Garasuu Dhukii: 'Goota rasaasa jalqabaafi xumuraa' loltoota Xaaliyaanitti dhukaase

Suuraawwan Garasuu Dhukii muraasa golambaa Ingilizii keessaa aragaman

Madda suuraa, Maatii

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraawwan Garasuu Dhukii muraasa golambaa Ingilizii keessaa aragaman
    • Barreessaa, Dereje Gonfa
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Maqaan Farda isaan 'Abbaan Booraa' jedhamuun beekama. Wayita loltoonni Xaaliyaanii kan Adwaa irratti injifataman haaloo ba'uuf yeroo 2ffaaf Itoophiyaa weeraruuf dhufanitti, jalqabaa hanga xumuraatti waggoota shaniif loltoota Xaaliyaanii ijibbaachisuun maqaan ka'u keessaa tokko.

Gootummaa isaa kanaafis wallee fi geerarsa keessatti yeroo yedduu maqaan isaa kaafamee jajama. Innis Dajjaazmach Garasuu Dhukii Ykn Abbaa Booraati.

Garasuu ilma Dhukii ilma walee Walisoo

Eenyutti baheen badaa sittin bahe anisoo...

Kun walaloo sirbaa Aartist Hacaaluu Hundeessaa kabaja guyyaa yaadannoo Adwaa bara 2019 Finfinneetti kabajame irratti gootota Adwaa faarsuf sirbe keessaa kan fudhatamedha.

Kana malees sirboonnii fi geerarsi gootumaa fi cimina Dajjaazmach Garasuu jajaan heddutu hawaasa keessa jira.

Garasuu Dhukii, nama loltoota Xaaliyaanii meeshaa waraanaa ammayyaa'aan lolaa turan dura dhaabatee biyyaa bilisaa dhaloota dhaalchise kana seenaan waa'ee isaa maal hima?

Odeeffannoo Ilma Dajjaazmach Garasuu, Taaboor Garasuu, miseensota maatii biroo (Obbo Shifarraa Toleeraa) fi qorataa seenaaf aadaa Waajjira aadaafi Turizimii Magaalaa Walisoo Obbo Naggasuu Abdiisaa irraa iyyaafannee fi raagee biroo irraa kan arganne akkasiin qindeessineera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dajjazmach Garasuu Dhukii, naannawa magaalaa Walisoo bakka Maaruu jedhamutti Caamsaa 1905 dhalate. Maatiin isaa barsiisaa mindeessaniifi barnoota amantii Ortodoksii akka baratu taasisan.

Abbaa Dajjaazmach Garasuu, Qanyaazmach Dhukii Gulummaa, nama gootummaan beekamuufi waraana adda addaa irrattillee hirmaataa tureedha. Hawaasa birattis fudhatamummaa guddaa qabu turan.

Gootummaa maatirraa kan dhaale Garasuunis abbaasaa waliin waltajjii adda addaatti hirmaachuun akkaataa dubbii fi ittiin nama amansiisaan barata ture.

Gugsii fardaan baay'ee beekama. Kana malees, wal'aansoo, darbannaa eeboofi gaachanaan qolachuu shaakalaa ture. Farda yeroo hedduu gulufsiisu jaalatuuf umurii waggaa kudhaniitti maqaan masoo 'Abbaa Booraa' jedhu kennameef.

Garasuun gosummaafi matta'aa hedduu jibba ture. Namni matta'aan haqa namaa akka dabsu hin eeyyamu ture. Kana malees, gosaa fi sanyiin wal lakkaa'anii walitti duuluun akka hin barbaachisfne hawaasa barsiisaa ture.

''Nama biyya isaa jaalatuu fi bilisummaatti amanu waan tureef weerara biyya isarratti taasifamu mormuuf ijjannoo cimaa qaba. Kanaaf gaafa Xaaliyaan Itoophiyaa weeraruuf dhufan hanga lubbuun jirutti akka falmu murteeffate qabsootti seenee'' jedhe ilmisaa Taaboor Garasuu.

Akkamiin akka gara Masaraa mootitti fudhatame

Ija jabinaafi ciminasaa alattis akkaataa dubbii abbaasaa jala deemee barataa waan tureef waa ibsuuf yeroo hedduu isatu filatama ture.

Guyyaa tokko mootiin Hayilasillaaseefi haati warraa isaanii Iteegee Manan Waliso burqaa bishaan ho'aa daawwachuuf wayita dhaqanitti, Garasuun fardasaatiin fuuldura gulufuun karaa itti agarsiisaa ture.

Sana malees, waan naannawa sana jiruu fi rakkoo hawaasaa haala nama hawwatuufi ogummaan guutameen ibsaafii ture.

Hojiifi cimina Garasuu kanatti kan gammadan haati warraa mootichaa masaraatti akka isa fudhatanii galan murteessan. Karaa eessumasaa Gabramaariyaam Gaariitiin Finfinneetti waamsisuun leenjii loltummaa akka fudhatu taasifame.

Erga loltummaadhaan waggoota torbaaf tajaajilee booda ciminaafi amanamummaa isaarraa kan ka'e itti dhiyeenyaan mooticha akka tajaajiluuf filatame. Waggoota muraasaan booda ammoo, loltoota ilma mootichaa Asfaawasanitti makamee Wallootti duule.

Wayita loltoonni Xaaliyaan humna cimaadhaan dhufaa akka jiran dhaga'ametti, Garasuun gara Walisootti deebi'ee loltoota hedduu fudhatee akka deebi'u beeksisee Walisootti qajeele.

Loltoota hedduu naannawa isaarraa fudhachuun loltoota Raas Kaasaa Ambaalaagee turan waliin walitti dabalamanii adda Waraanaa Tambeenitti Xaaliyaanota waliin waraana walitti banan.

''Amma diinni biyya keenya weeraruu dhufeera. Yeroon itti jalqabnu amma, kan jalqabu ammoo ana'' jechuun dhukaasa itti bane.

Rasaasa jalqabaa Garasuun Itoophiyaa bakka bu'uun Xaaliyaanotatti dhukaaseen waraanni Itiyoo-Xaaliyaan 2ffaa kan eegalame akka ta'e Kitaaba Qorataan Seenaa Taaboor Waamii barreessan 'Abbaa Booraa' jedhu keessattis ibsameera.

Lola Tambeenii fi Maayicawurratti gaggeeffameen loltuun hedduun dhumanii kaan booji'amanii, kaan baqatanii karaa Warra Iluutiin, Finfinneetti yoo deebi'an loltoonni Xaaliyaanii kutaalee biyyatti hedduu qabatan.

Yeroos Mootiin Hayilasillaaseen ammoo hoggantoota waraanaa hedduu wajjiin gara Ingilizii deeman.

Ilma waliin bosona galuu isaa

Waraana Tambeenii fi Maayicawurratti gaggeeffamerratti loltoonni Xaaliyaanii meeshalee waraanaa cimaa waan fayyadamaa turaniif loltoonni Itoophiyaa heddun booji'amanii kaaniis bittinnaa'an.

Garasuunis gara biyyasaatti deebi'ee loltoota dabalatee qabsoo akka itti fufu murteessee Walisootti gale.

Ilma angafaa Garasuu Dhukii, Tafarraa Garasuu umuriisaa waggaa 15tti abbasaa waliin bosona seenuun loltoota Xaaliyaanii waraanaa ture

Madda suuraa, Maatii

Ibsa waa'ee suuraa, Ilma angafaa Garasuu Dhukii, Tafarraa Garasuu umuriisaa waggaa 15tti abbasaa waliin bosona seenuun loltoota Xaaliyaanii waraanaa ture

Yeroo kanatti loltoonni Xaaliyaanii kutaa biyyattii bakka hedduu waan qabatanii fi Hayilasillaaseenis biyyaa baheef, loltoota muraasaa fi ilmasaa hangafaa kan umuriin waggaa 15 fudhatee naannawa dhalootasaa Maaruutti bosona baddaa qeerroo jedhamu gale.

''Hangaan lubbuun jirutti biyyikoo hin weeraramtu'' jechuun qabsoo riphee loltummaan loluuf murteesse.

Ilmisaa Tafarraa Garasuu kan umurii waggaa 15tti abbaasaa waliin bahee bosona seenuun abbaasaa gargaaree loltoota Xaaliyaanii adamsee haleelu eegale.

Utuu leenjii waraanaa hin qabaatiin muuxannoo waraanicha irratti argateen of danda'ee birgeedii waraanaa ajajuu irraa hanga muudama Qanyaazimaach jedhamutti ga'e.

Erga waraanni xumuramees gara Shawaatti deebi'anii naannawa Bodda jedhamu utuu bulchaa jiranii, dhibee tasaan addunyaa kanarraa boqatan.

Loltoonni Xaaliyaanii hidhannoo cimaan itti qophaa'anii Itoophiyaa dhufanillee Garasuufi gootota biyyattii kaan jilbiinfachiisuu hindandeenye ture. Waggoota shaniif riphee loluun loltoota Xaaliyaanii bahaafi gala dhowwaa turan.

Garasuun akka malee waan isaan ijibbaachiseef, hoggantoonni waraana Xaaliyaaniifi baandonni yeroo hedduu araaraaf jaarsummaa itti ergaa turan. Garasuun garuu gargaarsa ummataafi gootummaa waan qabuuf shira kanaan qabamuu dide.

Keessumaa loltootasaa fi ummata loltoonni Xaaliyaanii fixan ijasaa duraa baduu dide. Inni jaarsummaan dinnaan Xaaliyaanonni abbaa fi haadhasaa qabatan. Inni ammoo eeggatee ajaja araanaa isaanii booji'ee.

Isaanis 'maati kee gadi siif dhiisnaa ati ammoo koloneela keenya gadi nuuf dhiisi' jechuun maatiisaatin wal jijjiree harka diinaatii maatiisaa baafate.

Hawaasni dhiiraafi dubartiidhaan Garasuu duukaa hiriiruun loltoota Xaaliyaanii rakkisa turan. Garasuunis loltoota leenjisaa kanneen leenjii qaban ammoo ajajoota waraanaa godhee muuduufi maqaa kabajaa (Baraanbaras, Fitawuraari, Qanyaazmaach...) itti moggasaa ture.

Mirga ajajoota waraanaan haala sanaan muuduu kan qabu Mooticha qofa ture. Haata'u malee, mootichi biyya keessa waan hin jirreef itti gaafatamuumma sana fudhachuun ofumaaf muudaa ture.

Mootichi yeroo Ingiliziirraa deeb'u, Garasuun lubbuun jiraachuun heddu isa raajeffachisee, ofitti waamee ''maaltu akka siif godhamu barbaadda?'' jedhee gaafate.

Garasuunis, muudama inni kennaa ture akka raggaasisuufi loltoota Xaaliyaanii guutummaan biyyaa baasuuf loltoonni Baqqalaa Wayyaa Sooddoo irraa fi kan Jaagamaa Keelloo Amboo irraa akka isaaf ergaman gaafate.

'Rasaasa xumuraaf' injifannoo

Suuraa wayita loltoonni hedduun Garaasuu waliin Laga Gibee ce'an mul'isu kan Golambaa Inlgiliz keessaa argame

Madda suuraa, Miidiyaa Hawaasa

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa wayita loltoonni hedduun Garaasuu waliin Laga Gibee ce'an mul'isu kan Golambaa Inlgiliz keessaa argame

Waraana waggoota shanii booda loltoonni Xaaliyaanii karaa Jimmaatiin baqatanii biyyaa yoo ba'an, Garasuufi loltoonnisaa hanga dhumaatti biraa hin hafne ture.

Dhumarrattis akkuma 'rasaasa jalqabaa dhukaase rasaasa xumuraa' fi injifannoo dhukaasuun biyyisaa bilisa ba'uu labse.

Yeroo loltoonni Xaaliyaanii mo'amanii ba'uuf jedhan loltoota gara kuma 50 ta'antu Garasuu waliin ture. Loltoonni Ingilizii naannawa Laga Gibeetti akka itti makaman gaafannaan Garasuun, '"akkuma ofii jalqabnetti ofumaa xumurra'' jedhee dide.

Erga waraanni xumuramees gootummaafi tooftaan lola Garasuu mootichaafi ummata Itoophiyaa biratti dinqisiifannaa guddaa argate.

Mootichis waan 'waadaa galaniif' raawwachuudhaaf Garasuu gara ofiitti waaman. Namoonni hedduun ajajaa waraana biyyattii ta'a jedhee eegaa ture, waadaan waan isaa galameefis innis akkasitti of eegee ture.

Mootichi garuu ''...bulchaa naannawa Caboofi Guraagee taasisuun muude'' jedhu ilmi isaanii kan BBC waliin turtii taasisan, Taaboor Garasuu.

Waadaan isaaf galame raawwatamuu dhabutti mootichatti mufatullee, ummatasa waliin lolee birmadummaa biyyasaa kabachiise hogganutti gammadee hojii kennameef kan itti fufe jedha.

Suuraa Dajjaazmaach Garasuu Dhukii Injifannoo waraanaa booda uffata kabajaatiin.

Madda suuraa, Maatii

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa Dajjaazmaach Garasuu Dhukii Injifannoo waraanaa booda uffata kabajaatiin

''Kabajan jiraatti hin arganne du'aatti hin barbaadu''

Garasuun ummataan waliigalee bulchuun fudhatamummaa guddaa argate. Haata'uu malee, hariiroon isaafi mooticha gidduu jiru yeroo gara yerootti laafaa adeeme.

Sababii murtee ummatarratti darbuun waldhabdeen isaan gidduutti uumamaa ture.

Ummata bulchaa jirutti gibira akka dabalu ajajni mootiirraa kennamnaan, ''Ani ummata na waliin lolee dhiigaafi lafeesaatiin biyya kana eegeetti gibira hin dabalu'' jedhee ajaja mootii ol deebise.

Ijoollummaa isaarraa kaasee dararaa iyyeessa irra ga'u hin jaalatu ture. Nama rakkate gargaaruufis nama duubatti hin jenne akka ta'e maddeen BBC'tti dubbatan kunneen kan eeran.

Ajaja mootii fudhachuu diduusaatinis naannawa biraa akka Gamoo Goofaa, Asallaa fi Iluu Abbaa Booratti jijjiiramee akka bulchu ta'e.

Garasuu Dhukii wayita Iluu Abbaa Booraa bulchaa turanitti ijaarsa pirojeektotaaf faranjoota waliin yeroo dhagaa bu'uraa kaa'an

Madda suuraa, Maati

Ibsa waa'ee suuraa, Garasuu Dhukii wayita Iluu Abbaa Booraa bulchaa turanitti ijaarsa pirojeektotaaf faranjoota waliin yeroo dhagaa bu'uraa kaa'an

Garasuun gootummaa isaan akkasumas biyya ofii bilisa baasee hogganuun, bara bulchiinsa isaa ummataaf waan gaarii hojjatee, erga biyya isaa tajaajileen booda bara 1956tti soorama ba'an.

Achiin boodas utuu hin turiin dhukkubsatee hanga biyya alaa deemun wal'aanamus fayyuu waan hin dandeenyaaf baatii Caamsaa bara 1958tti du'aan addunyaa irraa boqatan.

"Ulfinaan jiraatti dhabe du'aatti hin barbaadu'' jechuun wayita lubbuun jiru bakka gootonni Itoophiyaa hundi itti awwaalaman Bataskaana Qul qulluu Sillaasee kan Finfinnee jirutti osoo hintaane, kan ofiisaa ijaarsise Bataskaana Gabreelii Caffoo, kan achuma naannawa manasaatti ijaarsisetti akka awwaalamuu qabu firootasaa waan kaksiiseef, sirni awwaalchasaa achuma, Maaruutti raawwatame.

Yaadannoo gootummaa Garasuu Dhukiitiif, Manni Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Walisotti argamu maqasaan moggaafamuun seenaan isaa dhalootaa dhalootatti darbaa jira.

''Haata'uu malee, oolmaa inni biyyaaf ooleen kan wal gitu (siidaan, daandii ykn gol-ambaan) tokko maqaa isaan moggafamuu dhabamuun, seenaa dagachuu dhalootaa ammaa agarsiisa'' jechuun maatiin komii ummataafi mootummaarra qaban dubbatu Ilmisaanii Taabor Dajjazmaach Garasuu Dhukii.

Maatiin dhuunfaadhaan manni jireenya Dajjaazmaach Garasuu kan Walisoo Muuziyeemii akka ta'uufi Finfinneettillee waanti maqaasaan waamamu akka jiraatuuf yaalii taasisaa akka jiran BBC'tti himaniiru.

Maddeen odeeffannoo barreeffama kanaa:

Taaboor Garasuu: Ilma Garasuu Dhukii Jenevaatti barataniifi waggoota dheeraadhaaf dhaabbata UN fi FAO keessa hojjataa kan tureefi amma soorama ba'uun Finfinnee kan jiraatan.

Obboo Shifarraa Toleeraa (fira), Obboo Naggasuu Abdiisaa, Waajjira Aadaafi Turizimii magaalaa Walisootti qorataa Seenaafi aadaa kanneen BBC 'waliin turtii taasisaniidha.

Dabalataan, Kitaabaa Taaboor Waamii 'Aba Bora' (1897-1958 E.C) (seenaa Dejazimach Garasuu Dhukii fi Gootota biroo) jedhuu fi maddeen biroo irraa walitti qabamuun kan qindaa'edha.

BBC

Odeessaafi xiinxala biroof BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.