Itoophiyaan qaraxa omishaalee qulqullinaa wayita laguuf oolanii hir'ifte

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaatti omishaalee qulqullina eeggachuuf barbaachisoo ta'an irratti qaraxniifi gibirri akka fooyyeefame Ministeerri Maallaqaa biyyattii beeksise.
Haaluma kanaan, qaraxni omishaalee dubartoonni wayita laguu ji'aa qulqullina eeggachuuf itti gargaaraman irra ture baay'ee akka hir'atu taasiseera.
Ministeerichi akka ibsetti, warshaaleen Moodesii (dubartoonni wayita laguu ji'aa qulqullina ittiin eeggataniifi) Daayipperii (qulqullina daa'immanii eeguuf gargaaran) omishuuf galtee barbaachisan alaa yeroo galchan qaraxa malee akka galchan murtaaheera.
Dabalataanis meeshaaleen qulqullinaa dubartootaafi daa'immanii kun yeroo biyya alaatti omishamanii gara biyya keessaa galan kanaan dura qaraxa %30tu irra ture. Murtee ammaa kanaan garuu omishaaleen kunneen yeroo alaa galanittis qaraxni gara %10tti akka hir'ifame ministeerichi ibseera.
Murteen mootummaan taasise kun gama biraatiin, omishaaleen wayita laguu ji'aa ittiin qulqullina eeggatan kun akka biyya keessatti omishamuu danda'an gochuuf, akkasumas omishtoota biyya keessaas jajjabeessuuf kan taasifamedha.Akka Ministeerichi jedhutti, qaraxaafi gibira omisha dubartoonni qulqullina ittiin eeggatan irra ture kana hir'isuun shamarran barumsarra jiran haala salphaa ta'een argatan gargaara.
Kun ammoo, sababiiwwan laguu ji'aa waliin walqabnataniin shamarran akka barumsa isaanii addaan hin kutneefi mana barumsaattis ta'e bakka hojiitti dhiibbaa qoor-qalbii dubartootarra gahu xiqqeessuuf gargaara.
Tarkaanfiin fudhatame kun, omisha biyya keessaa guddisuudhaan rakkoo meeshaalee qulqullina eeggachuuf dubartootaaf barbaachisaa ta'e kana waliin walqabatee jiru karaa waara'aa ta'een furuuf akka ta'es ibsameera.
Itoophiyaatti qorannoon dhiyeessa meeshaalee dubartoonni qulqullina ittiin eeggatan irratti gaggeeffame akka mul'isutti, sababa qaala'insa gatii omishaalee kanaafi rakkoo dhiyeessuu jiruun shamarran/dubartoonni harki caalan wantoota mana keessatti hojjetame gargaaramuun qulqullina laguu ji'aa eeggatu.
Kun ammoo bakka uummanni bal'aan jiraatu baadiyyaatti, barnootaafi sochii biroo dubartoonni taasisan irratti dhiibbaa guddaa akka qabaatu ni himama.
Waldaalee, dhaabbileefi namoonni dhuunfaan mirga dubartootaa irratti hojjetan, fayyaa dubartootaa akka foyyaa'u taasisuuf, akkasumas hirmaannaa waliigalaa isaan qaban cimsuuf mootummaan tarkaanfiiwwan gatii meeshaalee qulqullinaa dubartootaaf barbaachisan baay'ee akka hir'isuuf waggoota dheeraatiif gaafachaa turuun isaaniis ni yaadatama.
Tarkaanfii mootummaan fudhate kanaanis gatii omishaalee kanaafi dhiyeessa isaaniirratti jijjiiramni dhufu bu'aa guddaa akka qabaatu eegama.Ministeerri Maallaqaa akka jedhetti, warshaaleen meeshaa dubartoonni ittiin qulqullina laguu ji'aa eeggatan (Moodesii) omishan sadetti Itoophiyaa keessa jiru.















