Ulfi osoo hin umamiin sababiiwwan laguun yeroo dheeraaf akka badu taasisan maalidha?

Ovaarii

Madda suuraa, Getty Images

Dubartoonni umurii ijoollee godhachuu danda'anitti laguu isaanii arguu dhabuun emaanooriyaa jedhama.

Laguun yoo hafu ulfi akka uumametti beekamus, sababooti laguun otoo hin dhufiin akka turu ykn hafu godhan biroon jiru.

Dubartoonni umurii ijoollee godhachuu danda'an keessa jiran laguun isaanii guyyaa 28tin mara. Kanneen guyyaa 24 fi 35 laguu isaanii arganis jiru.

Laguu yeroo tokkoofi lama otoo hin argiin hafuun rakkoo tahuu dhiisuu mala. Tahus haalli kuni irra deddeebiin mudannaan mallattoo dhibamuu agarsiisuu danda'a.

''Qaama kee nama kamuu caalaa waan beektuuf akkatti hojjetus beekta, yeroo wayiin tokko sirrii hin taane ni beekta jechuu dha. Dubartoonni hundi qaamnisaani haala garagaraan hojjeta,'' jetti hakiimni ulfaa fi gadameessaa Dr Amiiraa Alkoordiin Maartineez.

Ogeeyyiin fayyaa dubartiin tokko laguushee marsaa walitti aanu sadiif yoo hin argineefi yoo ulfa hin taane akkasumas waggaa 45 gadi yoo taate hakiima bira dhaquu qabdi jedhu.

Kiliiniknii Maayoo Ameerikaatti hojjettu shamarran umurii isaanii waggaa 15tti laguu hin arginees hakiima bira deemuu qabu jedhu.

Ulfi uumamuutiin alatti sababooti saddeet dubartiin haala emaanooriyaa akka qabaattu godhan kunneeni:

1. Dhiphina

''Dhiphinni sababii ijoofi weerara bara keenya kanaati,'' jetti Dr Amiiraan.

Dhiphinni oomishni hormooniiwwan kanneen akka adireenaaliin akka dabalu gochuun qaamni keenya akka waan balaan itti dhufaa jirutti of eeggannoon akka turu godha.

Hormooniiwwan kanneen akkasiif yeroo dheeraaf saaxilamnaan marsaa laguu jeequu danda'a- laguun hafuu, yeroo dheeraaf turuu, dafee, dafee dhufuu akkasumas dhukkubbii yeroo laguu dabalata.

Yeroo kaan ammoo dubartiin tokko torbee afur keessatti laguu al lama arguu dandeessi.

Marsaan laguu sababa dhiphinaan yoo jeeqame ispoortii hojjechuufi maloota hargansuu garagaraa shaakaluun akka furmaataatti gorfama.

Kun yoo hojjechuu dhaa baate tajaajila gorsa amalaa (therapy) fudhachuun murteessaadha.

2. Akka malee ulfaatina hir'isuu

Dubartiin tokko kaalorii fudhattu akka malee yoo hir'iste hormooniin hanqaaquun akka oomishamu gargaaru dhaabachuu danda'a.

Namoonni adeemsa ulfaatina qaamaa hir'isuu keessa jiran ykn qaamnisaanii isa eeyyamamuun gadi tahe ogeeyyii sirna fayyaa mar'iichuun haala fayyaalessa taheen ulfaatina hir'isuu danda'u.

Namoonni sababa dhibee sammuun ulfaatinni isaanii yoo akka malee hir'ise ogeeyyii fayyaa sammuutti haasa'uu qabu.

3. Furdina gar-malee

Garmalee furdachuu

Madda suuraa, Getty Images

Ulfaatinnni qaamaa akka malee yoo tahe hormooniin ostiroojiin jedhamu akka malee akka oomishamu gochuu mala, hormooniin kuni ammoo sirna wal-hormaataa dubartii to'ata.

Hammi ostiroojinii akka malee yoo oomishame marsaa laguu jeequu danda'a, yeroo kaan ammoo laguun achumaan akka badu gochuu mala.

Dubartoonni sababa ulfaatina olaanaatiin haala emaaanooriyaaf saaxilaman ogeeyyii sirna nyaataa irraa gorsa argachuun akka ulfaatinasaanii hir'isantu gorfama.

4. Leenjii ispoortii cimaa

Shaakalliin qaamaa akka malee cimaa tahe sadarkaa hormooniiwwan marsaa laguu to'ataniirratti dhiibbaa gochuu danda'a.

Ulfaatina qaamaa akka malee hir'isuunis hanqaaquu oomishame gad lakkisuurratti dhiibbaa uumuu mala.

Atileetonni piroofeeshinaalaa ogeeyyii, fayyaafi ispoortii irratti hojjetanirraa gorsa argachuun akkatti gahumsaafi fayyaa isaanii wal madaalchisuu danda'an baruu qabu.

5. Ovaarii keessa yeroo rakkoon uumamu

Ovaariin haala pooliisistiik jedhamu keessa jiru afuuffeewwan haqaaquu sirnaan hin guddanne baayyee qabata. Afuuffeewwan kunneen haqaaquu gad lakkisuudhaaf gahumsa hin qaban. Kanaaf adeemsi kuni otoo hin raawwatiin hafa jechuu dha.

UK keessatti dubartoota 10 keessaa tokko haala kana keessa darbu jedha Tajaajilli Fayyaa biyyattii.

6. Laguun dhaabachuu ykn yeroo malee dhaabachuu

Ulfaafi harma hoosisuu dabalataan uumamaan laguun dhaabachuun sababa emaanooriyaati.

Dubartoonni umrii laguun dhaabbatu jala yoo gahan hammi ostiroojinii isaanii gadi bu'uu jalqaba, kanaaf hanqaaquu gadi lakkisuun dhaabachuu jalqaba.

Laguun walumaagalatti umrii dubartii tokkoo waggaa 45 hanga 55 gidduutti dhaabbata.

Haa tahu malee qorannoowwan fayyaa dhihoo geggeeffaman dubartoota 100 keessaa tokko laguusaanii waggaa 40 dura argu dhaabuu danda'u jedha.

7. Qoricha ulfa ittisu

Cininnaa garaa garmalee

Madda suuraa, Getty Images

Gosooti qorcihaa ulfa ittisuuf kennaman dubartoonni haala emaanooriyaa ykn laguu arguu dhaaban gochuunii danda'u.

Qorichoota kunneen erga fudhachuu dhaaban boodallee dubartoonni qaamnisaanii gara marsaa laguu duraanitti deebi'uu ni rakkata.

8. Dhiibbaa cinaa dhukkubootaa

Marsaan laguu dhukkuba yeroo dheeraa kan akka dhibee sukkaaraa, jeequmsa hormoonii taayirooyidiin dhaabachuu danda'a.

Emaanooriyaan qoricha dhibee sammmuuf kennamu, dhiibbaa dhiigaafi kiimooteraappiidhaan uumamuu mala.