Maanchister akka kilebicha gadhiisu barbaaduun isaa 'na miidheera'- Buruunoo Fernaandez

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo jijjiirraa gannaa darbe kilebni Sawud Arabiyaa Al Hilaal, maallaqa guddaa dhiyeessanii yeroo na gaafatan Maanchister Yuunaayitid akkan deemu barbaaduun isaa ''baay'ee na miidhe'' jedhe Buruunoo Fernaandez.
Buruunoon Yuunaayitid keessa turuuf jecha miindaa dhiyaateef hunda dide. Al-Hilaal miindaa torbanii Paawondii 70,000 Maan Yuunaayitidiif ammoo gatii jijjiirraa Paawondii miliyoona 100 dhiyeessanii ture.
Fernaandez Yuunaayitid waliin kontiraata haga bara 2027tti qaba. Waggaa tokko dabalataanis dheeressuu danda'u.
Tapha 300 Maanchister Yuunaayitidiif taphachuu isaan dura waa'ee jijjiirraa yoo gaafatamu hanga Waancaan Addunyaa gaggeeffamutti nama tokko waliiniyyuu hin dubbadhu jedhe.
Gaaffii fi deebii torban muraasa dura Buruunoo Fernaandez taasiseen: ''Gama kilebaan 'yoo deemte nuuf hamaa miti' kan jedhudha. Anaan garuu xinnoo na miidhe'' jedhe.
Fernaandez miidiyaa Kanal 11 jedhamu irratti dubbate. Chaaneliin kun ammoo kan Federeeshinii Kubba Miilaa Poorchugaaliidha.
"Na miidhuu irrayyuu baay'ee na gaddisiise. Ani taphataa namni kamiyyuu ceepha'uu hin dandeenyedha. Yeroo hundumaa taphaaf qophiidha. Waanan danda'u hundaa osoo hin qusatiin nama kileba kanaaf kennudha,'' jechuun dubbate.
Buruunoon kan gadde akkamiin kilebichi ana gadhiisuuf fedha godhate kan jedhudha malee miindaa caalu argachuu danda'a ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Jijjiirraa amma dhumate irratti bahuu nan danda'an ture. Maallaqa guddaa kana caalu argachuu nan danda'an ture,'' jedhe.
''Waancaawwan heddu carraa mo'achuus nan qaba ture. Garuu hin deemu jedheen murteesse. Kun ammoo dhimma maatiif jedhee qofa miti. Dhugumaan kileba kana waan jaaladhuufi'' jedhe.
Taphattoonni maaluma kilebichaa hin hubanneefi gatii itti hin kennine Maan Yuunaayitid keessa akka jiranillee dubbateera.
Buruunoo Fernaandes bara 2020 Ispoortiing Liisban irraa paawondii miliyoona 47'n Maanchister Yuunaayitid galuun taphoota 307 irrati hiriiree taphateera. Galchii 103 lakkoofsisuun kubba 93 ammoo galchiif mijeessee kenneera.
Bara kanas galchii shanii fi kubba galchiif tahan ammoo torba mijeessee kenneera. Kun Piriimer Liigii keessatti qofaadha.
Waxabajji darbe keessa yeroo dubbatu sababni Al Hilaal hin galleef kubba miilaa ''sadarkaa olaanaatti taphachuu waan barbaaduuf'' akka tahe dubbate.
Dabalataan leenjisaan kilebichaa Ruuben Amoorim akka inni turu barbaade.
Fernaandez yoo dubbatu daarikteroonni kilebichaa akkan deemu barbaadanii ture. Garuu leenjisichi waan na barbaadeef murtoo kana dabarsuu hin barbaanne.
Osoon nan deema jedheera tahee silaa leenjisaanis sin barbaada osoo naan jedheyyuu daarikteroonni na gaggeessuun isaanii hin hafu ture'' jedhe.
Maddeen akka himanitti ammoo Maanchister karoora Buruunoo gurguruu hin qabu. Inni qaama karoora yeroo dheeraa kilebichaati.












