Arteettaan Arsenaal mo'amuusaatiif 'kubbaan rakkisaa ta'uuti' sababa jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa gareen isaa Kibxata galgala Niwukasiliin Emiretisirratti simatee mo'amus xumura waancaa Karabaa'oo ni qaqqaba jedhe.
Mo'amuu isaatiifi kubbaatu rakkoo qaba kan jedhe Arteettaan, taphattoonni kubbaa "rakkisaa" kanatti baruu akka qaban akeekkachiiseera.
Niwukasil goolii Aleksaander Izaak fi Antoonii Goordan lakkoofsisaniin ture 2 fi 0n Arsenaaliin morkii marsaa duraatiin kan mo'ate.
Arsenaal tapha kanarratti yaalii 23 gara gooliitti taasisullee, kanneen keessaa sadii qofa turan kan kallattii sirriin yaaaman.
Gabreel Maartineeliin kubbaa bareedaa tokko muka gooliitti buusee osoo hin lakkoofsisiin hafeera; Kaa'i Haveertz ammoo kubbaa mijataa mataan argate tokko osoo hin lakkoofsisiin hafeera.
Taphichaan booda waa'ee kubbaa osoo goolii hin ta'iin hafan kan gaafatame Arseettaan, taphattoonni wanti isaan jijjiiruu qaban tokkollee akka hin jirre eeruun, dhiibbaa kubbichi taphichaarraan gahe himeera.
"Kubbaa hedduun goolii irra keessaan darbeera. Kubbaawwan turan baayyee kan fiigan waan ta'eef rakkisaadha. Kanaaf, wantota xixiqqaa foyyeessinu ni jiru," jedheera Arteettaan.
"Amma taphichi dhumeera; wanti jijjiiruu dndeenyu hin jiru. Irratti xiyyeffachuufi nuti sirreessuu dandeenyu tapha itti aanuufidha.
"[Wanti gaggeeffame] gar-tokkoo taphaati. Akkaataa tapha ani ilaaleefi garee cimaa waliin morkii gaarii agarsiifneen taanaan tapha itti aanutti ni jijjiirra," jedheera.
Tapha kanaan dura Arsenaal taphoota Karabaa'oo sadii taasiseen goolii 11 lokkoofsisuu danda'eera.
Kubbaan dorgommii kanaaf gargaaru dhaabbata Pumaa jedhamuun kan hojjetamu yoo ta'u, kubbaawwan Piriimer Liigii ammoo Naayikiin kan hojjetamanidha.
Waa'ee kubbichaa tokko tokkoon akka ibsuuf kan gaafatame Arteettaan, "kan adda ta'edha" jechuun debeiseera.
"Kubbaa Piriimer Liigiirraa addadha. Akkaataan ittiin deemanis adda waan ta'eef itti baruu gaafata," jechuun itti dabaluun ibseera.
"Yeroo qabattu adda waan ta'eef itti baruun nurra jiraata," jedheera.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Arsenaal goolii lakkoofsisuu dadhabus Niwukasil irratti ol aantummaa kubbaa qabatee hedduus yaaleera.
Mikeel Arteettaa mo'amuu garee isaa kanaaf kubbaa sababa tokko jedhaniiru. Kun hangam dhugaadha?
Tapha Karabaa'oo bara kanaa kanana dura tureen garuu kubbaan isa rakkisuu hin dubbanne leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa.
Tapha waancaa Karabaa'oo kanaan dura tureen Arsenaal Booltaniin 5 fi 1n ture kan mo'ate.
Kilaba Piriisten 3 fi 0n, akkasumas Kiristaala Palaasiin 3 fi 2n mo'achuun ture kan nuusa xumuraaf qaqqabeera.
Baayyinni yaalii goolii galchuuf taasisanis kan Shaampiyoons Liigiifi Piriimer Liigirratti taasisaniin kanuma wal fakkaatudha.
Dorgommiiwwan sadarkaa Awurooppaatti ta'aniif kubbaa kan hojjetu ammoo Adidaasidha.
Tpha isa kaleessaatiin dura taphoota Waancaa karabaa'oo irratti yaaliiwwan goolii 51 taasisan keessaa 27 kanneen xiyyeeffannaa sirriin yaalaman turan. Kana jechuun dhibba keessaa 53 jechuudha.
Piriimer Liigii keessatti ammoo yaaliiwwan 197 taasisan keessaa 102 kallattii sirriin kan yaalaman turan.
Shaampiyoons Liigii keessatti ammoo Arsenaal yaaliiwwan 57 taasisan keessaa 33 ykn harka dhibba keessaa 58 kubbaa qixa sirriin yaalamedha.












