'Oolmaan kol. Abdiisaa Aagaa biyyaaf oole hin kanfalamne'-Ilmasaa

Madda suuraa, AMO
Gootota Oromoo jagnummaa isaanitiin seenaa gaarii qaban keessaa koloneel Abdiisaa Aagaa kanneen jalqaba irratti eeraman keessaa isa tokko.
Heddun Abdiisaa Aagaa mallatttoo harka kennachuu diduu Afrikaanaotaati jechuun isa yaadatu. Goota gootumman isaa hin farfamin kan jedhanis jiru.
Tibba kana bulchiinsi magaalaa Finfinnee deeggarsa namoota oolmaa guddaa biyyaaf oolaniif taasiseen ilma goota koloneel Abdiisaa Aagaaf illee mana jireenyaa kennera.
Obbo Eliyaas Abdiisaa jedhamu. Hadha manaa Koloneel Abdiisaa 2ffaa erga Xaaliyaan irraa deebi'anii warroman irraa dhalatan.
Akkataa jireenya isaanii fi waa'ee abbaa isaanii kol. Abdisaa Aagaa waan yaadatan akkasiin BBC'tti himan.
''Abdiisaa Aagaa haati warraa isaanii jalqabaa duunaan haadha keenya fuudhanii walumatti haadha lamarraa kan dhalanne ijoolleen isaa 13 turre. Amma kan lubbun jirru 4 ni taana. Dhiirri ana qofa''jedhu
Manni koloneel Abdiisaa Finfinnee naannawa Dolloo Buddeenaa (Walloo safer) jedhamuu ture diigamuu kan himan obbo Eliyaas ''ergasii maatin keenya bittinee rakkoof saaxilamne'' jechuun haala ture yaadatu.
Akka lakkoofsaa Itoophiyaatti bara1982 irraa eegalee waggoota 15 ta'uuf magaalaa Walisootti hojjataa mootummaa waajjiraa bishaani kan turan obbo Eliyaas achumatti fuudhanii ijoollees horatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garuu hojiin sun jireenya isaanii jijjiruu waan hin dandeenyeef gara Dubaayi deemun waggoota 5f hojjachuu himu. Finfinnetti deebi'anii mana haadha fi abbaa isaanii keessa utuu jiraatanuu ''bara bulchiinsa mootumma ADWUI bara 2003 manni keenya sababa misoomaaf jedhamee diigame, sanumaan maatiin keenya faca'ee'' jedhan.
Koloneel Abdiisaa aagaa erga boqatanii waggaa 48 ta'eera. Ilmi isaani kunis Finfinneetti hojii konkolaachisummaan maati isaanii jiraachisaa utuu jiranuu dhukkubasachuun hojii sana dhaabuuf dirqamu himatu.
Haalli kun ammoo jireenya isaanii irratti dhiibba guddaa fide. ''Ijoollee 4 qabna, an dhukkuba Istirookiin qabamee hojii dhiise. Haati warraa koos hojii qulqullina waan hojjattuuf galii nu jiraachisuu danda'u dhabne. kananiin miidiyaa adda adda irratti dhiyaachuun deeggarsa akka na barbaachisu ibsaa ture'' jedhu.
Carraa bulchinsi magaalaa Finfinnee isaanif kenne kanattilee gammaduu isaani dubbatu Obbo Eliyaas Abdiisaa Aagaa .
Waa'ee abba isaanii maal yaadatu?

Madda suuraa, Maatii
''Seenaan Abdiisaa Aagaa isaa nuti akka maatitti beeknu caalaa barreefameera. Waanti hin beekamne hin jira jedhee hin yaadu'' jedhu.
Yeroo abban isaan kun boqatu nama umurii kudhanii ta'uu barnoota kutaa 5ffaa barachaa akka turan kan yaadatan obbo Eliyaas. ''Finfinnee naanawa kiiloo 5tti mana barnootatti konkolaataan nu deeddebisaa turuu nan yaadadha'' jechun ibsu.
''Galgala galgala ammoo naanawa masaraa mootummaatti bineensota akka leencaa faa nu daawwachiisa ture. Caalatti kanan yaadadhu guyyaa sirni awwalcha Finfinnetti taasifame fi maarshi baandi fa'i.''
Garuu boodarra seenaa abbaa isaanii yeroo baraa dhufan ''goota akkasirraa dhalachuun koo na boonsee, baay'ee natti tola'' jedhan.
Ilmi koloneel Abdiisaa Aagaa obbo Eliyaas Abdiisaa yemmuu kitaabota seenaa Abdiisaa dubbisan, 'abbaan koo seenaa akkasii dabarseeraa edaa jedheen dinqisiifadha'' jedhu.
Biyyaa ofiitif jedhanii, bilisummaaf jedhanii dhiibbaa kamiiyyuu keessatti rorroo diduu Itoophiyaanotaa goota addunyaatti beeksise akka ta'an himan.
''Haa ta'u malee oolmaan isaan birmadummaa biyyaa kanaaf oole hin kanfalamne jedheen yaada''.
Silaa oolmaanf gootummaan isaa kana caala leellifamee dhalootni akka irra baratu taasifamuu akka qabu amanu ilmi isaanii kun.
Addabaabayiin, siidaan, manneen barnootaa fi giddu galootni seenaa maqaa isaaniin mogga'ee fi gootummaa sana dhalotatti dabarsu hin turre. Yeroo dhihoo as garuu sun fooyy'aa jira jedhan.
Akka ilmi isaanii kun jedhanitti Koloneel Abdiisaa irraa waan baay'etu baratama.
''Abdiisaan walqixxumaa fi bilisummaa dhala namaaf qabsaa'e, mallatto gabrummaa diduu gurrachotaati, kanaf dhalootni ammaa kutannoo, tooftaa fi cichoomina isarraa baratu''jedhu.
''Biyyaa ofiif qabsaa'uu tokkomanii injifachuu, wal qooduu dhiisuun, yaada tokkoon galma tokkof dhaabachuun gootummaa ta'utu irraa baratama.''
Seenaa Itoophiyaa qofaa utuu hin taane seenaa Afrikaadhafi ummata gurracha kana baasanii ibsuun ammoo ga'ee hundaa ta'uu himu.
Irra caalattimmoo mootummaan itti gaafatamummaa dachaa akka qabus eeran.
Obbo Eliyaas seenaan abbaa isaanii kun bifa fiilmitiin qophaa'ee dhalootatti akka darbuuf hojjatamuu akka qabullee waamicha kan godhan.
Kol. Abdiisaa Aagaa eenyu?

Madda suuraa, OCB
Waa'een gootummaa koloneel Abdiisaa lammilee biyyota alaa dabalatee kitaabotni heddun barreffamaniiru. Gootaa sirni Faashistii addunyaa irraa akka baduuf qabsa'an ta'uu ibsu.
MM Itoophiyaa Abiy Ahimed waa'ee koloneel Abdiisaa Aagaa yoo ibsaan akkas jedha-''Kabaja fi gatii bilisummaa sirritti beekna yoo ta'e, Itoophiyaan Abdisaa Aagaa gootumman leellisuu qabdi''
Seenaan gooticha kana heddu ta'us akka maddeen kitaaba Seenaa Gootoota Oromoo fi kanneen biroo irra eeranitti hangi tokko gabaabinaan asirrati ibsameera.
Koloneel Abdiisaa Aagaa Oromiyaa Najjotti bara1919 tti dhalate. Yeroo sana Manni barnoota Misiyoonii nannawa sana waan jiruuf afaan Ingiliffaa fi Amariffaa sirritti dubbachuu fi barreessu barate.
Abbaan isaa waan ajjeefameef, Abdiisan umurii 14tti Waraana Itoophiyaatti dabalame leenjii loltummaa fudhate.
Bara 1932 akkuma inni Hoolotaatti leenjii waraana xumuree ajaja-kudhanii ta'uun eebbifameen, bara 1935tti waraanni Itoophiyaaf Xaaliyaan 2ffaa eegale.
Abdiisanis bara 1936 waraana kanarrati loltuu ta'ee hirmaate. Loltootni hedduun dhumanii inni booji'amee wallagarraa Finfinneetti hidhame. Achis karaa Mitsiwwaatin gara Moqaadishoo geessun erga hidhanii booda loltoota biroo muraasa waliin Xaaliyaanii geessanii mana hidhaa kuusaa odola Sisilii keessatti aragamutti hidhame.
Achitti nama lammii Yugozilaaviyaa kan amma biyyota 7tti adda baatee Kapiteen Juuliyoo jedhamu waliin michooman.
Waliinis mana hidhaa keessaa miliquun bosonatti galan. Hidhamtoota biroo mana hidhaa sanas hiikuun ofitti dabaluun waraana guddaa bosona Xaaliyaan keessatti horatan.Gareen kunis Abdiisaa geggeessa isaanii godhachun Xaaliyaanota ijibbachise.
Qondaaltota Xaaliyaan waraanan dadhabnaan waamicha nagaa isaanif godhan. Aangoo guddaa sii kennina jechuun garee isaanitti akka dabalamu gochuuf yaalan. Abdiisan garuu kana hin fudhanne.
Boodarra Waraannii Addunyaa 2ffaa yoo eegalu gareen gamtaa Biriiteen, USA, Firaansaayi fi Raashiyaan Abdiisaa, kaapiteen Juuliyoo fi garee isaanitiif beekkamti kennuun meeshaa waraanaa fi gargaarsa kan biraa dhiyeessufii jalqaban.
Waraana loltoota garee kanaa akka hogganufis Abdiisaan filatamee magaalaa Room bilisa baasan. Warri Biriiteen Abdiisaa ajajaa Pooilisii Waraan Biriitish godhanii filachuun Jarmaanii akka waraanufis garJarmaniitti ergame. Achittis Naazii Jarmaniidhaan magaalaa adda addaa keessatti loluun isaan mo'e.
Dhumarrattis Barliin to'achuu seenaa gootummaa isaa addunyaatti agarsiise.
Waraana addunyaa 2ffaa boodas biyyootni hedduun aangoo guddaa akka isaaf kennan itti himuun akka loltuu isaanitti dabalamu gaafatanis, Abdiisaan garuu dide Itoophiyatti deebi'ee gale. Qondaalotni waraana Itoophiyaas aangoo nurra fudhata jedhanii waan sodaataniif sadarkaa isaa koloneelummaa irra dabarsuu didan.
Koloneel Abdiisaa Aagaas, bara 1977 Finfinnetti addunyaa kanarraa boqate.
Yaadannoof Siidaa koloneel Abdiisaa Aagaa mooraa Yuunivarsiitii Koolleejjii Poolisii Oromiyaa keessa dhabbateera.
Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Lidaattittis Manni Barumsaafi Siidaan yaadannoo koloneel Abdiisaa Aagaan kan moggafame yoo ta'u, Manni baruumsa sadarkaa lammaffaa Najjos maqaa isaanin waamama.
Garuu seenaan isaa kun gara fiilmitti jijjiramee dhalootni gootummaa isaarra akka baratan taasifamuu qabaa kan jedhu yaada ilmi isaanii Eliyaas Abdiisaa Aagaati.















