Prof. Kuwee Kumsaa: 'Sabboonummaan cunqursa tokko qofa irratti xiyyeefatee ofiisaatiin cunqursaa biraa fida'

Pirofessar Kuwee Kumsaa
Ibsa waa'ee suuraa, Pirofessar Kuwee Kumsaa

"Nama biraa qeequn waan salphaa dha. Haa ta'u malee Waalalliny Makonnin of qeeqe," kan jedhan hayyuun Oromoo Prof. Kuwee Kumsaa, of qeequn walin jireenya uummattoota biyyattiif waan daran barbaachisaa ta'eedha jedhaniiru.

Mariin barreeffama Waalalliny Mokonnin irratti mata duree 'Gaafi sablammiilee Itoophiyaa irratti' jedhu jalatti hoteela Shaaraatanitti adeemsifamaa jira.

Barreeffama waggoota 50 ol lakkoofsise kanaratti namootni siyaasaa, barreesitootni, qorattootni fi hayyuulen biroo irratti hirmaachaa jiru.

Marichi Institiyuuti Dhimmoota Tarsimo'aa (Institute for Strategic Affairs) tin qophaa'e.

Maricharratti haasaa kan taasisan qorattu, barreessituu fi leellistuun mirga dubartootaa Proofesar Kuwee Kumsaa "Waalaliny ofif Amaaraa ta'ee cunqursa maqaa Amaaraan raawwatamaa ture qeequn isaa cimina guddaadha" jechuun dubbatan.

Dhimmi cunqursaa sabaaf sablammiilee Waalaliny malee barattoota isa dura turaninille ka'aa akka ture himuun dhimmicha iffatti fulduratti fidun Waalaliny biyya sab-daneessa uumuu kan kaayyefate ta'uu himan.

Kanneen qorannoo dhiyeessan

Sabboonummaan cunqursa tokko qofa irratti xiyyeefatee gosoota cunqursaa biraa dagate mataa isaatin cunqursaa fida jechun kan dubbatan hayyun tun "akka fakkeenyaattis sabboonummaan Itoophiyaa keessa ture sabboonummaa Itoophiyaa qofa leellisuun sabboonummaa sabummaa cunqursu ture," jedhan.

'Waalalliny wayita barreeffamicha dhiyeessu achin ture'

Waggoota soddoma darbanittimmo sabboonummaan Itoophiyummaa kan laafe ta'u dubbatan.

Kanaafis sabboonummaa lamaanu walin deemsisuu fi biyya uummattoota hundaaf taatu ijaaruuf walin mariin akka barbaachisu himan.

"Bara 1969 Waalaliny wayita barreeffamicha dhiyeessu ani achin ture" kan jedhan Doktar Diimaa Noggoo barreeffamni Waalaliny immaamata mootummaa keessattille yeroo bara dargii dabalatee heerota biyyattii keessatti mul'ataa turuusaa himan.

Barreeffamni Waalaliny ejjennoo siyaasaa waraaqsa barattootaa waqtii sanaa ta'ullee, dokumantii seena qabeessa dhaloota yeroo sana boodaa irrattille dhiibbaa uumuu danda'e ta'uu himan.

Yaadni Waalaliny barreesse yaada Waalaliny qofa osoo hin taane kan hawaasni yunivarsiiti Finfinnee irratti mari'achaa turan ta'us dubbatan.

"Yeroo sanatti daangaadhaan tokko yoo ta'e malee Itoophiyaan biyya lama turte," kan jedhan Dr Diimaan gaaffin lafaa fi mirga sablammiilee gaafiwwan ijoo waqtii sanaa ta'uu dubbatan.

Yeroo sanatti namootni eenyummaa ofiitin akka qaana'an akkasumas maqaasaani fi eenyummaasaani akka dhoksan kan itti ture ta'uu himanii haalli yeroo Waalaliny barreeffamicha dhiyeessu mooraa yunivarsiitii keessa tures miira cimaan kan guuttame ta'u yaadachiisan.

Gama biraatin daayrektara olaanaa Inter-Africa Group kan ta'an fi miseensa Waraaqsa Soshaalistii Itoophiyaa Hundaa (MEISON) kan turan Obbo Taammiraat Kabbada Waalaliny walin yeroo waggaa tokko hin guunnef mana hidhaa keessa turuu isaani himan.

Yeroo kanattis Waalaliny mootummaan fiwudaalaa Haayila Sillaasee fonqolcha mootummaan osoo hin taane warraaqsa (revolution) dhaan aangorraa akka bu'u amana ture jedhan.

Waan itti amane fulduratti dubbachuu fi hojjechuurraa duubatti kan hin jenne dha kan jedhan Obbo Taamiraat Kabbada "yaadni inni itti wareegame ammallee guutummaatti lafa hin qabanne" jechuun himan.