Fincaan dhuguun fayyaaf bu'aa yookan miidhaa qabaa?

Madda suuraa, ISTOCK/BBC THREE
Nama fincaan koon dhuge jedhu yoo dhageessan tarii adda isinitti ta'uu danda'a. Namni akkamiin fincaan isaa dhuga jechuu dandeessu.
Namoonni rakkoo adda bakka bishaan argachuu hin dandeenye keessa yoo ta'an, fakkeenyaaf gammoojjii hamaa keessatti 'fincaan ofii dhuganii' lubbuu oolan kan jedhu dhaga'amee beeka ta'a.
Addunyaarratti namoonni fincaan ofii dhuguun 'fayyaaf gaariidha' jedhanii amanan baayyeedha.
Haata'u malee, barii ka'anii fincaan ofii dhuguun dhibeerraa nama fayyisaa? Dhuguma akka namoonni tokko tokko amanan fincaan fuula ofii dibachuun gogaa ofii miidhagaafi fayya qabeessa taasisaa?
Doktoroonni dhimma kanarratti maal jedhu?
Kayilii O'akley dubartii Ingilaand umuriin ishee waggaa 33 yoo taatu, Yoga barsiistudha.
Dubartiin kun fincaanshee dhuguun dhibeerraa akka ishee fure dubbatti. Kayiliin fincaanshee dhuguun dhibeewwaniifi dhukkubbii gara garaa irraa akka ishee fayyese dhugaa baati.
Kayiliin Assooshiyeetid Pireesitti akka dubbattetti, waggoota muraasa darbaniif fincaanshee dhugaa turte.
“Akkan dhaga'etti fincaan sirna dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qabaa [immune system] haaromsa, fayyaa waliigalaa namaaf gabbisa, gogaaf ammoo gaariidha," jetti. "Anis kana dhaga'eetan fayyadamuu jalqabe."
Dubartiin kun fincaanshee dhuguu qofa osoo hin taane, fuullishee akka miidhagu taasisa jettee amanuun jirbiidhaan fuulasheettis ni dibatti.
Ofii eenyuu fa'ituu fincaan dhugee?

Madda suuraa, Twitter
Finaan fayyaaf gargaara namoonni jedhanii yaadan kun mala kana 'urine therapy' ykn 'Urophagia' jedhu.. 'Fincaan qorichaaf' akka jechuuti.
Namoonni fincaan ofii dhuguun bu'aa qaba jedhanii yaadan Kayilii qofaa miti. Namoonni fincaan faayidaa fayyaaf qaba jedhanii yaadan danuudha.
"Fincaan koo dhuguun ulfaatina qama kiyyaa walakkaa isaa akkan hir'isuuf na gargaareera," jetti dubartii umuriin waggaa 46 taate Liih Saampson Albertaa, Kanaadaa irraa.
Dubartiin kun gaaffiifi deebii barruu the Sun jedhamu waliin taasisteen akka jettetti, duraan ulfaatinni ishee 120kg waan tureef hedduu rakkachaa turte. Haata'u malee, erga fincaan
"Hiriyyaan koo viidiyoo YouTube irratti bu'aa fincaan fayyaaf qabu isbu tokko naaf erginaan daawwadhe. Akkumn daawwadheenan gara mana dhiqannaa seeneen harka koorratti fincaa'een dhuge. Guyyaa muraasa booda, jijjiirama ofirratti arguun jalqabe," jechuun ibsiti.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Liih Saampson amma fincaan dhuguuf qofa miti kan fayyadamtu, ganamag ganama yeroo ilkaan ishee rigattus fincaansheetiin lulluuqqatti. Kana qofaas miti, akka [xabbiitaattis] ijashee keessa buufatti.
Dubartiin biraa maqaan ishee Feeyiz Kanter umuriin ishee waggaa 39 akkuma kana fincaan akka dhugdu dubbatti. Dubartiin Poorchugaal kun akka jettutti, dhukkbbii ciniinnaa bookeerraa fayyuuf fincaanshee dhugdi.
"Yeroon jalqaba dhuge xiqqoo adda natti ta'e, booda garuu itti baraan dhufe. Ani yeroo hunda ganama ganama fincaanan dhuga. Amma akka kanaan duraa bookeen busaa baayyee na hin ciniintu. Darbee darbee na ciniintus, akka kanaan duraa dhiita'ee na hin dhuukbsu, na hin hooksisus."
Ministirri Muummee duraanii Indiyaas fincaan dhugu turee?'
Akka gabaasaaleen India Today fi the Guardian jedhanitti Ministirri Muummee duraanii Indiyaa Moraarjii Desaa'i 'fincaan wallaansa fayyaaf [urine therapy]' yeroo dheeraatiif yaaleera.
Indiyaa 1977-1979 kan hoogane Moraarjiin bara 1978 keessa dhimma kana gaazexeessaa Ameerikaa Doon Inistiid jedhamuuf qoodeera.
Ofiin yaaluu qofa miti, Indiyaa keessatti namoota miloyoonaanlakkaa'aman baasiiwwan hospitaalaa kaffalachuu hin dandeenyeef fala jechuun isaanii ni yaadatama.
Akka miseensonni Chinese Urology Association jedhanitti ammoo, Chaayinaa keessatti namoonni kuma dhibba ta'an mala 'urine therapy' gargaaramu.
Dubartii fincaan saree dhugde
Dubartiin maqaan ishee hin dha'amne tokko viidiyoo osoo fincaan sareeshee dhugduu agarsiisu Facebook irratti gadhiiste akka ajaa'ibaatti qoodamee ture.
Akka viidiyoo sanarratti mul'atutti, dubartiin kun sareeshee fudhattee miila hiikkachiisuuf gara paarkii tokko erga geessiteen booda hanga sareen kun fincaa'utti eegdee kubbaayyaa jala qabdee erga inni itti fincaa'ee booda dhugde.
"Hangan fincaan saree koo dhugutti baayyee of jibbee, mukaa'eefi gaddaan
Doktoroonni waa'ee fincaan dhuguu maal jedhu?
Namoonni fincaan fayyaaf gargara jedhanii haa dhuganiyyu malee doktoroonni garuu fayyaaf gaarii miti jedhu.
Fincaan xurii qaama keessaa bahudha. Wantoota qaama keessatti hin barbaachifneti bishaan waliin baha.
Dr. Zubair Ahmad fincaan dhuguun fayyaaf gargaara kan jedhu ragaan saayisnii hin jiru jechuun, rakkoo fayyaa kaleeyyu qaqqabsiisa jechuun BBCtti hime.
Dr. Andriw Tonbar ogeessi jedhamus fincaan dhuguu jechuun xurii qaamni keenya of keessaa baase ofitti deebisuu jechuudha jedha. Kan gochuun ammoo fayyaa namaa miidha.
"Kaleen dhiiga qulqulleessuun soogiddaafi xurii qaama keessaa adda baasa. Fincaan nama fayyaa tokko parsantaa 95 bishaan yoo ta'u, parsantaan hafe shan ammoo keemikaalota akka poteeshiyeemiifi naayitiroojin of keessaa qaba. Kanaaf, fincaan dhuguun garaafi kalee keenya akka malee miidhuu danda'a."












