Dhukkubbiin laguu dhiirota Indiyaa iyyisiise

Dhiirota meeshaa dhukkubbii laguu fakkeessu yaalaa jiran.

Madda suuraa, CUP OF LIFE

Waa'een laguufi dhukkubbiin laguu hawaasa Indiyaa ifftti baay'ee hin haasa'amu.

Duulli kibba Keraalaatti taasifamaa jiru immoo kana jijjiiruu barbaada.

Warreen duula kana qindeessan meeshaa dhukkubbii yeroo laguu fakkeessu (simulator) qabatanii gara gamoowwanii fi moora kooleejiiwwan deemuun dhiiroonni dhukkubbii kana akka baran gochaa jiru.

Kunis waa'ee laguu haasa'uu akka qaanitti ilaalamu irratti hubannoo uumuuf gargaara jedhu.

Viidiyoon dhihoo kana gadhiifame tokkoos, meeshaan kun yeroo garaa dhiirotaatti qabsiifamu yoo wixxifatanii fi iyyan agarsiisa.

''Baayyee nama dhukkuba. Waan akkasii irra deebiin akka natti dhufu hin barbaadu,'' jedhe Shaaran Naayir.

Meeshaa kanaan dhiironni dhukkubbiin laguu akkatti dhagahamu gochuun qaama duula meeshaalee qulqullina laguu eeguuf gargaaran raabsuu fi jette jettee waa'ee laguu haasa'amu kan cabsuudha.

Kanas kan jalqabsiise, miseensa paarlaamaa Hibii Eden, Waldaa Ogeessota Fayyaa Indiyaa waliin tahuun.

Indiyaa iddoo adda addaatti dubartoonni yeroo laguun itti dhufuutti sirna hawaasaa fi amantii kana malees 'kushiinaa' illee akka hin galle ni qollifamu.

Ilaalchi kun naannoleee magaalaatti hir'achaa dhufus dubartoonni ammallee waa'ee laguu fi dhukkubbii laguu miseensa maatii, dhiiraafi hoggantoota isaaniitti hin haasa'an.

Dhaabbileen addunyaa fi kan Indiyaa tokko tokkos, eeyyama yeroo laguu kennan illee dhimmi kun falmisiisaa tahuun itti fufeera.

Qindeessitoonni duula kanaa bulchiinsa tarkaanfataa Keraalaa keessattii jijjiirama fiduuf onnataniiru.

Ogeettiin seeraa Saandraa Saanii duula dhukkuubbii laguu dhiironni akka baran gochuu kana kan qopheessite yoo tahu, ''dhimma kanarratti marii hiika qabu jajjabeessuufi ilaalcha badaa jijjiiruuf kun mala isa salpahaadha'' jetti.

''Dhiiroota Kooleejii waa'ee dhukkubbii laguu yoo gaafatte, odeessuuf badaa fedhii hin godhatan. Garuu gaaffiima kana erga meeshaa kana yaalanii booda yoo gaafatte haasa'uuf qophii tahu,'' jetti.

Meeshichi funyoo qaqalloo lama qaba garaa nama lamatti al-tokkotti hidhameeti, dhukkubbii gulantaa 1-10 qabu itti gadhiisa.

Naayir akka jedhutti dubartoonni meeshaa kanaan dhukkubiin kun itti gadhiifame homaa itti hin fakkaanne, ''ana dabalatee dhiironni garuu iyyaafi wacaa turre''.

Akka qindeessitoonni duula kanaa jedhanitti, 'simulator'n kuni kooleejiiwwan keessatti mariin ifaafi bilisaa akka taasifamu kakaaseera jedha.

Maxxansa Instagram irra dabri
Qabiyyee Instagram hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa Instagram