Maan Yunaayitid Pirimerliigii keessaa gadi bu'uu danda'a - Ruuban Amoorim

Ruuban Amoorim

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ruuban Amoorim leenjisaa Yunaayitid ta'anii erga dhufanii taphoota Pirimerliigii 8 keessaa lama qofa injifatan.

Manchestar Yunaayitid Pirimerliigii keessaa kan gadi bu'ee beeku waggaa 50 dura ture. Bara 1973/74 dorgommii Pirimerliigii keessaa gara Shaampiyoon Shiippiitti kan gadi bu'e ture.

Waggaa 50 hoodas bara kana dorgommii Pirimerliigii keessaa bu'uu danda'a sodaan jedhu leenjisaa garichaa Ruuban Amoorim illee sodaa qabu ibsataa jiru.

Ruuban Amoorim kana kan jedhan kaleessa , Mudde 30,2024, Maan Yunaayitid qe'ee ofii Istaanfoord Biriijitti kilaba Niwukaasil simatee 2-0n erga mo'amee booda.

Yunaayitid bara kana dorgommiin inni taasisu Pirimerliigii keessaa akka hin baanefii? jechuun BBC Sport gaafatee: "Eeyyee, suni carraan bu'uu jira. Kana deeggartoota keenyatti dhugaasaa himuu qabna" jedhan leenjisaan garichaa Ruuban Amoorim.

Ruuban Amoorim leenjisaa Yunaayitid ta'anii erga muudamanii taphoota Pirimerliigii 8 keessaa lama qofa injifatan.

Ruuban Amoorim

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Maanchestar Yunaayitid bara Pirimerliigii keessaa bu'uu danda'a sodaan jedhu dhagahamaa jira

Manchestar Yunaayitid taphoota jaha ji'a Muddee keessa gaggeesse hunda mo'ameera. Ji'a Muddee kana qofa goolin 18 itti galeera. Bara 1964 as yeroo jalqabaaf ji'a tokko keessatti goolin 18 itti gale.

Ruuban Amoorim leenjisaa Yunaayitid ta'uun Sadaasa 24 erga muudamanii as kilaboota Ingilizii Pirimerliigii taphataa jiran keessaa Maan Yunaatid caalaa si'a torba kan mo'ame Saawuzaamptan qofaadha.

Tapha dhuma bara 2024 Niwukaasil waliin taphateen injifatamee amma sadarkaa 14ffaa irratti argama. Erga bara 1989 asi Yunaayitid yeroo kanatti sadarkaa 10 gadi qabatee hin beeku.

Yunaayitid 1979 booda yeroo jalqabaaf dirreesaarratti si'a sadi injifatame. Leenjisaan garichaa Amoorim haala amma Yunaayitid irra jiruun leenjisaa isaa ta'uun miira akkamii akka itti uumu gaafatamanii: "Garichi fooyya'aa hin jiru...leenjisaa Maanchestar Yunaayitid ta'anii tapha heddu mo'amuun nama qaanessa," jedhan.

"Namoonni hedduu waa'ee kilaba kanaa sababa dhiyaatu nuffanii jiru," kilabichaa kufaatii keessaa baasuf waan guddaa hojjachuun akka barbaachisu himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sadarkaa yeroo ammaa Maan Yunaayitid irra jiru, sadarkaa 14ffaa, irra jiru irraa ka'uun kilaboonni afur Pirimerliigii keessaa gadi bu'anii beeku.

Yunaayitid haala amma irra jiruun Pirimerliigii keessaa akka gadi hin buunef, bara haaraa kana, Amajjjii 1, irraa kaasee gabaa jijjiirraa taphattootaa taasifamuun Yunaayitid taphattootaa haaraa mallatteessisuun dirqama itti ta'uu hin oolu.

Kilabichi bara 2024tti Paawundii miliyeena 113.2 dhabeera. Kana bakka buusuf ammoo taphattoota gurguruun akka irra jirus leenjisaan kilabichaa akeekaniiru.

Kanneen keessaa taphataan lammii Biraazil Kaasemiiroon tokko ta'uu mala. Kontiraanni inni Yunaayitid waliin qabu dhumuuf ji'a 18 hafe.

Kilaba Boloonyaa irraa Paawundii miliyeena 36.5 kan bitame Jooshuwaa Zirkzee tapha kaleessaa Niwukaasil waliin Yunaayitid taphaterratti daqiiqaa 33 qofa taphatee jijjiirame.

Zirkzeen tapha kanarratti yeroo gabaabaa keessatti jijjiiramuun isaa Ruuban Amoorim isa waliin itti fufuuf hammam kutannoo qaba kan jedhu gaaffii keessa galcheera.

Taphattoota biroo Ynaayitid gurguruuf jedhu keessaa tokko Maarkas Raashfoordi. Taphoota afur darbe irratti hin hirmaatin jira. Ruuban Amoorim waa'ee Raashfoord gaafatamanii, Raashfoord jijjiirama fidaa akka hin jirre himan. "Isin waa'ee Raashfoord dhiphattu. Ana kan na dhiphisu