Kallattii kamirra, eessaan rafuutu filatama?

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni wayita rafan gariin cinaachaan, kaan ammoo dugdaan ciisuu filatu. Kan garaadhaan rafanis jiru.
Kaan erga hirribi isaan fudhatee kallattii isaaniif mijatu barbaacha garagaggalaa bulanis jiru.
Garuu isa kamtu filatamaadha?
Akkaataa itti rafnuu fi kallattii irra rafnu kan yaadannu wayita gadi ciisnudha, kan hirriba keessa mudatu namuu hin beeku, wayita hirriba keessaa kaanu faallaa kallattii irra rafnee ta'uu danda'a.
Dhimma kanarratti qorattoonni mala adda addaa fayyadamuun qorannoo gaggeessaniiru.
Yeroo namni rafu kaameeraadhaan waraabuu yookiin ammoo teeknooloojii sochii hordofu itti hidhuun akkaataa namni itti rafu irratti qorannoo gaggeessaniiru.
Hong koong keessatti qorattoonni mala ''Blanket Accommodative Sleep Posture Classification System'' jedhamu fayyadaman.
Malli kun kaameeraa fayyadamuun kan wayita namni rafu sochii isaa ittiin hordofaniidha.
Qorattoonni Deenmaark ammoo meeshaa xiqqaa sochii namaa to'atu fayyadamuun namoota fedhii qaban irratti qorannoo gaggeessan.
Meeshaan kun osoo namni hin rafin sarbaa, dugdaa fi qoma namaarratti hidhamti.
Akka bu'aa qorannoo kanaatti namoonni yeroo hirribarratti dabarsan keessaa walakkaa ol cinaachaan rafu, dhibbeentaa 38 dugdaan rafu, dhibbeentaa 7 ammoo garaadhaa (fuulduraan) rafu.
Akkuma umriin namaa dabalaa deemuun cinaachaan rafuun ni dabala.
Ijoolleen yeroo hirribaasaanii keessaa yeroon isaan cinaachaan, dugaa fi garaadhaan rafan walqixa.
Daa'imman ammoo gara caalaa dugdaan rafu, sababni isaas nageenyummaasaaniiif jecha maatiin akkasiin waan raffisaniif.
Qorannoon kun akka mul'isutti yeroo baayyee namoonni cinaachaan rafu, hirriba gaarii rafuun walqabatee ammoo kanneen karaa cinaacha mirgaarra rafantu haala gaarii keessa bulu, itti aansee kanneen dugdaan rafantu hirriba gaarii argatu.
Ati kan cinaachaan ciiftu yoo ta'e namni biraa si bira ciisu yoo jiraate isaafis haala mijataa uuma.
Yeroo garii namoonni dugdaan rafan ni kurruufu, kana jechuun akkaataa ciisicha keenyaa fayyaa keenyarrati dhiibbaa akka qabuudha.
Kurruufuun rakkoo fayyaa qaama hargansuurraa maddu yoo ta'u, wayita akkaataan itti ciisan rakkoo godhachuun harganuun namatti ulfaatu kan mudatuudha.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Cinaachaan ciisuun ammoo ujummoowwan qilleensaa gara olii qulqulleessuuf fayyada, huubi qoonqoo akka ujummoo qilleensaa guddicha hin haguugneefis gargaara jedhan qorattoonni.
Akkasumas harrabni akka ujummoo qilleensaa hin uggurre waan godhuuf, kurruufuu irraa nama oolcha jedhan.
Namoonni dugdaan ciisan kanneen cinaachaan ciisan caalaa dhukkubbii dugdaaf akka saaxilaman qorannoon ni agarsiisa.
Garuu namni cinaachaan ciisu hundi dhukkubbii mormaa fi dugdaa hin qabaatu jechuu miti. Kun akkaataa itti ciisanii fi akkaataa itti siree tolfatan (afatan) irratti hundaa'a.
Qorannoon Awustiraaliyaatti gaggeeffame tokko, namoonni cinaachaanis ta'u, waan irra rafan osoo akkaataa fayyaasaanii eeguun osoo hin mijeessin rafan hedduunsaanii ganama wayita ka'an dhukkubbii mormaa himatu jedhe.
Akkaataa qorannoo kanaan namni tokko of xaxee, sarbaasaa ol fuudhee qomasaatti maxxansee, mar'umaansaa guduunfaa kan rafu yoo ta'u, yoo cinaachan rafeyyuu miidhaa guddaatu irra ga'a.
Namooonni qaamasaanii diriirsanii rafan ammoo dhukkubbii mormaf hin saaxilaman.
Namoonni dhukkubbii mormaa fi dugdaa qaban akkaataa ciisicha isaanii jijjiiruun irraa fooyya'uu akka danda'an qorannoon ibseera.
Qorannoon biyya Poorchugaalitti gaggeeffame namoonni dhukkubbii mormaa qaban dugdaan akka rafan, kanneen dhukkubbii dugdaa qaban ammoo cinaachaan akka rafan gorsa.
Qorannoon kun gaggeeffamee toraban afur booda namoota qorannoon kun irratti gaggeeffame keessaa dhibbeentaa 90 kan ta'an dhibeesaaniirraa fooyya'anii argaman jedhan qorattoonni Poorchugaal.
Yeroo garii ammoo dugdaan yookiin cinaachaan ciisuu qofa osoo hin taane kallattiin nuti irra gadi ciisnus fayyaarratti dhiibbaa qaba.
Fakkeenyaaf yeroo asiidiin keessoo keenyaa danfu, garaachi gubatu, fi onneen nu dhukkubu akkamiin ciisuu akka qabnu ogeeyyiin fayyaa waan gorsan qabu.
Hunda caalaa waan mataa jala kaawwannee rafnu (tiraasii) sirriitti mijeeffachuu akka barbaachisu gorsu.

Madda suuraa, Getty Images
Akkaataa ciisicha keenyaarratti rakkoon deddeebi'ee yoo mudate dhibee garaachaa- gastro-oesophageal reflux disease jedhamutti geeddarama.
Cinaacha bitaan rafuun ujummoo qilleensaa sombatti gadi dhaabbatuu fi garaacha gidduutti qaawwi akka uumamu gochuun hamma asiidii garaachaa ittisa, mirgaan rafuun ammoo ujummoon kun laafee asiidiin akka miliqee ba'u godha.
Maalumaafuu wayita gubaan onnee nama mudatu cinaacha bitaan rafuutu gorfama.












