Aleksaandar Isaak: Taphataa bu'uurrisaa Baha Afrikaa akkamiin sadarkaa kanarra ga'e?

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan gabaa amma jiruun gatiinsaa akkaan qaalii ta'e kun akkaataan itti barbaadamaa jiru hundeensaa Gaanfa Afrikaa ta'uu nama dagachiisa.
Ammoo inni bu'uurrisaa Gaanfa Afrikaa haa ta'u malee kan dhalate Siwiidiinitti. Fulbaana 21, 1999 maatii lammiilee Ertiraa ta'anirraa dhalatee, achuma Siwiidiin magaalaa Solna keessatti guddate.
Daa'ima xiqqaa ta'ee addunyaa kubbaa miillaa keessatti guddate, kubbuma miillaa keessatti of bare.
Umriisaa waggaa ja'atti kilabaa akkaan jaallachaa fi deeggaraa ture AIK keessatti tokko jedhee sadarkaa pirofeeshinaalaatti tapha kubbaa eegale.
Kilaba guddicha Siwiidiin kana keessa yeroo jalqabaaf kan taphate Guraandhala 28, 2016 ture. Yeroo sana umriinsaa wagga 16. Guyyaama jalqabaa sana goolii galche.
Kilaba kanaaf akka taphataa pirofeeshinaalaatti kontiraata isaa jalqabaa kan mallatteesse Caamsaa 3, 2016 ture.
Ergasii Aleksaandar Isaak raawwii cimaa agarsiisuun garee isaatiin guddoo jajame.
Gareen isaa ''Zalaataan Ibraamoovich'' Siwiidiin jedhanii waaman.
Shakkamuurraa gara abdatamuu- Isaak akkamiin as ga'e?

Madda suuraa, AFP
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aleksaandar Isaak xiqqummaasaarraa eegalee dandeettiisaa gabbifachuuf wal'aansoo keessa ture, umrii xiqqaan kubbaa waan eegaleef muuxannoo gabbifachuuf dhiibbaa jala ture.
Umriisaa waggaa 16tti seenaa kilabasaa ganamaa, AIK, keessatti taphataa umrii xiqqaan goolii galche kan jalqabaa ta'eera.
Ergasii guutuu Awurooppaatti dandeettii kubbaaf isa barbaachisu gabbifachuuf baayyee ifaaje.
Tattaaffiinsaas bu'aa malee hin hafne. Hanga Zilaataan Ibraahimoovich Swidiin jedhamuutti ga'e.
Taphattoota lameen waldorgomsiisuun ulaagaalee hedduudhaan kan hin danda'amne ta'us, haalli kun Isaak imala kubbaa miillaa bareechee akka eegaluuf bu'uura ta'eef.
Zilaataan Ibraahimoovich ofitti amanummaa daangaa darbeen beekama, Isaak ammoo amala akkanaa hin qabu.
Taphataan maatii Ertiraa irraa magaalaa Istookolm keessatti dhalate kun gadi of qabee jiraachuun beekama, hagas maras dubbii namaa hin qabu. Amala qabeessa, ija laafessa jedhuun.
Amallisaa kun booda keessa namoota Niwukasil ittiin ijaaramuu barbaaduun wal sime.
Isaak taphataa gameessa Arsenaal Teerii Henrii waliin waan wal fakkeessan qaba.
Akkaataan itti kubbaa lukasaan walitti firoomsu, gidduu marsee akkaataan itti taphatu fi akkaataan itti carraa bal'aa uumee garee faallaa hubu -waliigalatti ifaajeen dirree keessatti irraa mul'atu Henrii nama yaadachiisu.
Aleksaandar Isaak carraasaa ta'ee kilaboota maqaa guddaa qaban keessatti of ijaaraa yoona ga'e.
Bara 2017 kilaba Jarmanii kan taphattoonni ija addunyaa ta'an hedduun keessaa burqan- Boruushiyaa Dortmand seene.
Garuu achitti akka Jadon Saanchoo, Juud Beliingihaam fi Eriing Haalaand hin taaneef.
Leenjistoonni isaa dandeettiisaa inuma hubatu, garuu ija laafinni taphatichaa dandeettiinsaa qixa sirriin akka hin gabbanne dhiibbaa irratti uume.
Haata'u malee yeroo sana leenjisaa Dortmand bakka bu'uun hojjetaa kan ture Jan Siiwert waliin guyyaa tokko walarguunsaa jiruu kubbaa miillaa isaa keessatti jijjiirama bu'uuraa kaa'ee darbe.
Hoogganaansaa kun osoo buna dhuganii jifataa oladeemaa kanatti suuraa lama walbira qabee itti agarsiise-tokko osoo taphatichi teessuma taphattoonni jijjiiramanii galan irra taa'anirra jiruuti, kaan ammoo wayita jifataan kun Siwiidiiniif goolii galchee gammachuudhaan kolfu ture.
Siiwert garaagarummaa suuraal lameen gidduu jiru irratti Isaak akka yaada kennu gaafate. Ofitti amanamummaa.
Isaak hanqina kana qabaachuu erga sirriitti hubatee booda ofitti amanamummaa sadarkaa olaanaan ijaarrachuu eegale, ittis milkaa'e.
Ergisa kennamuu fi imala gara Riyaal Soseedaad
Aleksaandar Isaak bara dorgommii Bundasliigaa 2018-19 Boruusiyaa Dortmandiif hiriiree taphachuurraa fagaatee ture.
Duuba kilaba Daach Eredivisie, Willem II jedhamuuf ergisaan kenname. Isaak muuxannoo gabbifachuuf tattaaffiisaa ittuma fufe.
Kilaba kana keessattis raawwii ajaayibaa agarsiise. Kilabichi erga bara 2005 yeroo jalqabaaf dorgommii waancaa KNVB xumuraaf ga'uusaaf ga'ee guddaa gumaache.
Guraandhala 28, 2019 dorgommii nuusa xumuraa irratti AZ Akmaar irratti goolii lama galchuun kilabni Willem II xumuraaf akka ga'u taasise.
Caamsaa 30, 2019 tapha Fortuna Sittard waliin taphatan irratti rukuttaa adabbii sadi galchuun kilabni isaa goolii 3 fi 2n mo'ate.
Kanaanis Aleksaandar Isaak seenaa kilaboota Eredivisie keessatti peenaalitii sadi lakkoofsisuun taphataa jalqabaa ta'e.
Ebla 14, 2019 ammoo taphoota jalqabaa isaa 12 irratti goolii 12 lakkoofsisuun taphataa maatii lammiilee alaa ta'anirraa dhalate kan jalqabaa jedhameera.
Isaak taphoota kilaba Eredivisie keessatti taphate 16 irratti gooliiwwan 13 erga galchee booda gara sadarkaa itti aanuutti ce'e.
Ammas oluma ka'e, gara Riyaal Soseedaad imaluun isaaf carraas qormaatas ture.
Isaak yeroo sana taphattoota bebbeekamoo keessa maqaansaa hin galle.
'Pirofaayilii' taphattoota bebbeekamoo hin qabu ture, dandeettiisaarratti garuu gaaffiin hin jiru.
Taphataan kun bakkarraa dhufe yookiin duudhaasaa ganamaa hin dagatu, gara kilaba Ispeen wayita imalu afaan kan isa barsiise, barsiisaa isaa Siwiidiin galateeffate.
Afaan Ispeen akka baruuf nama isa gargaaran ta'uu hin daganne.
Waxabajjii 12, 2019 kontiraata waggaa shanii Riyaal Soseedaad waliin kan mallatteesse Isaak, taphatasaa jalqabaa Adoolessa 1, 2019 taphaterratti gooliisaa jalqabaa kilabichaaf galchuun eegale.
Taphataan kun taphoota dorgommii dura gaggeeffamanirratti goolii galchuurratti ciche, taphoota shan irratti hirmaatee goolii afur galche.
Tapha dorgommiin ammoo gooliisaa jalqabaa kan galche RCD Espanyol irrattidha, innis Fulbaana 22, 2019 wayita kilabni isaa goolii 3 fi 1n mo'atetti ture.
Isaak yoomuu ga'eesaa inuma ba'ata, garuu ija laafinatu isa miidha. Jifataa ta'uusaatiin goolii galchuurraa duubatti jedhee hin beeku.
Guraandhala 6, 2020 dorgommii Copa del Rey nuusa xumuraa Riyaal Maadriid waliin taphatan irratti Isaak goolii lama galche.
Guraadhala 9 ammoo Atileetikoo Bilbaawoo irratti goolii mo'ichaa galchuun fudhatamummaasaa daran dabalaa deeme.
Ammoo erga San Sebastian qubatee tasgabbaa'ee booda bara dorgommii lammaffaarratti goolii 13 galchuun Riyaal Soseedaadiif guddoo gumaache.
Tapha waancaa Awurooppaa 2020 irrattis biyyasaa, Siwiidiiniif baayyee gumaache.
Goolii galchuu baatus tapha garee keessaa darbuuf taasifamurratti raawwii ajaayibaa agarsiise.
Keessattuu tapha Silovaakiyaa waliin taphatan irratti Isaak maaliif filatamuu akka qabu mirkaneesseera.
Saffisaan kubbaa fuulduratti oofuun ittistoota faallaa bira darbuun kubbaa inni kenneen biyyisaa goolii 1 fi 0 dhaan moote.
Haala kanaan maqaansaa daran beekamus, garuu bara taphaa 2021-22 keessa taphoota 32 irratti goolii ja'a qofa galchuun isaa barbaachisummaa inni kilaboota gurguddoo biratti qabu irratti dhiibbaa uumeera.
Gatiin isaa yeroo sana yuuroo miiliyoona 60 caala ture.
Tibba sanatti Niwukasil fedhii taphataa kanarraa qabu dhiisee ture. Garuu miidhamuun Kallum Wiilson kilabicha yaada jijjiirsise.
Haala kanaan Niwukasil bara 2022 taphaticha dhuunfate.
Piriimer Liigii keessatti dhiibbaa inni uume
Jijjiirraan Aleksaandar Isaak akkaataa jijjiirraa taphattootaa kilaba Niwukasil keessatti seenessa sobaa uummee ture.
Abbootiin qabeenyaa Sa'uudii Arabiyaa kilabicha harkaa qaban maallaqa guddaa qabu jedhamee waan amanamuuf taphaticha maallaqa jedhameen bitan jedhamee ture.
Garuu sun dhugaatti kan ta'e miti. Jijjiirraan taphataa kanaa of eeggannoodhaan, bu'uura qajeeltoowwan maallaqaa kilaboota Piriimer Liigii (PSR)n kan ilaalame ture, booda dandeettiinsaa kilabicha keessatti adda baafamaa deeme.
Isaak amala ofittummaa fi of tuulummaa dhabuun ammoo akkanni fudhatamu isa gargaare.
Bulchiinsi kilabichaa taphataa wayita fidu akkaataa duudhaa waltumsuu fi miira garee kilabichi itti cichuun akka walsimu fedha.
Ija laafinni taphatichaa garuu raawwii isaa hin gufachiisne.
Kilabichi dandeettii taphataa kanaa erga ofitti dabalee guddoo irraas fayyadameera.
Akka Niwukasil seeneen ji'oota jalqabaa shan miidhamaan tapharratti osoo hin hirmaatin turuunsaas duubatti isa hin deebisne.
Tapha jalqabaa akka carraa ta'ee Liivarpuul waliin taphate, tapha kanarratti goolii galchuun hojiisaa eegale.
Bara sana Niwukasil dorgommii Chaampiyoonsi liigii keessa galee xumure.
Bara dorgommii 2023-24 Aleksaandar Isaak goolii 20 galchuun xumure. Seenaa kana Niwukasil keessatti erga Alan Shiirar waggaa 20 dura hojjetee kan irra deebi'eedha.
''Inni yoggayyuu kan sodaatamuudha, kilabichaaf faayidaa guddaadha,'' jedhe Alan Shiirar waa'ee Isaak wayita dubbatu.
''Akkaataan itti kubbaa xumuru akkaan bareedaadha. Ofitti amanamummaa, tasgabbii fi gareesaatti amanuun baayyee irraa mul'ata. Taphisaa hundi qulqullina kan qabuudha.''
Bara dorgommii kana garuu Niwukasil dhiibbaa jala ta'eetu dorgommii Piriimer Liigii eegale.
Akkaataa Edii Hoowi barbaaduun taphataa hin turre. Kubbaa to'achuu fi gidduurratti anniisaa cimaadhaan taphachuun hin turre. Kun ammoo Aleksaandar akka qophaatti hafu taasise.
Taphataan kun Riyaal Soseedaad keessattis kan inni qoramee tureef erga dursaan taphattootaa Arsenaal kilabicha keessaa ba'ee sirna jijjiirametti baruu dadhabeeti.
Amma Isaak akka duraanii hojiinsaa sarara gidduu (utubaa) waliin wal hin qabatu. Ga'ee kana kan ba'ataa jiran Sandiroo Tonaalii fi Biruunoo Gimareezh.
Amma gama kubbaa ta'achuun madaallii eeganii bakka hundatti taphachuun Niwukasil keessatti fooya'iinsatu jira.
''Aleksaandar taphataa cimaa addunyaa kanaati,'' jedhe leenjisaan isaa Edii Hoowi.
Isaak Muddee darbe tapha Ipswich waliin taphachuun 4 fi 0 dhaan mo'atan iratti haatirikii jalqabaa hojjechuusaa boodadha leenjisaan kun kana kan jedhe.
''Akkaataa inni carraa argate hunda fayyadamee goolii galchu, dandeettii fi tasgabbiin isaa addadha. Dandeettii akkasii taphattoota muraastu qabu. Dandeettii teeknikaa isaa ammoo kanarratti yoo dabalte waan hundaan guutuu ta'uusaa mul'isa.''
Aleksaandar Isaak taphoota Niwukasiliif taphate 70 irratti goolii 44 galcheera.
Tapha dorgommii Waancaa Karabaawoo baranaarratti walakkaa xumuraaf wayita tapha marsaa jalqabaa Arsenaal waliin taphatan dirree Emireetis irratti Isaak dandeettii ajaayibaa agarsiisuun alatti goolii galchuun kilabnisaa akka mo'atu guddoo gumaacheera.
Egereen Isaak akkam ta'a?

Madda suuraa, Getty Images
Niwukasil Aleksaandar Isaak turfachuu baayyee barbaada. Kontiraati isaa xumramuuf waggaa 3 fi walakkaatu hafa.
Kilabichi waan kontiraata kana adda kutee gadhiisu hin fakkaatu, fedhii guddaa irraa qaba.
Arsenaaliin walqabatee wanti odeeffamu akka jiru ni hubatama. Haalaa fi amallisaa, dandeettii fi teeknikiin taphaa isaa kan Henriin waan walfakkaatuuf ta'uu akka hin oolle namaaf gala.
Garuu Gaanersi nama kana dhuunfachuuf maallaqa guddaa isa gaafata. Taphataa kana kennuuf maallaqa gaafatame kilaba muraasatu kennuu danda'a- paawondii miiliyoona 150 akka ta'e himama.
Kilabichi yeroo darbe akkaataa bu'uura qajeeltoowwan sirna maallaqaa kilaboota Piriimer Liigii- PSR jedhamuun taphaticha gurguruuf wayita fedhii agarsiisetti dhimma Antonii Gordan irratti Liivarpuul waliin haasaan eegalamee ture, Arsenaal ammoo paawondii miiliyoona 100 dhiheessee ture.
Garuu dhimmi Isaak Niwukasil keessaa ba'uu yerosuma cufamee hafe.
Haala kamiinuu kilabichi taphataa kana dhabuu hin barbaadu.
Maatii hundeensaanii Baha Afrikaarraa ta'an irraa dhalatee jiruu kubbaa miillaa keessatti qormaata hedduu dabarsee yeroo ammaa taphataa bakka buusuun ulfaatu ta'eera Isaak.
Ammas taatu garuu isa tursiisuuf dandeettiinsaa yeroo gara yerootti fooyya'aa deemuun murteessaadha.

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook gubbaa hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












