Saalan Livarpuulif osoo goolii omishuu kontiraannisaa maaf haara'uu dide?

Mohaammad Saalaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mohaammad Saalaa Liivarpuul waliin Shaampiyoons Liigifi Pirimerliigii mo'ateera

Mohaammad Saalaa kontiraata Liivarpuul waliin qabu dheeressuu ilaalchisee jijjiiramni homaatuu akka hin jirre hime. Yeroo dhiiyoottis waanti haaran akka hin jiraanne dubbate.

Lammiin Masarii motora kilaba Liivarpuul ta'e, Saalan kontiraanni inni Liivarpuul waliin qabu dhumuuf yeroo gabaabdutu hafe.

Liivarpuul kontiraata isaa hin haaressu yoo ta'e, kilaboota Ingiliiziin ala jiran waliin waliigaltee godhee jijjiirraa bilisaan deemuu danda'a.

Mohaammad Saalaa bara kana qofaa dorgommii hundarratti galchii 20 Livarpuulif lakkoofsisuu danda'eera.

Liivarpuul yeroo ammaa Shaampiyoonsiliigis ta'ee Pirimerliigii dursaa jira.

Dursummaa kilabichaaf ammoo gaheen Saalaa salphaa miti.

Galchii lakkoofsisuu, kubbaa galchiif ta'u kennuu, bilchinaan taphachuun beekama.

Saalan amma ganna 32 guutera. Garuu akka taphataa ganna 32 osoo hin taane, akka dargaggeessa collee fiiga; saffisni isaa ammoo ajaa'ibuma.

Bara 2017 kilaba Roomaa irraa Livarpuul seene.

Anfiild turuun kee abdii hin qabuu jedhamee gaafatamee, "Eeyyee. Hanga ammaa jijjiiramni hin jiru. Garuummoo turree waan ta'u ilaalla," jedhuun deebise turtii Sky Sport waliin taasiseen.

Liivarpuul barana Pirimerliigiii yoo injifate gaafatamee, "Barri kun anaaf kilabicha wajjin isa dhumaati waan ta'eef waan addaa gochuun qaba," jedhe.

Ji'oota darban keessa Liivarpuul wajjin itti fufuurratti shakkii qabu irra deddeebin miidiyaatti dubbataa ture.

Bara kana Pirimerliigii keessatti hanga ammattii hanga Mohaammad Saalaa galchii heddu kan lakkoofsise hin jiru.

Galchii 17 galchuun dursaa jira. Jifataan Manchestar Siitii Erling Haland galchii 14n ittaanee jira.

Liivarpuul Saalaa qofa osoo hin taane taphataa cimaa sarara ittisaa isaa Virjiil Van Daayikifi Aleeksaandar Arnold kontiraanni isaanii ganni osoo hin seenin dhuma.

Taphattoonni ijoon kun Livarpuul keessaa bahu taanan, kilabichi bara dhufu akkam ta'a kan jedhu gaaffidha.

Aleeksaandar Arnoold maqaansaa Maadiriid wajjin ka'aa jira. Leenjisaan kilabichaa Arne Slot garuu, Aleeksaandar Arnoold gara Maadiriid deemu oduun jedhu dhara jedhan.