Kaalsii addaa namoota jeequmsa sammuu qaban kunuunsuuf oolu

Dr Ziik Istiir

Madda suuraa, University of Bristol

Ibsa waa'ee suuraa, Dr Ziik Istiir erga abaabileen isaa jeequmsa sammuun (dementia) rakkatanii booda furmaata tekinooloojii fiduuf yaadeeti kana kalaqe

Barataan yuUnivarsiitii PhD baratu 'kaalsii addaa [smart socks]' namoonni sammuun jeeqamuufi ootizimiif saaxilaman dhiphina keessa seenan kan adda baasudha hojjete.

Dr Ziik Istiir yaadi kuni kan dhufeef erga abaabileen isaa dhukkuba jeequmsa sammuun rakkatan boodadha.

Kaalsiin kuni dhahannaa onnee, sochiifi dafqa hordofuun osoo dhukkubichi itti hin hammaatiin kanneen isaan kunuunsan akka gargaarsa godhaniif taasisa.

Dr Istiir Laaboraatorii Robotiksii Biristoolitti appilikeeshinii mobaayilii dalaguuf socho'aa ture.

Yeroo ammaa akka furmaataatti wanti dugdatti godhatan dhukkubsattoota akka loogiin irra gahu taasisaa jira.

Kaalsiin kuni akkuma kaalsii kaanii kan godhatamu yoo ta'u jijjiiruun hin barbaachisu, maashinii keessas miicuun danda'ama

Madda suuraa, University of Bristol

Ibsa waa'ee suuraa, Kaalsiin kuni akkuma kaalsii kaanii kan godhatamu yoo ta'u jijjiiruun hin barbaachisu, maashinii keessas miicuun danda'ama

Dr Istiir ''waa'ee dhiphuu odeeffannoo funaanuuf miilli bakka murteessaadha. Kaalsiin immoo kan guyyuu namoonni godhatanidha,'' jechuun ibsa.

Kaalsiin kuni akkuma kaalsii kaanii kan godhatamu yoo ta'u jijjiiruun hin barbaachisu, maashinii keessas miicuun danda'ama.

Kaalsiwwan kunneenis namoota dhukkubsattoota kunuunsaniif karaa salphaan apilikeeshiniidhaan daataa dabarsu.

Aappii kaalsii addaa

Madda suuraa, University of Bristol

Ibsa waa'ee suuraa, Kaalsichi dhahannaa onnee, sadarkaa dafqaafi sochii nama dhukkubsate odeeffatee osoo hin hammaatiin kanneen kunuunsan akka bira gahan gargaara

''Kuni namoota sammuun jeeqamuufi ootizimiif saaxilaman qofa osoo hin taane kanneen isaan kunuunsanillee ni gargaara,'' jedha Dr Istiir.

Nami aappii kana kalaqe kana dura yeroo indastirii ittisaa keessa injiinara softiweerii ta'un dalagaa turetti abaabileen isaa Kaat mallattoo jeequmsa sammuu (dementia) hammaataa mul'isuu eegalani.

Boodarra abaabileen isaa itti hammaatee akkawoo Dr Istiir hannaan himatani. Eegaa yeroos eegaleeti mallattoo abaabilee isaaf furmaata ta'u danda'an kalaquu kan yaade.

Qorannoo isaa keessatti wiirtuu namoonni jeequmsa sammuu qaban itti kunuunsa argatan fedhiin tajaajiluu eegalee ture.

Eegasii amalli baduu kan abaabilee isaa qofa akka hin taaneefi taaten kuni baratamaa ta'u baruu isaa hima.

Argannoon isaa kuni akka isaan gammachiise Hooggantuun wiirtuu kunuunsa Gaardan Haawus Firan Ashibii ni dubbatti.

''Kaalsiin addaa kunneen namoonni dhibee jeequmsa sammuu qaban kabaja isaanii akka deeffatan,'' gargaareera jedhan.

Dabaluunis, osoo hin hammaatiin hojjettoonni isaanii gidduu seenanii gargaarsa akka taasisan tumsuu akka gargaaru ibsan.

Dr Istiir biznasii isaa, Milbotix, jedhamu Fulbaana 2020'tti eegalsiiseera.

Oomisha kaalsii kana kan gargaaraa jiru dhaabbati Hawaasa Alzaayimarii jedhamu UK keessa bara 2040'tti lakkoofsi namoota dhibee kanaan hubamanii miiliyoona 1.6 gaha jedha.

Dhaabbata gargaarsichatti kalaqxuu olaantuu kan taate Nataashaa Howaard-Muuri namoonni jeequmsa sammuu qaban nama loluu, jeeqamuu, rifachuufi kunuunsa isaaniif taasifamu diduu danda'u jedhu.

''Tekinolojiin miilatti godhamu kuni waan bareedaadha,'' jechuunis ibsu.