Koloneel Hayiluu Raggasaa: Namni aangoo mootummaa dhiisuun qabsoo hidhannoo Oromootti dabalaman akkamiin yaadatamu?

Koloneel Hayiluu Raggasaa

Madda suuraa, Maatii

Gootonni Oromoo sirna abba irree mormuun qabsoo ummata Oromoo eegalchiisanii fi aarsaa olaanaa kanfalaa turan heddu ta’anis, garuu kanneen seenaan isaanii ifatti bahee gootummaan isaanii hin himamneef heddudha.

Gootota qabsoo Oromoo bu’uressuutii hanga Jeneraal Taaddasaa Birruu waliin ajjeefamutti kanneen dhalootaaf aarsaa kanfalanii darban keessaa tokko Koloneel Hayiluu Raggasaa Hundeeti.

Koloneel Hayiluun bara sirna bulchiinsa Hayilasillaasee fi Dargillee qondaala waraana mootummaa turan. Ta’ullee sirni Dargii namoota biroo jaha waliin du’a itti murteessuun ajjeese.

Hayiluu Ragaasaa aangoo mootummaa dhiisee akkamiin gara qabsoo Oromootti akka dabalamee fi boodarra akkamiin sirna dargiitin akka ajjeefame BBC’n Obboleessa isaa qixxisuu kan biyya Ameerikaa kutaa Dallas jiraatu waliin turtii taasisuun qindeessera.

Imala loltummaa

Koloneel Hayiluun bara 1930tti Shawaa lixaa naannawaa Ada’aa Bargaa, bulchiinsa yeroo sanaatiin kutaa biyyaa Mannaangasha jedhamuutti dhalatee guddate.

Akkuma umuriin ol siqaa deemeen dandeetti cimaa fi beekumsa uumamaa dafee waa shaakaluu inni qabu kan hubatan akaakayyun isaa barnoota qeesii akka hordofuu taasisan.

Akaakayyuun isaa Baashaa Gorbaa (Abbaa Haadhaa) waraana Maayichawu kan Itiyo-Xaaliyaan 2ffaa irratti waan hirmaataniif yeroo hundumaa waa’ee tooftaa loltummaa fi gootummaa loltoota Itoophiyaa itti himu ture.

Kun immoo innis guddatee loltuu ta’ee akka gootota sanatti daangaa biyya isaa akka kabachiisuuf isa kakaase, fedhii itti hore.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga barnoota qeesii xumurees, naannawa sanatti haalli miijataan barnootaf ta’u waan hin turref daldaltoota gara Finfinne deeman waliin badee Finfinneetti gale.

Finfinnee naannawa Muujjaatti (Shiroo meeda) utuma hojii adda addaa hojjatuu namootatti siqee barachuu akka barbaadu ibsaaf ture. Fedhii fi dandeetti inni qabu namni hubatee tokkos fedhii isaatin deeggaree akka inni mana barnoota Tafarii Makinonnin galee baratu taasise.

Barnoota isaa xumuree, akkuma fedhii isaatti bara 1950 leenjii loltummaa Hoolotaa keessatti lenji’uuf ramadame.Leenjii loltummaa sana keessatti ijoolleen Abbaa lafaa qophaatti, ijoolleen qotee bulaa fi maatii iyyeessaa irra dhufan qophaatti baratu turan. Kun waan isa quuqeef ilaalchi sun akka jijjiramuuf dhiibba gochuuf warra kaan illee kakaasaa ture.

Bara 1952tti eebbifame itti aanaa ajajaa dhibbaa ta’uun kutaa biyyaa Hararitti ramadame. Yeroo xiqqoon boodas waraanni Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti wayita eegalu duuludhan hanga Jigjigatti waraanaa, hoggansa waraanaa kenna ture. Waraanuma sanarratti bakka Molale jedhametti rukutamuun wal’aansaf gara Finfinnee deebi’e.

Gootumma fi injifannoon isaa waan odeefamaa tureef kana ajaa'ibsiifachuun Hayila Sillaseen Hospitala inni yaalama jirutti dhaqee “Oolmaa kee kanaaf mootummaan Itoophiyaa maal akka siif godhu barbaadda” jedhee isa gaafate.

Innis guddini gulantaa yoo taasifameef akka itti tolu himate, akkuma kanaan gulantaa lama al tokkootti dabalamuufin ajajaa kumaa achis yeroo gabaaba booda koloneelitti ol guddate.

Akkuma fayyee gara hojii isaa Hariritti deebi’een, nama Jeneral Abbabaa Gammadaa jedhamu waliin ta’uun Waldaa Maccaa fi Tuulamaa damee Harar banuun qotee bultoota nannawa sanaa barsiisuu eegalanii jedhe obboleessi isaa Girmaa Raggaasaa.

Taddasaa Birruu waliin akkamiin wal argan?

Waldaan Maccaa fi Tuulamaa bara 1963 Finfinnetti banamee hojii jalqabuun gara Kutaalee biyyattii babal'achuun Hararittis baname. Yeroon booda mootummaan hoggantoota Waldaa Maccaa fi Tuulamaa kaan isaanii ajjeese kaan hidhee, Taaddasaa Birruu Hararitti umurii guutuu akka hidhamu itti murtaa'e.

Wayita kana kolonel Hayiluun dhoksaadhan Taaddasaa waliin akka wal qunnamaniif carraa bane. Akkamitti akka ummata dammaksuu fi loltoota ijaaruun qabsoon Oromo akka cimu irratti mari’atu ture. Haala kanaan loltoota komaandoo addaa dhoksaan ijaaruu isaa mootummaan bira ga’uun, yeroo muraasaf hidhee, boodarra Eertiraatti ramadame.

Waggaa tokko boodammoo bara 1965tti leenjii loltummaa Hoolotaatti leenjisaa ta’ee akka hojjatu ta’e. Waldan Maccaa fi Tuulamaa waan diigameef waldaa biraa Waldaa Walgaarsaa Misooma Shawaa jedhu hundeessuun waanuma waldaan Maccaa fi Tuulamaa jalqabe itti fufsiisan.

Manneen Barnoota Ijaaruu, namoota Oromuumma isaaniif hidhamaniif Abukaatoo ta’uu, lafa barattoota, loltoota fi qotee bulaaf hiruufan hojii muraasa waldichi hojjachu eegale ture. Sirni Hayila Sillasee kufee, Sirni Dargii wayita aangoo qabatu Taaddasaan mana hidhaa Hararii ba’ee hojii koloneel Hayilutti dabalame.

Bosonaa seenuu fi ajjeefamuusaanii

Suuraalee Koloneel Hayiluu Raggasaa yeroo garaa garaatti kaafaman

Madda suuraa, pic-hope

Sirni Dargii kan hoggane Koloneel Mangistuu Hayila Maariyaam fi koloneel Hayiluu Raggasa mana barnoota tokkotti barachuu qofa utuu hin taane akka hiriyootatti walitti siqu turan jedhe obbo Girmaa Raggasaa.

Wayitaa Dargiin gara aangotti dhufu namoota bara Hayilasillaasee qondaltoota mootummaa ta'anii ummata miidhan akka itti gafatamu danda’aniif mana murtii Addaa waraanaa hundeessuun, Koloneel Hayiluun ammoo akka hogganuuf filatame.

Utuma achi hojjatuu dhoksaan ammoo bakka beektootni Oromoo itti walga'anii mari’atanitti ni hirmaata ture.

Sirni Dargiis maqaadhumaaf mana murtii kana hundeessee malee murtee mana murtiicha malee namoota ajjeesuu fi hidhuun kan baratame ture.

Guyyaa tokkos hojjattoota mootummaa fi qondaaltota waraana bara Hayilasillaasee kan turan namoota 64 utuu mana murtii adda kanatti hin dhiyeessiin jumlaan rashane. Kun Hayiluun sirna Dargii irra akka garaa kutatuu fi waliin hojjachuu dhaabuuf isa dirqisiise.

Mootummaan qabsoo ummataan gara aangoo dhufe kunis sirna gaarii dhalootaf ta’u ijaaruu akka hin dandeenye fi gaaffiiin Oromoos deebi'uu akka hin dandeenye hubate.

Inni sirna kana jijjiruuf bosona galuun dirqama ta’a jedhee warra amanu keessa isa tokko ture.

Qabsaa'otaa biroo akka Jeneral Taaddasaa Birruu fi kanneen biroo akkasumas loltootaa fi qondaaltota waraanaa biroo waliin qabsoo hidhannoof bara 1967tti bosona galan.

Sirna Dargii kan hogganaa ture Koloneel Mangistu Hayilamariam, Jeneral Taaddasaa fi Koloneel Hayiluun hangam ummata keessatti fudhatamummaa akka qaban waan beekuuf utuu isaan humna hin cimsatin shororkeessitota jedhe gaazexaa irratti labsuun duula itti bane.

Koloneel Hayiluun humna waraanaa komaandoo dhoksaan ijaare qophessee sunis iccitiinsaa waan irra ga’amee diigameef, deeggarsa waraanaa guddaa argachuu hin dandeenye ture.

Waraana kallattii afuriin marse itti dhufe keessaa miliquu waan hin dandeenyeef naannawa daangaa Ginda Baratitti Jeneral Taaddasaa fi Koloneel Hayiluun qabamanii gara Finfinnee itti geeffaman.

Sirni dargiis, Jeneral Taaddasaa fi Koloneel Hayiluu dabalatee namoota sirna sana morman biroo ja’a waliin ajjeese.

Akka malee ajjeefamuu fi hanga yoonatti bakki awwacha isaanii dhokfamus, seenan isaanii dhaloonni kun mirga isaaf falmee bilisummaa isaa eegsifachuuf akka danda’u barsiisera jedhan Obboleessa Koloneel Hayiluu Raggasaa, Obbo Girmaa Raggasaa.

Seenaan isaani kun dhokatee akka hin hafneef fi dhaloonnis yaadatuuf kitaabni seena Koloneel Hayiluu Raggasaa irratti xiyyeeffatu Moohaa jedhus bara kana keessa maxxanfamee dubbistootaa bira ga’uu Obbo Girmaa eeraniiru.

Koloneel Hayiluu Raggasaa

Madda suuraa, Family