Samuuda laguu qorachuun odeeffannoo fayyaa murteessa kennuu mala

Samuuda dhiigaaa

Madda suuraa, QVIN

Addunyaa maratti guyyaatti dubartootni miiliyoona 800 tahan laguu isaanii argu.

Haa tahu malee dhiiga laguu ilaalchisee dhimmi qoratame baay'inaan hin jiru. Otooma jiraatellee waan beekamu miti.

Dr Saaraa Naasrii dhaabbata fayyaa hundeessuun dhimma kana geeddaruuf hojjechaa jirti.

Haa tahu malee qorannoon gahaa gatii hin jirreef hojiin kuni yeroo bal'aa fudhata jedhamee yaadama.

Dr Saaraan amma hojiirra kan jirtu yoo tahu waa'ee dhiiga laguu qorannoon kana dura hojjetamee argatte tokko qofaa dha.

Qorannoon bara 2012tti taasifame kuni qabiyyee fi caasaa dhiiga laguurratti xiyyeefata. Dhiiga laguu keessa qabiyyeewwan 385 caalan akka jiran qorannichi ibseera.

Qorannoo kuni bu'aa qorannoowwan biroo kan wabeeffate dha.

''Dhiigni murtoo wal'aansaa kennuuf taasifamuuf dhangala'aa hojiirra oolu dha,'' kan jettu Dr Naasriin, ''dubartoonni ji'a ji'aan laguu argu, kana maaliif yaaliif hin fayyadamnu? jechuun nan yaada ture,'' jechuun hubachiitsti.

Dhaabbnni Dr Naasriin hundeessite qaawwa qorannoo dhimma kanarratti jiru duuchuuf hojjeta. Barattoota baaayyee qorannoo kana keessatti hirmaachisuun dhiiga harkarraa fudhatamuufi dhiiga laguu gidduu hariiroo jiru qo'achuun kaayyoosaa isa guddaa dha.

Qorannoon jalqabaa kuni kan abdii qabu tahus qo'annoo dabalataa garuu barbaada.

Qorannoon kuni fiixaan kan bahu yoo taheef yaaliifi qorannoo fayyaaf samuuda dhiiga laguu fayyadamuun murteessaa tahuu mala.

Fakkeenyaaf namoonni dhukkuba sukkaaraa fi rakkoo koolestaroolii qaban qorannoo yaalii ji'a ji'aan taasisaniif dhiigni laguu hojiirra ooluu danda'a.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tahus dhiiga laguu fayyadamuun danqaan kan isa mudatu qorannoon gahaa ijaa hin jirreef qofa osoo hin taane laaboraatoriiwwan dhiiga kana ilaaluuf duubatti jechuufi ilaalcha namootaati.

Dhaabbanni Barliin jiru tokko laaboraatoorii samuuda dhiiga laguu qorachuu danda'u barbaadaa jira.

Qorannoo kanaan odeeffannoon amanamaa argamnaan dhiiga laguu fayyadamuun rakkoolee fayyaa bal'inaan mudatan hordofuuf faayidaa guddaa qaba.

Dabalataanis dhibee wal hormaataa dubartoota mudatan karaa salphaa taheefi mijataa taheen qorachuuf gargaara.

Yeroo ammaa kanatti rakkoo fayyaa wal-hormaataa dubartootaa irratti qorannoowwan jiran boodatti kan harkifatan yoo tahu filannoon wal'aansaallee akkasuma daangeeffamaa dha. Dabalataanis qorannoon dhukkbsattoota irratti taasifamu dhukkubbii qaba.

Tattaaffiin Dr Naasriin jalqabe kuni haalli rakkisaa isa mudachuun waan hin hafne tahus, yoo mikaa'eef dubartoonni rakkoo fayyaa jireenya isaanii keessatti isaan mudachuu danda'u dhiiga laguu isaanii adda baasuufi wal'aansa argachuu danda'u.

Keesumaa dhukkuba jabaa dubartootaan mudachuu danda'u dhiiga laguu fayyadamuun haala salphaa taheen hordofuun danda'ama.