Miidhamni Aleeksaandar Isaak Liivarpuul hangam yaaddessa?

Aleeksaandar Isaak jilba isaa qabatee

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Isaak kilabiii isaa duraanii Niw Kaasiliif bara dorgommii 2024-25 dorgommii hundarratti 27 galche

Liivarpuul keessa yaaddotu jira. Gareen Arnee Isloot gaafa Sambataa tapha muddamaan guutameen Tootanihaam 2fi 1'n mo'ataniiru.

Haa ta'u malee, taphataan isaanii ganna keessa maallaqa Pirimeer Liigii Ingiliziif riikardii ta'en fidatan jalaa miidhameera.

Sanuu kuni osoo Mohaammad Saalaan gara Waancaa Afrikaa deemee jiruufi Gaakpoon miidhamee jiruuti.

Isaak tapha Liivarpuul Tootanhaam morkateerratti teessuma jijjiirraa irraa ka'ee galchii galchee Arnee Isloot dhiphina keessaa baasee ture.

Haa ta'u malee, itti fufuu hin dandeenye.

Paawundii miiliyoona 125'n Liivarpuul kan seene Isaak, gaafa Dilbataa hamma miidhama isaa baruuf qorannoo MRI jedhamu qoratameera.

Bu'aan qorannoo kanaa taphataan dhalataa lammiilee Ertiraa ta'e yeroo hangamiif dirreerraa akka fagaatu dubbata.

Leenjisaan Liivarpuul gaafa Kibxataa dhimma kanaafi kaanirratti miidiyaaleef ibsa ni kennu.

Gaafa Sambataa waa'ee miidhama Isaak gaafatamanii, Arne Isloot akkana jedhan: ''Takka turree ilaaluu qabna,'' jedhan.

Isaak erga Liivarpuul dhufee qormaata keessa jira.

Bara dorgommii baranaa taphoota 10 irratti hirmaatee lama qofa galche.

Ganna darbe Pirimeer Liigiin eegaluu dura kilabiin isaa duraanii Niiw Kaasil gara Eeshiyaa yeroo imalu, Isaak ''miidhama xiqqaa sarbaa'' isarra gaheen hin imalle ture.

Eegasii qofaa isaa kilabii isaa duraanii Riyaal Sosedaaditti leenji'aa ture.

Bara dorgommii dura osoo sirriitti hin taphatiin, ga'umsa gaariirra gahuu dhabe. Akkasuu ta'eee taphoota 10 irratti hiriire.

Liivarpuul Mohaammad Saalaa kan gara Waancaa Afrikaa imaleef alatti Gaakpoos dhabeera. Gaakpoon miidhamarra jira.

Jifataan isaanii biroo ganna keessa Intiraa Fiiraankifart irraa dhufe, Hugo Ekitikee sarara duraa isaaniii dursuu itti fufa.

Taphataan lammii Faransaay kuni bara dorgommii baranaa 11 galcheera. Kanneen keessaa shan taphoota sadii booda kanaarratti galche.

Galchii Tootanihaam itti mo'atanis kan galche isadha.

Kunimmoo Isaak teessuma jijjiirraa irraa ka'e akka taphatu kanneen dirqe keessaati.

Isaak eenyudha?

Hundeensaa Gaanfa Afrikaadha, maatiin isaa lammiilee Ertiraati. Haa ta'u malee kan dhalate Siwiidiinitti.

Fulbaana 21, 1999 maatii lammiilee Ertiraa ta'anirraa dhalatee, achuma Siwiidiin magaalaa Solna keessatti guddate.

Daa'ima xiqqaa ta'ee addunyaa kubbaa miillaa keessatti guddate, kubbuma miillaa keessatti of bare.

Umriisaa waggaa ja'atti kilabaa akkaan jaallachaa fi deeggaraa ture AIK keessatti tokko jedhee sadarkaa pirofeeshinaalaatti tapha kubbaa eegale.

Kilaba guddicha Siwiidiin kana keessa yeroo jalqabaaf kan taphate Guraandhala 28, 2016 ture. Yeroo sana umriinsaa wagga 16. Guyyaama jalqabaa sana goolii galche.

Kilaba kanaaf akka taphataa pirofeeshinaalaatti kontiraata isaa jalqabaa kan mallatteesse Caamsaa 3, 2016 ture.

Ergasii Aleksaandar Isaak raawwii cimaa agarsiisuun garee isaatiin guddoo jajame.

Gareen isaa ''Zalaataan Ibraamoovich'' Siwiidiin jedhanii waaman.