Lakkoofsi namoota of ajjeesanii olaanaan Afriikaatti galmaa’uu WHOn beeksise

Madda suuraa, Getty Images
Lakkoofsa namoota of ajjeesanii kan addunyaa maratti galmaa’u keessaa olaanaan Afriikaa keessatti kan raawwatamu ta’u Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO)n ibse.
Akka ibsa dhaabbatichaatti yoo ta’e, biyyoota addunyaa lakkoofsi namoota of ajjeesanii olaanaan keessatti galmaa’ee keessaa jaha ardii Afriikaa keessatti argamu.
Ardii Afriikaa keessatti lakkoofsi oggeessoota wallaansaa fi deeggarsa xin-sammuu kennaniis baayyee gadaanaa ta’u ibseera.
Kanaanis Afriikaa keessatti hakimni xin-sammoo tokko manoota wallakkaa miliyoonaa ta’aniif tajaajila kenna.
Kun ammoo madaallii oggeessootaa fi tajaajilamtootaa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa kaa’een dachaa parsantaa 100n gadiidha.
Namoota Afriikaa keessa jiraatan kuma 100 keessaa namoonni 11 ofiin of ajjeessuu jedhameen kan galmeeffame yoo ta’u, lakkoofsi kunis addunyaarratti jidduugalaadha jedhamee kan kaa’ame taatee namoota kuma 100 keessaa namoonni sagal of ajjeessuu jedhamee baayyee kan caalu ta’u Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibseera.
Sababoota mummee namoonni akka ofiin of ajjeessaniif akka ka’umsaatti ka’aman keessaa kan jalqabaa rakkina fayyaa sammuu yoo ta’u, kunis namoota hanga parsantaa 11 ta’aniif sababii ta’utu dubbatame.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedhuutti, Afriikaa keessatti irra caalli oggeessoota fayyaa sammuu kan argaman magaaloota keessatti yoo ta’u, jiraattoonni naannawa baadiyaa jiraatan tajaajilicha argachuuf carraasaanii gadaanaadha.
Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daareektara naanawa Afriikaa kan ta’an Maasihiidiisoo Moo’eetii akka jedhaniitti, sagantaalee fayyaa biyyootaa keessatti filannoowwan rakkina sammuu ittiisuu dursi waan hin kennamneef ofiin of ajjeessuun rakkoo fayyaa hawaasaa ijoo ta’eera.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa tarkaanfiiwwan hubannoo cimsuu taatee of ajjeesuu ittifuu akka jajabaatuuf ammaan tana duula miidiyaa hawaasaa ardii keessatti gaggeessaa jira.
Duulli miidiyaa hawaasaa kunsi kan eegalame guyyaa Fayyaa Sammuu Addunyaa Onkolooleessa 10, 2022 kabajamee ooluu durseeti.
Duula kanaanis Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ardii Afriikaa keessatti namoota miiliyoona 10 ta’an bira gahuuf karoorfatee hojjataa jira.












