Jeneraal Taaddasaa Birruu seenaan maalin yaadata?

Jeneraal Taaddasaa Birruu

Madda suuraa, Waraqaa qorannoo Dr. Birraatuu Qana'ii

“Uummanni Oromoo barachuu qaba, lammiin barate ammoo mirga isaa gaafata!”- Jeneraal Taaddasaa Birruutu jedhe.

Oromoo biratti namoota gootummaa fi seenaa hin dagatamne hojjatanii darban jedhamanii adda dureen maqaa dhahaman keessaa tokko Jeneraal Taaddasaa Birruuti.

Oromoo qofaa osoo hin taane namoota ijaarsa Itoophiyaaf oolmaa guddaa oolan keessaa tokkoodha.

Ofii Jeneraal Taaddasaa Birruu akkamiin yaadatama? Seenaa fi seexaa maal kaa’ee darbe? Namni mootii biratti akkaan jaalatamuu fi fonqolcha mootii Hayilasillaasee irratti gaggeeffame fashalse akkamiin deebi’ee mootii irratti ka’uun qabsoo bilisummaa Oromoof xurree kaa’e?

Gaaffilee kanneenif deebii soquuf BBCn namoota seenaa Itoophiyaa fi Oromoo barreessanii fi qoratan akkasumas barruuwwan qorannoo garaa garaa irraa qindeessera.

“Diddaatti dhalatee, diddaatti guddatee, diddaadhan du’e”

Jeneraal Taaddasaan Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Hidhabuu Abootetti dhalate. Waggoota muraasa booddee Xaaliyaanin gaafa Itoophiyaa weerartu maatin isaa hundi humnaan akka duulan taasifamanii abbaa isaa obbo Kennee Jiloo dabalatee obboloota fi ilmaan obboloota obbo Kennee hundi lola irratti akka dhumantu himama.

Obbo Yaasoo Kabbabaa barreessaa fi barsiisaa seenati. Waa’ee Jeneraal Taaddasaa Birruu bal’inaan qoraannoo gaggeesseera, kitaabas akka barreesseera.

“Maatin Jen. Taaddasaa Birruu hundi lola Xaaliyaanii irratti dhumuu irraa kan ka’e Hidhabuu Abootetti akka warra Kennee Jiloo isin hin godhin jedhamee akka hoodatti dubbatama ture,” jedha.

Abbaan Jeneraal Taaddasaa Obbo Kenneen du’uu dhageenyan haati isaas naasudhaan guyyaa 40ffaa inni du’eetti duute.

Kuni ammoo Jen. Taaddasaan haadha fi abbaa malee akka hafu isa taasise. Aarii kanaan yeroo umurii waggaa 13/14 ‘shiftaa’ ta’uun bosonatti akka gale ibsu ragaalen garaa garaa.

“Jeneraal Taaddasaan diddaatti dhalatee, diddaatti guddaatee, diddaadhan du’e,” jedha Yaason haala inni keessa darbe yoo kaasu.

Birraatuu Qana’ii (Dr.) waraqaa qorannoo digrii sadafaa isaa jireenya loltummaa fi siyaasaa Jeneraal Taaddasaa Birruu irratti kan hojjate yoo ta’u Jeneraal Taaddasaan jireenya ‘shiftummaa’ dhiisee harka akka kennatuuf erga walii galamee booda Xaaliyaanin birrii 30 kenniteefii nagaadhan gara qe’eetti deebi’ee akka jiraatu eeyyameefii ture jedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka waraqaa qorannoo Dr. Birraattuu keessatti ibsametti, Jeneraal Taaddasaan yeroo ‘shiftaa’ ta’ee Xaaliyaanii irratti qabsaa’aa ture maqaa Guwaangul Taaddasaa jedhamuun beekama ture.

Jeneraal Taaddasaan birrii 30 Xaaliyaanin kenniteef fudhatee wayyaa ittiin bitatee gaafa deebi’u hawaasa keessatti baay’ee hin rakkanne.

Maqaa bosonaa Guwaangul jedhamuun waan beekamuuf namni akka inni ‘shiftaa’ ta’e beeku hin turre. Haa ta’u garuu hawaasni Salaalee yeroo sana warra ‘shiftaa’ fi warra Xaaliyaanii yookin baandaa gidduutti rakkataa akka turan ibsa Dr. Birraatun.

Akka ragaalen mul’isanitti boodarra Jeneraal Taaddasaan bosonatti deebi’uun ‘shiftaa’ ta’ee Xaaliyaanin falmuu itti fufe.

Baay’ee osoo hin turin Jen. Taaddasaan Xaaliyaanidhaan qabamee gara magaala Fiichee geeffame.

“Achitti obboleettin isaa bakka biraatti heerumtee turte gaabii tokko fiddeefii turte, gaabidhuma sana uffatee gara Finfinnee geeffame malee wayyaa jijjiirratu hin qabu ture” jechuun barreesse Dr. Birraatun.

Fiichee irraa gara Finfinnee, achii ammoo gara Somaaliyaa geeffamuun dhiyeenya magaala Moqadhishootti kan argamtu mana hidhaa “Daannanee” jedhamutti hidhame.

Mana hidhaa “Daannanee” keessatti hojii humnaa hojjachuu irraa kan ka’e jireenyi itti hadhaa’ee akka turetu himama. Keessumaa gaarii harkaan dhiibamuun ganamaa hamma galgalaaatti bishaan guuraa waan ooluf jireenyi baay'ee isa jibbisiisee ture jechuun barreesse Dr. Birraatun.

Yeroo sana Somaaliyaan gita bittaa Xaaliyaanii jala waan turteef Jeneraal Taaddasaan achitti geeffamee hidhame.

Haa ta'u garuu osuma Jeneraal Taaddasaan mana hidhaa Somaaliyaa keessa jiruu, loltoota Xaaliyaanii Somaaliyaa jiran irratti waraanni baname.

Bara 1941 yeroo Waraana Addunyaa 2ffaatti waraanni Ingilizii Keeniyaadhaa ka’uun waraana Xaaliyaanii haleelan.

Jeneraal Taaddasaa fa’aas mana hidhaatii bilisa baasan. Yeroo kanaadha egaa carraan jireenya Jeneraal Taddasaa gara fuulduraa jijjiiru kan isa mudate.

“Mombaasadhaa gara Itoophiyaa…”

Jeneraal Taaddasaa fa’aan mana hidhaa Somaaliyaa “Daannanee” jedhamuu erga loltoota Ingiliziitin bilisa bahanii booda warri Ingilizii leenjii fudhatanii loltuu Itoophiyaa ta’uuf fedhii yoo qabaatan gaafanannaan, Jeneraal Taaddasaan fedha qabaachuu isaanii akka ibsan dubbata Yaason.

“Jeneraal Taaddasaan maatii waan hin qabneef qa’ee itti galu hin qabu, kanaaf filannoo biraa waan hin qabneef loltummaa filate,” jedha.

Sana booda Mombaasatti geeffamee leenjii waraanaa erga fudhatee booda Ittaanaa Ajajaa Dhibbaa ta’uun gara Itoophiyaa akka dhufe ibsa.

Jeneraal Taaddasaan akkuma gara Itoophiyaa dhufeenis Harargee, Cirootti ramadame.

Jeneraal Taaddasaa Birruu Harargeetti

Madda suuraa, Waraqaa qorannoo Dr. Birraatuu Qana'ii

Dhuma bara 1941 tti haadha manaa isaa Aadde Warqababaa Gabramadin wajjin wal baruun gaa'ela dhaabbatan.

Jeneraal Taaddasaa fi Adde Warqababaan ijoollee saddet godhatan, ijoollen dubaraa lama garuu ijoollummaatti baddalamuu isaanii Dr. Birraatun barreessera.

Ijoollee horataniin alatti Jeneraal Taaddasaan ijoollee lama guddifatan jedhama. Cirootti erga ramadamee hojjateen booda kutaalee Itoophiyaa garaa garaa sagal keessa naanna'uun akka hojjate dubbata Yaasoo Kabbabaa.

Akka inni jedhutti kutaalee Itoophiyaa garaa garaa deemee hojjachuun isaa haala uummatoonni biyyattii yeroo sana itti jiranii fi Itoophiyaan biyya akkamii akka taate baruuf carraa uumef.

"Sana dura Itoophiyaan impaayera ta’uu isheetuu hubannoo gahaa hin qabu ture," jedha Yaason.

Biyyattii keessa bakkeewwan garaa garaa deemee hojjachuun isaa haala uummanni biyyattii keessa jiruu fi cunqursaa uummata irra gahu akka baruuf balbala baneef. Kanarraa ka’uun carraa argate hundumaan ifatti cunqursaa uummata irra gahu mormaa fi dubbataa akka ture hima Yaason.

Itti dabaluunis, “Jeneraal Taaddasaan nama haqni osoo jallatuu bira hin dabarreedha” jedha.

Gama biraan eenyummaan Jeneraal Taaddasaa Birruu: gootummaan, dandeettin, haqaaf dhaabbachuu fi jallina dura dhaabachuun isaa sirriitti baramaa kan dhufe bara 1960 booda akka ta’e ibsa. Waa'en Jeneraal Taaddasaa baay'inaan baramaa kan dhufe sana boodadha.

Bara 1950'oota keessaa kaasee Hayila Sillaasen waraana irraa sodaa horachaa waan dhufeef mala gargar qooduu fayyadamaa akka turetu himama.

Kanaafis yeroo sana Ajajaa Eegdota Empaayeraa (Imperial Bodyguard) fi Itti Gaafatamaa Nageenya Kaabinee Addaa kan ture Meejar Jeneraal Mulugeetaa Bulii aangoo irraa kaasun gara Ministeera Misooma Hawaasaa geessun ofirraa fageesse.

Kana kan godheef ammoo Jeneraal Mulugeetaa Bulii waraana biratti jaalatamummaa guddaa qabaachuu irraa kan ka'e fonqolcha narratti gaggeessa jedhee yaaduu irraa kan ka'e tu'uu barreesse Dr. Birraatun.

Haa ta'u garuu Jeneraal Mulugeetadhaan ta'uu baatus yaalin fonqolchaa namoota birootin Hayilasillaasee irratti gaggeeffame.

Yaalii fonqolchaa gaggeeffamee fi oolmaa Jeneraal Taaddasaan Hayila Sillaasef oole

Yaalii fonqolchaa Mudee 13, 1960 mootummaa Hayila Sillaasee irratti gaggeeffame fashalsuu keessatti gahee guddaa kan tapahate Jeneraal Taaddasaa ta'uu ragaalee heddutu jira. Yeroo sana Jeneraal Taaddasaan gulantaa Koloneelii irra ture.

Akka ragaalen mul'isanitti, yaalii fonqolchaa kana qindeessuu keessatti gahee guddaa kan taphate Generaal Mangistuu Niwaayidha.

Jeneraal Mangistuun yaalii fonqolchaa kana milkeessuf Ajajaa humna Polisii kan ture Jeneraal Tsiggee Dibuu biiroo isaatti waamee hidhannoo irraa hiikun hidhe.

Akkuma Jeneraal Tsiggee to'annoo jala oolchen ajajaa humna Dafee Qaaqqabaa kan ture Jeneraal Taaddasaa biirotti waamun humni waraanaa fonqolcha mootummaa irratti gaggeessuf akka jiru kanaaf ammoo ragaan Jeneraal Tsiggee Dibuu to'atamee akka jiru itti himuun fonqolcha kana fashalsuuf Jeneraal Taaddasaan akka deeggarsa godhu gaafate.

Jeneraal Tsiggee Dibbuu nyaaran (xaqqasee) akka keessaa hin qabne Jeneraal Taaddasaadhaf mallattoo kennuufii isaa barreesse Dr. Birraatun.

Jeneraal Taaddasaan daba hojjatamaa jiru waan bareef sobee yaada Jeneraal Mangistuutti walii galuun "dhaqeen waraana koo walitti qaba" jedhee malaan harkaa bahe gara biiroo isaa Kolfee jirutti hatattamaan deebi'e. Akkuma deebi'eenis Eegdonni Empaayeraa yaalii fonqolchaa gaggeessuf akka jiran akka shakke poolisootatti hime.

Gama biraan Generaal Mangistuu Niwaay loltoota lama ergee Jeneraal Taaddasaa qabanii akka fidan, yoo dide ammoo akka ajjeessan ajaje. Loltoonni akkuma Kolfee gahanii Jeneraal Taaddasaan akka barbaadamu gaafataniin Jeneraal Taaddasaan loltoonni sun hidhamanii akka qorataman ajaje.

Loltoonni lamaan yommuu qorataman isa qabuuf, yoo dide ammoo ajjeesudhaaf ajaja fudhatanii akka dhaqan ragaa kennan.

Jeneraal Taaddasaan kana gaafa dhagahu ajajaa walii galaa humna waraanaa qunnamuuf yaalii godhus bilbilli akka citu waan godhameef qunnamuu hin dandeenye.

Yeroo sana Hayilasillaasen Ertiraa ture waan ta'eef Jeneraal Taaddasaan karaa poolisii Ertiraa isa qunnamuun waan deemaa jiru itti hime. Innis dafee Finfinneetti akka deebi'u waadaa seenun humna waraanaa wajjin ta'uun fonqolcha akka fashalsu itti hime.

Dhuma irrattis Jeneraal Taaddasaan humna Dafee Qaqqabaa (Faxinoo Daraash) bobbaasun fonqolchi akka fashalu godhe. Loltoota Eegdota Empaayeraa 2600 ol ta'an kanneen yaalii fonqolchaa irratti hirmaatanis booji'e.

Jeneraal Taaddasaa Birruu

Madda suuraa, Waraqaa qorannoo Dr. Birraatuu Qana'ii

Ibsa waa'ee suuraa, Jeneraal Taaddasaa Birruu fonqolcha bara 1960 booda (yeroo sana gulantaa Koloneelii irra ture).

Fonqolchi yaalamee ji’a lama booda Hayila Sillaseen oolmaa Jeneraal Taaddasaa deebisuuf jecha “Maal akkan siif godhu barbaadda?” jedhee gaafate jedha Yaason.

Jeneraal Taaddasaan waraana yaalii fonqochaa irratti hirmaatan heddu booji’ee harkaa waan qabuuf, “Waraanni kun akka gadi lakkifamanin barbaada, waraanni idileen homaa hin goone warra isaan ajajeedha malee” jechuun Hayila Sillaasee gaafate.

Hayila Sillaasen kana Jeneraal Taaddasaa irraa hin eegne waan ta’eef, “Maal jette! Lammaffaa waan akkasii dhagahuu hin barbaadu,” jennaan Jeneraal Taaddasaan ammoo “Akka tasaa dogoggorri yoo hojjatame dhiifama waliii gochuunis haa baratamu,” jechuun deebii kenneef jedha Yaason.

Deebii Jeneraal Taaddasaan isaaf deebise kana irraa ka’uun, “Oromoodhuma na oolchen deebi’ee sodaadhe” jedhee Hayila Sillaasen akka dubbate hima.

Kanarraa kaasee Hayila Sillaasen Jeneraal Taaddasaa sodaachuu akka eegaletu himama.

Yaasoo Kabbabaa akka jedhutti yeroo sanatti Jeneraal Taaddasaan itti gaafatama gurguddaa irrattis bobba’ee ture: Ajajaa Poolisii Humna Dafee Qaqqabaa, Itti Aanaa Ajajaa Poolisii Biyyoolessaa, Itti gaafatamaa Duula Barnootaa (Fidel Sarawit) fi Koree Olaanaa Mana Amantii Ortodoksii ta’uun tajaajilaa ture.

Jeneraal Taaddasaa Birruu fi Nelsan Mandeellaa

Jeneraal Taaddasaan Itoophiyaa ijaaruu, qabsoo fi sabboonummaa Oromoo utubuu bira darbee Nelsaan Mandeellaa (Madiiban) Afrikaa Kibbaatti qabsoo hidhannoo finiinsun biyya isaa bilisa akka baasuf nama leenjii waraanaa dhoksaadhan kenneefidha.

Nelsan Mandeellan maqaa sobaatin Itoophiyaa dhufee leenjii waraanaa akka fudhatuuf erga godhamee booda bara1962 tti gara Itoophiyaa dhufe.

Yeroo sana Hayila Sillasen Jeneraal Taaddasaa waamun dhoksaadhan akka leenjisuuf ajaja itti kenna.

Shaambal Guutaa Dinqaa turtii BBC waliin taasiseen namoota yeroo sana dhoksaadhan Nelsan Mandeellaa akka eeganiif Jeneraal Taaddasaan filate keessaa tokko akka ture hime.

Mandeellan turtii Itoophiyaatti taasisu keessatti namoota isa leenjisan, eeganiifi gargaarsa godhaniif dhoksaadhan kan ramadeef Jeneraal Taaddasaadha: Koloneel Fiqaaduu Waakkennee leenjisaa Mandeellaa, Ajajaa Dhibbaa Fiqaaduu Wandimmuu gargaaraa leenjisaa, shofeera fi turjumaana Mandeellaa ta'anii ramadaman.

Shaambal Guuta Dinqaa fi Ajajaa Shantamaa Dabbabaa Isheete ammoo wal jijjiiranii Mandeellan akka isa eeganiif ramaduu isaanii hima Shambal Guutaa.

Warri Appartaayidii Mandeellaan Itoophiyaatti jiraachuu baranii asitti ajjeechisuuf bajata guddaa ramadanii Finfinnee dhufan.

Mandeellaa ajjeesisuuf nama siriidha jedhanii kan filatan eegduu Mandeellaa kan ture Shaambal Guutaa Dinqaadha.

Kanaaf, isa hoteela Xaayituutti waamanii yoo Mandeellaa bakka inni ciisee jirutti halkan hudhee ajjeese paawundii 2000 fi carraa biyya alaa bahuu akka kennaniif waadaa galaniif.

Shaambal Guutanis kan garaa garaatu beeka jechuun tole jedhee paawundii 2000 harkaa fudhatee kallattiin mana Jeneraal Taaddasaa Birruutti qajeele.

“Yeroo sana Piyaassadhaa hanga Markaatotti gaarin turte waan ta’eef ishee yaaben, achii ammoo ariitidhaan gara mana jireenya Jeneraal Taaddasaa Birruun deeme.

Neelsan Mandeellaa ajjeesuf qophiin akka jiruu fi akkan ajjeesuf sobee walii galee dhufen itti hime. Jeneraal Taaddasaan garuu na amanuu dadhaban. Mandeellan as jiraachuun isaa akkamitti akka barames waan nahan natti fakkaata." “Boru halkan ajjeesee halkanuma sana konkolaatan qophaa’ee jara wajjin karaa Moyaalee akka bahuuf karoorfames ittan hime" jedhe Shaambal Guutan.

Jeneraal Taaddasaan odeeffannoo kana Shaambal Guutaa irraa erga argateen booda oppireeshinii qindeessee jara Mandeellaa ajjeesisuuf dhufan to'annaa jala akka oolan godhe.

Jeneraal Taaddasaa fi Neelsan Mandeellaa

Madda suuraa, MAYIBUTE ARCHIVES

Shaambal Guutan Maadibaa ykn Nelsan Mandeellaa du'a oolchuu isaanitiin Jeneraal Taaddasaan gammadanii badhaasa kennaniif. "Ofitti na waamanii ati seenaa hojjatte. Duriyyuu ati nama cimaa akka taate nan beeka, amma immoo akka ilmoo kootittan si ilaala jedhanii birrii 250 kiisii isaanitii fuudhanii naaf kennan" jechuun guyyicha yaadata.

Shaambal Guutan akka jedhutti Nelsan Mandeella fi Jeneraal Taaddasaa gidduu hiriyummaa cimaaatu ture. Gaafa Mandeellan gara biyya isaatti deebi'u Jeneraal Taaddasaan shugguxii mudhii irraa hiikkatee yaadannoodhaf akka ta'uuf Mandeellladhaaf akka kennee fi gaafa inni kennuuf sana bira akka ture dubbata Shaambal Guutan.

"Jeneraal Taaddasaan Shugguxii dhuunfaa isaanii abbaa inchii 12 fi kaalibarii 38, kan Koolt jedhamu ofirraa hiikanii kennaniif." "Sana booda Mandeellaa fi Jeneraal Taaddasaan walitti marman. Mandeellaan hanga Buufata Xayyaara Booletti akka gaggeeffamu godhanii booda leenjistoonni isaas ta'ee nuti warri eegumsaaf ramadamne gara hojii keenya idileetti deebine," jedha.

“Oromoon saba guddaa waan ta’eef yoo barate akka galaanaa nurra garagala”

Fonqolchi Hayila Sillaasee irratti gaggeeffame erga fashaleen booddes Jeneraal Taaddasaan duula barnootaa biyyattii keessatti gaggeeffamu cimsee itti fufe.

Waxabajjii bara 1963 taateen jireenya Jeneraal Taaddasaa guutummaatti jijjiiru isa mudate.

Gabaasa duula barnootaa dhiyaate irratti mormiin Jeneraal Taaddasaa irratti dhiyaate tokko nama hundumaa barsiisa taanan booda nama “kophee nuuf xaragu” nu dhorka kan jedhu akka ture dubbata Yaasoo Kabbabaa.

Jeneraal Taaddasaan garuu kuni cunqursaadhuma saba Itoophiyaa hundaaf waan jedhame itti fakkaatee, “Barsiifnu malee, beeksifnu malee, jaalalaan malee biyya bulchuun hin danda’amu” jedhee deebiseef jedha Yaason.

Jeneraal Taaddasaa Birruu fi Artist Lammaa Guyyaa

Madda suuraa, Waraqaa qorannoo Dr. Birraatuu Qana'ii

Ibsa waa'ee suuraa, Jeneraal Taaddasaa fi Artis Lammaa namoota duula barnootaa irratti hirmaataniif Ada'aatti waraqaa ragaa yeroo kennan

Boodarra waanti caalatti laphee isaa cabsu isa mudate. Bara Hayilasillaasee Muummicha Ministeeraa kan ture Akiliiluu Haptawald mana isaatti Jeneraal Taaddasaa waamee, “Gaafa barsiiftu addaan baasii barsiisi, keessumaa Oromoon yoo barate galaana waan ta’eef nurra garagala. Isaan waggaa dhibba tokko duubatti deebisnee isaan bituu barbaanna,” jedhee itti hime jedha Yaason.

Akka inni jedhutti Jeneraal Taaddasaa Oromoo ta’uu isaa Akiliiluu Haptawaldi hin barre. Yeroo sana inni Oromoo ta’uu isaa kan beekan nama lama qofa: Ministeera Dhimma Alaa kan ture Katamaa Yifruu fi Hayilasillaaseedha.

Erga Akiliiluu Haptawald akka Oromoon barachuu hin qabne itti himeen booda Empaayiricha keessatti imaammataan Oromoo irratti xiyyeeffatanii boodatti hambisuuf akka hojjatan ijji banamuufii dubbata Yaason.

Jeneraal Taaddasaa fi Waldaa Maccaa fi Tuulamaa

Waldaan Maccaafi Tuulamaa akka waldaa wal gargaarsatti bara 1963tti qaama seerummaa argatee galmaa'e.

"Waldaan Maccaa Tuulamaa roorroo, tuffatamuu fi hiyyoomuu uummata Oromoo namoota hubatan kanneen akka Alamuu Qixxeessaa, Haayilemaariyaam Gammadaa fi Baqqalaa Nadhii fa'aan bara 1963 hundaa'e," jedhu Obbo Dirribii Damiseen turtii kanaan dura BBC waliin taasisanin.

Jarreen kunneen ogeessota seeraa waan tahaniif jalqaba akkasumatti Oromoota haqa dhabanii rakkataa turaniif toluma abukaatoo tahanii dhaabachuun tajaajiluu akka jalqaban himu.

Akka Obbo Dirribiin jedhanitti maqaadhuma Maccaa fi Tuulama jedhuyyuu kan moggaase Hayilamaariyam Gammadaati.

Yeroo sana dhaaba siyaasaa hundeessun seeran dhorkaa waan ta'eef Oromoonni hedduun wal gahanii roorroo ummata irra gahu kan mariyatan Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessatti.

Jeneraal Taaddasaanis dhuma bara 1963 tti Waldichatti miseensa ta'anii akka dabalamanii fi yeroon sun yeroo itti sirna bulchiinsa Hayilasillaaseerratti xireeffatan ta'uu hima Yaasoon.

"Yeroo inni miseensa Waldaa Maccaa fi Tuulamaa ta'u sana waraana keessatti gulantaan namoota Oromoo ta'anii akka hin guddanneef xalayaan (communique) dhoksaadhan raabasamee ture argeera. Akkasumas Jeneraal Taaddasaan Komishinara poolisii osoo ta'uu qabuu milishaa Darrasaa Dubbalaa jedhamu Komishanara godhan.

Bakka isaa duraatii kaasanii Hogganaa Milishaa gochuun gara Affaaritti akka jijjiramu godhan. Inni garuu didee hojii dhaabun yeroo muraasaf manatti galee ture, kuni hundi erga ta'een booda Waldaa Maccaa fi Tuulamaatti kan makame," jedha.

Akka Yaason jedhutti Jeneraal Taaddasaan Waldaa Maccaa fi Tuulamaatti makamuun isaa waldichi guutummaatti waldaa wal gargaarsaa irraa gara gaaddisa siyaasa fi sabboonummaa Oromootti akka jijjiiramu godhe.

Inni waldichatti makamuu hordofee ji'a lamaa gaditti miseensonni waldichaa kuma 300 ol akka gahan dubbata Yaason.

Waldichi Oromoo qofaa osoo hin taane saboota akka Kambaataa, Sidaamaa Hadiyyaa, Walaayittaa, Amaara fi kanneen biroo keessaa itti makamanii turuu ragaalen ni agarsiisu.

Jeneraal Taaddasaan hanga bara 1966 qabamee hidhamutti turtii waggaa lama waldicha keessa tureen jijjiiramni guddaan waldicha keessatti akka dhufu godheera.

Gama biroon ammoo waldichi jabaataa deemun isaa Hayilasillaasen waldicha irratti akka ilkaan ciniinnatu taasisuu ragaalen garaa garaa ni mul'isu.

"Yeroo sana namoonni akka Girmaa Walda Goorgis, Jaagamaa Badhaanee fi Katamaa Yifruu fa'aa waanta Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessattu godhamu basaasun Hayilasillasetti himu turan," jechuun ragaa akka qabuu fi kitaaba isaa keessatti illee barreessee akka jiru hime.

Yaalii fonqolchaa fashalee fi hidhamuu Jeneraal Taaddasaa

Jeneraal Taaaddasaan fa'aa Sadaasa 2, 1966 yaalii fonqolchaa mootummaa Hayilasillaasee irratti gaggeessuf yaalanii hin milkaahin hafan. Yaalin erga gaggeeffamee booda Sadaasa 17, 1966 Jeneraal Taaddasaan to'annaa jala oole.

Fonqolchi sun yoo milkaa'e barruu raadiyoo fi TV dhaan darbu barreessanii akka turan akkasumas heera fi alaabaa diimaa, gurraacha, adii gidduutti Odaa qabu illee qopheessanii akka turan dubbata Yaasoo Kabbabaa.

Jeneraal Taaddasaa Birruu fa’aa akkuma qabamaniin Waldaan Maccaa fi Tuulamaas akka cufamu godhame.

“Waldaan Maccaa fi Tuulamaa cufamnaan leegasii sana itti fufsiisuf Baaroo Tumsaa Waldaa Dhidheessaa kan jedhu hundeessee ture,” jedha Yaason.

Waldaan Didheessas hin milkaayin waan hafeef namoonni akka Baaroo Tumsaa fi Luba Guddinaa Tumsaa taa’anii mariyachuun bifa ittiin Oromoon gurmaa’u fala dhahuu hima.

Itti fufuun barruun “Voice of Oromo Against Tyranny” jedhu kan Baaroo Tumsaa fi Diimaa Nooggoo fa’aa barreessan akka dhalatu taasise.

Kuni ammoo Addi Bilisummaa Oromoo akka hundaa'uf sababa ta'e.

Yeroo sana Jeneraal Taaddasaan galamsotti hidhaa dhaabbiitiin hidhamee waan tureef namoota qabsoo hidhannoo gaggeessuuf qophii ta'an wajjin akkasuma namoota akka Baaroo Tumsaa wajjin wal arguuf carraa gaarii uumufii dubbata Yaason.

"Koreen ABO Finfinnee Jiruu fi Galamso (Jeneraal Taaddasaa Birruu fa'aa) waliin mariyachuun [qabsoo hidhannoo eegaluuf] Elemoo Qilxuu Yamanitti qunnaman," jedha. Gama biraan ammoo namoonni akka Baaroo Tumsaa Galamso deemun Jeneraal Taaddasaa wajjin mari'atu.

"Jeneraal Taaddasaan abbaa sabboonummaa ammayyaa Oromooti'

Oromoo dammaqsuu, qabsoo bilisummaa fi sabboonummaa Oromoo ammayyeessuu keessatti shoorri Jeneraal Taaddasaa Birruu olaanaa ta'uu namoonni heddu itti walii galu.

Hundeeffamuu Adda Bilisummaa Oromoo keessaa qooda qabaachuu qofa osoo hin taane Dura taa'aa ABO jalqabaa ta'ee mana hidhaa osoo jiruu kan filatame Jeneraal Taaddasaa Birruuti.

Yasoon akka jedhutti namni Baaroo Tumsaa harka qabee gaggeessummaaf guddise Jeneraal Taaddasaa Birruudha.

Dargiin Hayilasillaasee irratti fonqolcha gaggeessun erga aangorraa buusee booda Jeneral Taaddasaan mana hidhaatii bahee ture.

Dr. Birraatun akka jedhutti Jeneraal Taaddasaan gita hojii isaa duraanii dabalatee bulchaa 'Sidaamoo' illee akka ta'uuf affeerraa godhuufis inni garuu hin fudhanne.

Dhuma irratti Dargiin gorsaa "Sagantaa Tokkummaan Misoomuu" jedhutti gorsaa gochuun Jeneraal Taaddasaa muude.

Kanarraa ka'uun hojiif jecha gara Amboo, Jibaat, Shanan, Noonnoo, Giincii, Holankomii, Gindoofi Meettaa Roobii fa'aa deemun carraa daawwachuu argate. Boodarra ammoo finciluuf akka murteesse ibsa Dr. Birraatun.

Dargiin humna guddaa boobbaasee Jeneraal Taaddasaa fa'aa to'annaa jala oolche. Akka Dr. Birraatun barreessetti jalqaba irratti Manni Murtii Waraanaa Jeneraal Taaddasaa fi Koloneel Hayiluu dhan alatti namoota biroo afur irratti hidhaa umurii guutuu murtesse. Booda garuu hundi isaanii akka ajjeefaman Dargiin murteesse.

Dhuma irratti Dargiin waraana guddaa bobbaasun Jeneraal Taaddasaa to'annaa jala oolchun ajjeese.