Yeroo laguu dubartootaaf boqonnaa kennuun haala hojii geeddaruu danda'aa?

Dubartii adii

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabotni gara garaa gaaffii boqonnaa laguu hanguma deebisaa deeman-qeeqxonni gariin ammallee shakkii qabu.

Bara 2020tti Jeesii namni ganna 28tii, Niiw Yoorkitti hojii haaraa gulaaltuu miidiyaa taatee otoo hojjetaa jirtuu, ji’a sadaffaatti iddoo hojiitti gaggabde.

Laguun ishee guyyaa sana akka dhufuufi akka ishee dhukkubuu malu waahillan ishee beeku ture. Tahus waajjira deemtee viidiyoo waraabuurraa hin hafne, kanas kan goote hanqinni hojjetaa gatii jiruufi.

Na dhukkubeera jettee hafuuf, ‘’laguun akka dhukkubaatti waan ilaalamu hin seene,’’ jetti.

Yeroo garaa ishee ciniinuufi dugda ishee kutu qoricha gab godhu fudhattee gara hojiitti deebi’uuf yaalte. Garuu daqiiqaa 15tti qaamni ishee muddamuufi dadhabbiin itti dhagahamuu jalqabe. ‘’Natti dukkanaa’aa ture’’ jetti Jeesiin.

Hamma warri gargaarsa fayyaa kennan dhufanii ambulaansiidhaan gara hospitaalaa ishee geessanitti, ‘’natti jonja’ee, namaa deebisuullee hin danda’u ture,’’ jetti.

Jeesiin ambulaansiidhaan hospitaala deemuu osoo hin taane mana galtee cinaacha ishee boqochiisuu ture kan barbaadde, yookiin yeroo dhukkubbiin itti dhagahamu manaa hojjechuudha kan barbaadde.

Dhaabotni tokko tokko hojimaata boqonnaa akkasii kennu qabu, "boqonnaa laguu" jedhama.

Hojjettoota yeroo laguu isaan dhukkubuufi dubartoota laguu arguu dhaabuun booda dhukkubbii keessa darbaniif manaa akka hojjetaniifi guyyoota boqonnaa kaffalame akka bahan eeyyamu. Kuni egaa guyyaa boqonnaa idileedhaan kennamuun addatti dha.

Dhukkubbii laguudhaaf boqonnaa kennuun haala garagaraa biyyoota addunyaa keessa ture. Gamtaan Sooviyeet imaammata dhimma kana ilaallatu bara 1922tti jalqabde.Jaappaan keessa 1947tti, akkasuma 1948tti immoo Inooneeziyaa keessatti boqonnaan kuni kennamuu jalqabe.

Haatahu malee biyyoota diinagdee gurguddaa qaban kanneen akka Ameerikaa fa’i keessattillee boqonnaan kuni hin kennamu.

Dhaabotni garagara boqonnaa kana hanguma eeyyamaa deeman, sochiinwwan tarkaanfii kana jajjabeessanis guddachaa jiru.

Boqonnaan kuni bal’inaan yoo hojiirra oole dubartootaafi namooti saal-hin himannee laguu argan biroon, boqonnaa yeroo gara malee isaan barbaachisutti argachuurra darbee, gammadoo tahu, oomishtummaan isaanii ni dabala, iddoo hojii isaanii yeroo dheeraa dabarsuuf gargaara jedhamullee

Erga boqonnaan laguu kennamuu qabeetii qeeqxonni gariin, namoota laguu argan ni qooda jedhu.

Boqonnaan laguu hojjettoota sababa dhukkubbii kanaan rakkatan gargaaraa moo miidha?

Dhukkubbiin laguu wajjin dhufu namaa namatti adda adda dha. Dubartoonni gariin homaa otoo itti hin dhagahamiin marsaa kana kan darban yoo tahu, kaan immoo laguu arguun guyyoota muraasaan dura miirri isaanii jeeqamuu fi yeroo laguun dhufu dhukkubbi garaa, dugdaa, mata-bowwaa itti dhagahamuu mala.

Kana keessa garuu dubartoonni baayyee hojii isaanii idileerraa hin hafan. Kanas kan godhan hojii isaanii akka hin hojjenneefi dadhaboo akka tahanitti akka hin lakkaa’amneef dhukkubbii laguu himachuuf boodatti jedhu jedhan yunivarsiitii ‘South Australia’tti barsiistuu seeraa kan tahan Gaabri’eel Gooldiing.

Qorannoo bara 2021 dhaabbata sooftweerii Meelbarn jiru irratti taasifameen, dubartoota qo’annicha irratti hirmaatan keessaa harki 70 waa’ee laguu isaanii hogganaa isaaniitti dubbachuun itti hin tolu.

Boqonnaan laguu yoo hojiirra oolellee hojjettoota hunda bira qixa gahuu dhiisuu mala

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Boqonnaan laguu yoo hojiirra oolellee hojjettoota hunda bira qixa gahuu dhiisuu mala

Harki 83 sababa kanaan hojiin isaanii irratti dhiibbaan akka uumame dubbatu. Gaabri’eel kuni immoo dubartoonni baayyee waa’ee fayyaa sammuu fi qaama isaanii cinatti akka dhiisan taasiseera jetti.

Koodweel nama ganna 36 yoo taatu Niiw Yoork jiraatti, hojjettoonni gaaffii isaanii ukkaamsanii dafqanii akka hojjetan aadaan Ameerikaa ni jajjabeessa jetti.

‘’Otoo dhiigni nurra yaa’uu ciniinnannee hojii akka deemnu nurraa eegama,’’ jetti.

Boqonnaan laguu namoota kanneen akka Koodweel otoo dhukkubbii irra jiranii hojii hojjechuu baran boqonnaa akka argataniif karaa bana jetti Gaabrii'eel.

‘Miira kabajaa guddaa kenna’

Yaadni imaammata boqonnaa kana kennu jalqabuu biyyoota tokko tokko keessatti tamsa’aa jira.

Biyyoota kunneen keessaa Awustiraaliyaan tokko yoo taatu, dhaabotni garagaraa sababa weeraraan gabaan isaanii gatii qabbanaa’eef hojjettoota deebisanii argachuufi hojjettoonni akka isaaniif turan gochuuf boqonnaa laguu kennuun dhimma barbaadamu taheera.

Kiruuks dhaabbatashee wal-qixxummaa koorniyaa irratti hojjetu bara 2016 hundeessite keessattii boqonnaa laguu guyyoota 12 eegalsiifte.

Kanas dhaabbaticha jalqabuun waggaa tokko dura dubartoota 3500 irratti qo’annoo taasisuun, dubartoonni baayyeen yeroo boqonnaa argachuu dhabuun akka isaan yaaddessu hubatte.

Achii dhaabbatnishee qajeelfama boqonnaa laguu maxxansiisuurra darbee, hojiiwwan dabalataa dhimma kanaan wal-qabatan jalqabsiise, ergasii dhaabonni boqonnaa laguu akkatti kennuu danda’an hubachuu fedhan akkan baay’atan himti..

Haa tahu malee hanguma boqonnaan laguu barbaadamu imaammatni kuni wal-xaxaafi komii kan kaasu tahuu mala. Sababiinsaas hojjettoonni laguu gatii arganiif qofa boqonnaa yoo fudhatan addati waan ilaalamaniif wal-qixxummaa Koorniyaa irratti dhiibbaa fiduu mala jedhu.

‘’Dubartoonni sababa qaama isaaniin akka hojjetaa yeroo hunda itti amanuun danda’amutti ilaalamuu dhiisuu malu,’’ jetti Gaabrii’eel.

Dhiibbaan inni wal-qixxummaa koorniyaa irratti qabaatuufi yaaddoowwan biroo kan qoodattu Gaabri’eel Awustiraaliyaatti yoo xiqqaate haala ala-idilee taheen boqonnaan laguu akka jiraatu gochuun bu’aa gaarii ni qabaata jetti.

Kaadweel boqonnaan laguu otoo kennamee jireenyashee akkatti geggeessitu yaaduun akka ishee dhibu dubbatti. ‘’Jireenya koo nan geeddara, jireenya addaan qabaadha,’’ jetti.