'Sagantaan kun kallattii isaa jijiirateera jedhamuun dhorkame'-Koree

Madda suuraa, Sabkeebar
Godina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee Kuttaayee magaala Gudaritti sagantaan Dilbata dhagaa bu'uuraa siidaa yaadannoo Ajajaa Dhibbaa Maammoo Mazammir dhaabuuf qophaa'e mootummaan dhorkamuu Koreen sagantaa kana qindeessu beeksise.
Godina Shawaa Lixaa aanaa Tokkee Kuttaayee magaala Gudar keessatti sagantaan galii walitti qabuu dargaggoota qaabsoo baroota darban keessatti naannichaa miidhaman garagaaruufi siidaa yaadannoo Maammoo Mazammir har'atti qophaa'ee ture Bulchiinsa aanichaan akka hin gaggeeffamne dhorkamuu koreen saganticha qopheessaa ture beeksiseera.
Walitti qabaan Koree kanaa Ajajaan Dhibbaa Baqqalaa Magarsaa Koreen kun jalqaba ijoollee qabsoo baroota darbanii keessatti naannoo kanatti hirmaatanii miidhamaniif deeggarsa walitti qabuuf yaadamee koree hundaa'e akka ta'e BBC'tti himaniiru.
Karoora kana Bulchiinsa Aanaa Tokkee Kuttaayees itti amanee deeggarsa barbaachisu gochaa turee kan jedhan ajajaa Dhibbaa Baqqalaan saganticha bal'isuun yaada siidaa yadannoo Ajajaa Dhibbaa Maammoo Mazammir itti dabalamu dubbataniiru.
Bulchiinsi aanaa yaada kanattis waliigalee sagantaan guddaan keessummootni naannolee biroorraa irratti afeeramanii erga qophiin xumuramee booda, Kaleessa sa'aa afuritti qophiin kun akka hin gaggeefamne dhorkamuu koree kana keessatti dargaggoon simannaa keessumootaarratti hojjetu tokko nutti himeera.
''Qophiin hundi erga xumuramee sagantaan kun kallatti isaa jijiirateera jedhamuun akka hin gaggeeffamne dhorkamee, miseensonni koree kanaa namoonni jahas hidhaa bulan'' jedha dargaggoon miseensa koree kanaa ta'e.
''Warri mootummaa ganama sa'aa afuritti sagantaa kana isin adeemsisuu waan hin dandeenyeef dhaabuu qabdu nuun jedhan, kan jedhan Ajajaan dhibbaa Baqqalaan, ''qophii hunda erga xumurree booda maaliif dhaabna jennee hanga bulchiinsa Godinaattii dhaqnee gaafannus deebii gahaa hin argannee jedhu.
Tiishartiin Mammoo Mazammirii hanga Maammush jedhu maxxanfamee, maallaqni 50,000 ta'u keessumoota gaggeessuuf baasii ta'eera jedhan.
''Sagantaa kun waan daandii gadhiise hin qabu, namni baayyeen sagantaa kanatti dhufaa jira haa gaggeesinu jennee jaarsolii qabannee bulchiinsa Godinaas dhaqnee kadhannee fudhatama argachuu hin dandeenye'' jedhu A/Dhibbaa Baqqalaan.
Yaliin qamolee mootummaa waliin mariyatanii qophicha har'a raawwachuuf taasisan milkaahuu waan hin dandeenyeef galgala kaleessaa sagantichi yeroo hin murtoofnetti akka darbu murteessuus dubbataniiru.
Keessummoota sagantaa kanatti affeeraman irraa gammachuu waan hin qabneefi aajandaa dhaaba siyaasaa mormituuti jedhanii yaadaanii murtee kana murteessuu wantootni akeekan akka jirus miseensonni koree kanaa maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan BBC'tti himaniiru.
Keessummoota affeeraman keessa obbo Jawaar Mohaammd jiraachuufi kun qaama mootummaa akka hin gammachiifne ajandaan kunis kan dhaaba KFO akka ta'eetti fudhatamuus miseensi koree kanaa biroon BBC' himeera.
Humni addaa naannoo Oromiyaa magaalittii keessatti bal'inaan socha'aa jiras nuun jedhe.
Namoonni jaha Koree kana keessaa qabaman mana hidhaa bulanii ganama kana maangudoonni dhaqanii qaamolee mootummaa waliin mariyachuun akka hiikaman godhamuu ammoo Ajajaa Dhibbaa Baqqalaatu nutti hime.
Ijolleen 18 ta'an baroota darban kana aanaa Tokkee Kuttaayee keessattu du'aniiru, namootni 22 ol ta'an ammoo miidhaan cimaan irra gaheera. Kanneen qaamni isaanii hir'ate kanneen ijji isaanii arguu dhabeefi fincaan to'achuudadhabanii daayioparii fayyadamullee jira jedhan Ajajaan dhibbaa Baqqalaan.
Mootummaan maaliif dhorke?
Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaatti hogganaan sabqunnamtii Obbo Taayyee danda'aa fuul feesbuukii isaaniirrattii ganama kan barreefama maxxansaniin aangoon siidaa dhaabuu kan mootummaa waan ta'eef sagantaan Gudar dhorkamuu waan akeeku barreesaniiru.
''Paartiin tokkichi seeranis ta'ee aadaan aangoo siidaa gootaa ittiin dhaabu hin qabu. Aangoon kan mootummaati. Mootummaan jiraatuu amannaan seerri kana. Mootummaa haallaan garuu seera alummaatu seera ta'uufi. Akki sun ammoo kanaa achi hin hoofu!'' jedhaniiruu.
Gooti tan biyyaati! Siidaa isaas biyyatu ijaara! Biyyi ammoo mootummaan gegeeffamti! Kootii mormituu fi kootii mootummaa wal faana uffatuun hin taatu! Mootummaan seera kabajuu qofa otoo hin taane kabachiisufis dirqama qaba! Kanuma! jechunis eerga aisaanii xumuraniiru.
Obbo Taayyeen siidaa dhaabuuf socho'uun seeraa ala jechuun mootummaan seera kabachiisuuf dirqama qaba jechuun dhorkamuun sagantichaa qaama seera kabachiisuu akka ta'ee haa eeran malee Bulchaan aanaa Tokkee Kuttaayee garuu dhimmichi waayee qophii gahaan godhamuu dhabuuti jedhu.
Bulchaan Aanaa Tokkee Kuttaayee obbo Taaddasaa Fedhasaa, ''sagantichi qophii gahan waan hin godhamneef yeroo biraatti akka darbu ta'e malee hin hafnee'' jedhan.
Dura Koreen kun kan dhaabate ijoollee miidhaman gargaaruuf kan jedhuun malee waayee siidaa yaadannoo Maammoo Mazammiir dhaabuuf mitii kan jedhan obbo Taaddasaan, dhimmi siidaa dhaabuu guyyaa shanii as itti dabalamee jedhan.
''Koreen kun guyyaa lama dura siidaa yaadannoof dhagaa bu'uuraa kaahuu yaada jedhu itti dabalanii nu beeksisaniiru. Nuti ammoo guyyaa gabaabaa keesattii waan guddaa kana raawwachiuuf qophiin gahana hin jiru jennee irrattii walii hin gallee'' jedhan.
''Irratti qophaa'amee kabjni isaaf malu taasifamee, qaamni mootummaallee irratti hirmaachuu danda'u hirmaatee gaggeefamuu qaba miira jedhu keesa gallee.''
''Akka yeroo qabaannee irratti qophoofnu yeroo isaatu achi siiqe malee sagantaan kun hin hafne'' jedhan.
''Dhagaa bu'uuraa kaa'uu qofa osoo hin ta'iin ijaaramuus qaba yaada jedhurraa malee dhaaba siyaasaa kamiinuu wal hin qabatuu, namni kamuu siidaa kana dura dhaabbachuu hin danda'uu'' jedhan.
Bakki zeroo zeeroo jedhamu siidaan kun akka irrattii ijaaramu adda bahee turee yaadni jedhu jiraatuus obbo Taaddasaan eessattii ijaarama kan jedhurratti haasa'ameeyyuu hin beekuu jedhan.
''Mammoo Mazammir mallattoo Kuttaayeeti waan ta'eef kabaja isaaf maluun siidaan akka dhaabatuuf yeroo barbaachisa jenne'' jedhan.
Dhaaba siyaasaa biraatu harka keessaa qaba jedhamuun dhorkamne kan jedhu gonkumaa dogongoraa jedhan.
Yaadi siidaa ijaaruuf dhagaa bu'uuraa kaahuu dhimma siyaasaa of keessa hin qabu jedhan.
''Aarsaa qabsaa'aa kana dhaaba siyaasa wayiitti maxxansuun sirrii miti, akka mootummaatti ilaalcha akkasii hin qabnu'' jechuun yaada obbo Taayyee wajjiin wal dhiitu kennaniiru.
''Torbee dhufu keefnee kan koree kana walitti qabnee miseensa itti daballus itti daballee sagantaan kun yeroo gabaaba keessatti akka gaggeefamu goona'' jedhan.
Mootummaan dantaa siyaasaaf jecha dhimma kana irratti dhiibbaa hin uumnee jedhamee gaaffii dhiyaateef dhimmichi dhimma siyaasaa miti mootummaan yeroo gahaa itti kennamee kabaja maluufiin siidaa akka dhaabatuuf malee sababa biraa hin qabuu jedhan.
Maammoo Mazammiir eenyu?
Koloneel Maammoo Mazammir abbaa isaanii Obbo Mazammir Habtee Dooriifi haadha isaanii Aadde Uumee Gurmeessaa irraa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gudar keessatti dhuma bara 1920'ootaa keessa dhalatan.Barnoota sadarkaa tokkoffaa magaalaa Gudar keessatti Mana Barumsaa Dajjaazmaach Baalchaatti baratan.Sadarkaa lammaffaammoo Mana Barumsaa Tafarii Mokonnin keessatti baratan.Barnoota sadarkaa lammaffaa boodas gara Harar imaluun leenjii barsiisummaa baratan.Erga barnootasaanii xumuranii booda achuma Hararitti leenjii loltummaa fudhatan.Achi keessattis qabxii olaanaa waan fidaniif gara Yuuniversitii Finfinnee deemanii digiriisaanii akka baratan carraa argatan.Bara 1962 Yuuniversitii Finfinnee irraa barnoota seeraatiin eebbifaman.Osooma mooraa Yuuniversitii Finfinnee jiranii namoota gameeyyii Oromoo waliin Waldaa maccaafi Tuulamaa jalatti walitti dhufan.Mooraa Yuuniversitii Finfinnee keessaa Waldaa Maccaa fi Tuulamaatti makamuudhaan Maammoo mazammir nama jalqabaa ta'an.Hanga murtoon du'aa itti murtaa'ee fannifamanittis waldaa kana jalatti qabsaa'aa turan.Mootiin yeroo sana biyya bulchaa ture Haayilesillaaseen Maammoo Mazammir haleellaa boombiidhaan raawwateera jechuun yakka irratti qindeessee himachuun akka fannifamu murtaa'utu himama.Maammoo Mazammir bara 1969 wayita murtoon du'aa irratti murtaa'u, dhiigi kiyya gatii malee hin dhangalaane, ana nama tokko balleessitanis Oromoon damee sagal ta'ee dhufa jechuun dubbatanii ture.
















