haa tahu malee, Itoophiyaa keessa qorichi dhibee kanaa tokkollee akka hin argamne hubachiisuun, yaaddessaa akka tahes himu.
Yeroo baayyee ijoolleen, ‘’rakkisoo, qananiifi jeeqxota,’’ akka tahanitti ibsuu mannaa rakkoo guddina sammuu tahuu mala jedhanii yaaduu dhiisuunis yaaddeessaa dha jedha.
Namoonni ADHD qaban rakkoon araadaaf saaxilamuun, konkolaataa oofu taanaan balaaf saaxilamuu, rakkoo gaa’ela keessatti uumamu, qarshii qisaasessuu, iddoo hojiitti milkaa’uu dhabuu, sa’atii dheeraaf dubbisuu dadhabuu akka isaan mudatu qorannoowwan ni ibsu.
Kanaafis Dr Naa’od dhibeen ADHD xiyyeeffannoon kennameefi hordofamuun nama dhuunfaa caalaa hawaasaaf bu’aa qaba.
Yeroo ammaa deeggarsa faayidaa qabu gama argachuun haalli fooyya’aa akka jiru hubachiisa.
Haata'u malee namoonni baayyeen maatiifi michuuwwan isaaniin hubatamuu dhabuufi dogoggoraan hubatamuurraan kan ka’e dhiibbaa keessa jireenya isaanii itti fufuuf dirqamu.
Kanaaf sadarkaa tokkoffaan maatii, hawaasaafi barsiisonni hordoffii taasisan fooyyee fiduudhaaf murteessaa dha.












