Seenaan lola Goodaa Kokoriifi Abishee Garbaa akkamiin yaadatamu?

Horroo Guduruu Wallagaatti kan dhalate Abishee Garbaa gootummaan lolaa inni qabu farda waliin waan walqabatuuf namoonni hedduu Abishee Abbaa Makoo jedhanii waamu.
Barri 1854/5 gosa Ormoo Jaawwii kan Abisheen keessaa dhalateef akka bara ce'umsaa ture jedhu namoonni seenaa isaa beekan.
Barsiisaan Seenaa Taarikuu Dheeressaa akka jedhanitti, yeroo kana Oromoota Jaawwii , warra Caffee Bulluq rakkoolee lamatu mudate ture.
"Rakkoon inni duraa qondaalli waraanaa warra Jaawwii, abbaan Abishee Obboo Garbaa Hurruubaa du'uu isaaniiti. Rakkoo inni lammaffaan ammoo loltoota diinaa kan Mormor ce'anii dhufan lafa Jaawwii qabachuuf dhufuudha," jedhan.
Garbaa Hurruubaa abbaa Bokkuu Gadaa Jaawwii kan turan erga du'anii sababa loltoonni Raas Adal Tasammaa laga Mormor cehanii lafoota akka Amuruu, Horroo fi Guduruu waan weeraraniif jecha gumiin Gadaa yaa'ee nama bakka isaanii bu'u filachuu hin dandeenye.
Kanaafis, ilmi isaanii Abishee Garbaa gonfoo loltummaa abbaa isaanii dhaaluun diina lafa warra Jaawwii weerare kana qolachaa akka turan himu barsiisaa Taarikuun.
Barri Abisheen diinotaan dirree lolaa hedduutti walfalmaa ture yeroo meeshaan waraana ammayyaa hin jirretti waan ta'eef gootummaan isaas kan leellifamu lola eeboo fi gaachanaan fardaan lolamuuni.
Kanaanis, weerara lafa babal'ifannaa laga Mormor as ce'anii dachee Oromoota Maccaa weeraruuf taasifame hedduus qolatee laga gamatti akka ittises himama.
Lolawwan hedduu Abisheen fardaan irratti injifate keessaa ammoo Lolli 'Goodaa Kokor' kan yeroo hunda maqaan isaa itti dhahamudha.
Sababa kanaaniis Oromoonni ,keessumaa ammoo Oromoonni Maccaa hanga har'aatti Abishee akka mallattoo Gootummaatti leellisu jedhu qorataan seenaa kun.
Durbi heerumtullee gootummaa Abisheetiin abbaa manaa itti heerumuuf deemtu cigoodhaan itti dubbatti.
"Alangaa Buttee
Dirrakoo kuttee nagaafattaaree
Yoo kana goote ati Abisheedha, Abishee Garbaa
Yoo kana hin goonemoo ati agiixee, agiixee Gandaa," jechuun waa'ee durbummaa ishee leellistee jabina abbaa manaa ishees gaafatti jedhan barsiisaa Taarikuun.
Oromoonni Maccaa seenaa fi gootummaa Abishee geerarsa, sirbaa fi walaloo keessatti maqaa hin dhahin hin darban.
"Nan sii sirba sakoo siree buusaa dalgaa
Abishee abbaa makoo qilee buusaa Jagnaa"
"Lafa dhiiteen darba teepha hin dachaasanii
Abishee Abbaa Makoo reebaa kattaa shanii," jechuunis injifannoo Abisheen diinotarratti gonfatu yaadatu.
Abishee Garbaa dandeettii lolaa qaburraa ka'uunis 'Isa beekuuf lolli tapha' jechaa akka tures namoonni seenaa nidubbatu
Lola Goodaa Kokor booda Abishee Abbaa Makoo lolaan injifachuun akka hin danda'amne diinonni waan baraniif jecha, toftaa jijjiiranii lola Kokor waggaa sadiin booda karaa dipilomaasiitiin Abisheen harka diinaatti akka kufetu himama.
"Raas Adal Tasammaa yeroo hedduu yaalus lolaan Abishee moo'uu hin dandeenye. Kanaaf jecha mala jijjiiranii dipilomaasiidhaan Abishee harka isaanii galchan. Warri akka soorii Galaa fi Qadiidaa Wandabee warra amansiisanii diinatti dabarsani," jedhan barsiisaa Taarikuun.
Yeroo sanatti loltoota Abisheen qabatee gara 'Tarkaanfataa' deeme gidduutti 'Jarri kuni nugantii miila keessan faanaa keessaa hin baasinaa' kan jedhuu fi 'Lakkii kakatanii nun ganani' dhimma jedhurratti falmii guddaan akka tures himama.
Dhumarratti warri Raas Adal Tasammaa Abishee lolaan dadhaban toftaadhaan qabatanii gara Dabramaarqoos [Goojjam] akka geessanii fi naannoo bara 1855/56 achumatti akka ajjeefame namoonni seenaasaa beekan ni dubbatu.
Abisheen toftaa goyyomsaa ittiin diinotasaa harka bu'e kanaan hedduu kan gaabbuufi aaruu irraa kan ka'es bakkka hidhamee turetti gaabbiidhaan qubasaa abudduu (quba guddaa) ofirratti ciniinaa akka du'es himama.
Siidaa Abishee Garbaa...
Seenaan lola Goodaa Kokor keessatti namni yaadtamu Abishee Garbaa (Abishee Abbaa Makoo)tiif siidaan yaadannoo bara 2010 magaala Shaambuutti ijaarsisaa kan jalqabe.
Miseensa koree ijaarsa siidaa Abishee Garbaa kan tahan barsiisaa Taarikuu Dheeressaa, siidaan Abishee kun yeroo ammaa ijaarsisaa akka xumurameefi wantoota muraasa hafan xumuruun dhihootti ni eebbifama jedhan.
Ijaarsi siida kanaa birrii miiliyoona shanii ol akka fixeefi guutumattis hirmaannaa uummataatiin kan uwwifamedha jedhan.
















