Hirmaannaa shaampiyoonsi Liigii bara dhuftuu argachuun 'balaarra jira'- Gaardiyoolaa

Peep Gaardiyoolaa

Madda suuraa, Getty Images

Leenjisaan Maanchister Siitii Peep Gaardiyoolaa kilabnisaa balaa hirmaannaa shaampiyonsi Liigii bara dhuftuu dhabuurra jira jedhe.

Siitiin baroota walitti aanan 14'f dorgommii kilaboota Awurooppaa isa guddicha irratti hirmaachuutti jira.

Riikardii kanaa olii kan qaban keessaa tokko Arsenaali. Bara 1998-2017tti walitti aansuun hirmaannaa dorgommii kanaa argateera. Maanchister Yunaayitidis bara 1996- 2014tti akkasuma walitti aansuun shaampiyoonsi Liigiirratti hirmaateera.

Siitiin ammaan tana taphoota liigichaa 17 gaggeeffamaniin qabxii sassaabbateen sadarkaa 7ffaarra jira. Arfaffaarra kan jiru Nootingihaam Foorestirraa qabxii afuriin fagaatee kan sadarkaa shanaffaarra jiru Barnimaaz irraa ammoo qabxii tokkoon gadi bu'ee argama.

Akka seera haaraa Uefatti ammoo gareeleen Ingilaand ulaagaa kaahameen hiree kilaba shanaffaa hirmaachisuuf jalqabarra jiru. Sadarkaa amma jiruun yoo barri kun raawwate Siitiin shanaffaas ta'ee hiree bara dhuftu hirmaachuu hin qabaatu.

''Amma dura yeroon dubbadhu, namootni natti kolfan,'' kan jedhu Peep, ''hirmaannaa Shaappiyoonsi Liigii argachuun milkaahina guddaa miti jedhan'' jedha.

Ani garuu nan beeka, sababnisaas kilaboota biyya kanaa mudatee beeka. Baroota dheeraf olaantummaa qabaatanii barootaaf ammoo Shaampiyoonsi Liigiirratti hirmaachuu hin dandeenye.''

Gareen Gaardiyoolaa guyyaa Booksiing Daay har'aa Evertan waliin morkata. Achii ammoo Leestariifi Weestihaam waliin taphata.

Gareeleen kun sadarkaa amma irra jiraniin hedduu qormaata ta'u jedhamanii hin eegaman. Kunis Siitiin taphoota saddeet darban irraa qabxii 24 argachuu malu keessaa afur qofa argachuun milkii dhabuu keessa jirurraa bayyanata amantaa jedhu dabaleera.

Haalli keessa jiran kun hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii argachuurratti shakkii akka qabaatan gochuu Peep dubbateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Waggoota darbaniif gareen tokkochi Shaampiyoonsi Liigiirratti hirmaachaa jiru Maanchister Siitiidha'' jedha Gaardiyoolaan.

''Amma balaa keessa jirra, dhugumatti akkasi. Siriitti''

Arsenaal, Chelsii, Liiverpuulfi Maachister Yunaayitiid baroota 2005-06 hanga bara 2008-09tti liigicha tokkoo hanga afauriitti xumuran. Yoo xiqqaate sadeen isaanii hanga bara 2012tti baroota walitti aanan 15f sadarkaa hanga afurii qabatanii xumuraa bahan.

Haata'u malee Yunaayitiid baroota 11 darban keessaa shan Shaampiyoonsi Liigiirratti osoo hin hirmaatiin hafeera. Arsenaalis bara darbe dorgommii kanatti deebi'uu dura baroota jahaaf hirmaannaa hin arganne. Bara 2010 irraa kaasee Liiverpuul yeroo tokko hiree dhabeera. Chelsiin ammoo yeroo walitti aanu lammataaf dorgommii Awurooppaa kanaan ala jira.

Bara kana qormaatni kan itti dhufe warra hin eegamne irraayi. Foorestiifi Barnimaz dabalatee Astoon Viilaanis Siitii dursaa jiru. Niiwkaasil, Fuulhamaiifi Biraayitanis qabxii muraasaan irraa fagaatu.

''Morkattoota baayyeetu jira kan jedhu Gaardiyoolaan, ''kilaba hundaafuu baayyee barbaachisaadha, taphoota yoo injifachuu baanne, hirmaachuu hin dandeenyu.

Yoo hirmaannaa kana argachuu baanne, kun kan ta'e waan nuuf hin malleefi, qophii waan hin taaneefi, rakkoolee baayyee waan qabnuufi furuu waan hin dandeenyeefi.''