Of shakkuu Gaardiyoolaa, dogoggora taphattootaa - Rakkoo Siitiin keessatti kufe

Maanchistar Siitiin taphoota darban 12 keessaa sagal mo'ame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Maanchistar Siitiin taphoota darban 12 keessaa sagal mo'ame

Peep Gaardiyoolaan erga leenjisaa ta'ee rakkoon akkanaa isa mudatee hin beeku.

Maanchistar Siitiin taphoota darban 12 keessaa sagal mo'ameera.

Siitiin akkuma waggoota dhihoo as gochaa ture bara dorgommii kanas milkaa'inaan eegale. Hanga xumura ji'a Onkoloolessaatti tapha tokkollee hin mo'amne ture.

Gabatee Piriimer Liigii dursuun kan eegale Siitiin baranas yeroo shanaffaaf walitti aansee waancaa ni nyaata jedhamee abdatamee ture.

Amma garuu abdiinsaanii du'eera, kilaba jalqabarra jiru, Liivarpuul, booda qabxiin 12n hafuun sadarkaa torbaffaarra jira.

Liivarpuul sanuu ammallee taphni tokko osoo isa hafuuti kan qabxii 12n caalu.

Siitiin kabajaa fi gulantaan guddaa irraa kufaatii hamaa kufe, maaltu akka mudate baruuf kan dhiphatan hedduudha.

Gaardiyoolaan dhuguma kufaatii isa mudate dandamatee bakkatti deebi'uu akka danda'u yaaddoo ta'eera.

BBC Ispoortiif kan barreessu Guilem Balague rakkoo Siitii fi Gaardiyoolaa mudate itti dhihaatee hubachuuf yaaleera.

Qaamolee sirriitti itti dhihaatan waliin erga mari'atee booda rakkoon amma kilabicha mudate akkamiin akka furamuu danda'u waan akeeke qaba.

''Gaardiyoolaan yeroo hunda of shakka''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Peep Gaardiyoolaan yaadaan dhiphata. Hirriba akka hin rafnes himeera. Wayita miidiyaatti dubbatu miirasaan ala ta'a.

Sababoota Maanchistar Siitii kufaatiitti geessan garii ni beeka, kaan ammoo hin beeku.

Haalasaarraa wanti hubatamu leenjisaan kun yeroo hunda of shakka.

''Rakkoo kana keessaa salphaatti hin ba'u,'' jedheefaa yaada.

Kanaafuu burjaajii fi shakkii yaadaan liqimfamuu kana keessaa ba'uuf namoonni naannawasaa jiran tumsuu qabu, ammoo namoota gorsan hedduu qaba.

Akkumasaa namoonni isa marsanii jiran qaamoleen kufaatii Siitii barbaadan akka jiran quba qabu, namoonni akkasii isa eegu.

Yerochi Gaardiyoolaaf yeroo qorumsaati. Dorgommii Chaampiyoonsi Liigii irratti yeroo Feyenoord waliin goolii 3 fi 3n xumuran aariidhaan miidhaa inni fuulasaarraan ga'e eenyutu dagata.

Yoo dogoggorrri ykn rakkoon tokko mudatu yeroo hunda harkasaan mataasaa hooqee miidha, miirasaa to'achuu dadhabuudha.

Yeroo kaan sababa kanaan rakkoon qaamasaarra ga'e hagas mara hin turre, garuu guyyaa sana qeensa isaa qara sanaan of fuulasaa baayyee miidhe.

Kutaa taphattoonni keessatti uffata jijjiirratanitti aariidhaan erga of miidhee booda gara kutaa itti ibsa gaazexeessitootaaf kennanitti wayita seenu fuullisaa miidhameera.

Namni akkaan isatti dhihaatu Manel Estiarte suuraa fuulaa fi mataa Gaardiyoolaa miidhame agarsiisu ergeef.

''Mataa kee maaltu mudate?'' jedheen.

Gaardiyoolaan wayita gara kutaa leenjistootaatti deebi'u homtuu achi hin jiru.

Gaardiyoolaan taphattoota waliinis walitti bu'a, yeroo kaan jijjiiramanii ba'anis walitti bu'a.

Tapha darbii Maanchistar booda ibsa kenne keessatti ''Maal akkan godhu hin beeku,'' jedhee ture.

Kun gam tokkoon dhugaa, gama kaan sobas ta'uu mala.

''An ga'umsa hin qabu,'' isa Gaardiyoolaan jedhu haa dhiisnu. Akkas jechuunsaa taphattoota amma jiranii fi haala hamaa kilabichi keessa seene ilaalcha keessa galchuun rakkocha furuun ni ulfaata akka jechuuti.

Rakkoo Siitii mudateef sababoota amansiisoo kaasuutu danda'ama. Inni ijoon utubaan kilabichaa Rodriin miidhamuudha.

Taphataan lammii Ispeen kun Siitiidhaaf lafee dugdaati. Inni miidhamnaan kilabichi kufe.

Gareen tokko taphataa tokkorratti hundaa'uun, isaan taliigamuun waan hamaa miti. Yoo taphataan sun tapha kan fooyyessuu fi raawwii gaarii kan argamsiisu ta'e.

Taphataa akka Rodrii dhabuun ammoo kisaaraa hagamii akka ta'e tilmaamuun salphaadha.

Kilaba kubbaa miillaaf utubaan (sararri gidduu) akkaan murteessaadha. Kan Siitiis akkasuma. Kilabicha kan ijaare, kan utubee dhaabe sarara gidduuti- Rodriidha, kun dhugaadha.

Kanaf Rodriin keessa hin jiru taanaan utubamee dhaabbachuu hin danda'u. Erga Rodrii dhabaniihoo? Karoora biraa- Joon Istoonsi, Maanu'eel Akaanjii, Nataan Akii fa'a fayyadamuu ture. Isaanis miidhamaan burjaaja'an.

Miidhamni taphataa Siitii mudate salphaa miti, kana cinaatti yeroonsaa tibba ayyaanaa waan ta'eef hojiitu baayyata. Dabalataan kilabichi dorgommiiwwan hunda keessatti hirmaata, ni ko'oommata.

Kun hundi walitti ida'amee kilabicha burjaajesse, akka ta'ee hin beekne isa taasise.

Peep Gaardiyoolaan osoo aariin fuula of ciruu mul'ateera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Peep Gaardiyoolaan osoo aariin fuula of ciruu mul'ateera

Rakkoon Gaardiyoolaan ifatti baasee ibsuu dadhabe inni ijoon amma hanqina naamusaa fi dogoggora amalaa taphattoonni intarnaashinaalaa dirree keessatti agarsiisaniidha.

Fakkeenyaaf tapha Yunaayitid waliin taphatan irratti Maatiyuus Nuuneez maaliif dabarsee Jaak Giriilishiif kennuu dide?

Dogoggorri Wooker fi ittistootarraas mudateera. Kanneen dirree keessatti amala badaa agarsiisan kunneen taphattoota addunyaarratti beekamaniidha. Gaardiyoolaan kana gidduutti qorame.

Akkaataan xiinsammuun taphataa itti ijaarame kilaba tokkoof murteessaadha, taphattoonni Siitii ofitti amanamummaa ittiin beekaman dhabaa jiru.

Murtee dogoggoraa keessa seenan. Yeroo hunda wayita dirree seenan ni rifatu, of ta'uu dadhabu. Akkasumas tasgabbii dhabu.

Sababa taphattoonni jalaa miidhamaniif akkaataa hiriira taphattootaas jeeqameera.

Fakkeenyaaf Wookar akkka duriitti fuukduratti fiigee hin taphatu, Kevin Di Biruuyinaa akkasaa duraatti waan deebi'e hin fakkaatu.

Bernaardoo Siilvaa fi Ilkaay Gundowaan boqonnaa dhabaniiru. Griilish akka irraa eegamutti taphataa hin jiru.

Taphattoonni kunneen gariinsaanii torbeetti tapha tokko qofa taphachuu qabu, garuu sababa taphattoonni hedduun miidhamaniif guyyaa 40 keessatti tapha 12 taphatan.

Sababa kanaatti Erling Haalaand kubbaa argataa hin jiru. Akkasumas ta'ee garuu ammallee Siitii keessaa goolii hedduu kan qabu isa, 13.

Josko Vaardiyool goolii 4n itti aana.

Jijjiirama guddaa Siitiif barbaachisu

Gaardiyoolaan taphattootasaaf eegumsa addaa godhee hin beeku. Baayyees isaan hin qeequ, qeequufis hin deemu.

Waancaa hedduu waliin nyaatan.

Taphattootatti hojii hin baayyisu, waan baayyee waliin hojjechuurra hojii muraasa waliin hojjechuu filata.

Boqonnaa kennaaf, akkasaan sammuusaanii haaressanii deebi'an taasisa.

Tarii yeroon ati garee kee keessatti jijjirama bu'uuraa fiduu qabdu yeroo mo'acharra turtetti ta'uu mala.

Garuu erga kufanii eessa qabu. Ammoo Siitiin haala kanaan ni kufa jedhee eenyutu eege?

Sadarkaa Gaardiyoolaan maqaa Siitiin komatamuurra ga'a jedhee eenyutu eege?

Gaardiyoolaan Maanchistar Siitiif oolmaa guddaa oole. Siitii keessaa namni gaaffii irratti kaase hin jiru.

Ammoo osoo kilaboota akka Riil Maadriid, Barseloonaa yookiin Juuventus ta'u yoona akka gadi dhiisu gaaffiin dhihaateera.

Siitii keessatti waancaa hedduu nyaate, kilabicha milkeesse, Akkamiin haa deemu jedhuun?

Eeyyeen kilabichi rakkoo keessa jira. Garuu rakkoosaa kana dandamatee sadarkaa 1-4 keessa galee xumuruu ni danda'a.

Sammuu hundasaanii keessa yaadi kun waan jiru fakkaata.

Gaardiyoolaan kontiraatasaa hafu [waggaa lama] keessatti Siitii bakkatti deebisee kilaba hin raafamne godhee qopheessuuf karoora qaba.

Tarii kun leenjisummaa isaa isa dhumaa ta'uu mala.

Baarseloonaattis wayita kontiraatasaa waggaa afurii xumuru, yoo namoonni ajaja kee fudhachuu didan maal gochuu dandeessa gaafii jedhu hooggantoota kilabii gameeyyii lama gaafate Gaardiyoolaan.

Situ deemamoo? Taphattootatu deema? Sar Aleksi Fargusan fi Rafaa'el Beniiteez taphattootatu deemuu qabu jedhaniin.

Gaardiyoolaan miira taphattootasaaf qaburraa kan ka'e gorsa leenjistoota gameeyyii didee ofii Kaamp Nuu gadhiise.

Ammas inni taphattootasaaf eegumsa gochuu barbaada. Garuu miira yeroo sanaan walfakkaatu amma taphattoota Siitiif hin qabu.

Kanaafuu amma kan deeman taphattoota malee isa miti.

Siitiin taphattoota tapha guutuu hiriiranii taphatan shan yookiin ja'a haaraa bakka buusuun hin oolu.

Jijjiiramni ariitiidhaan kan dhufu miti, hojiin guddaan bona faranjootaa keessa hojjetama.

Garuu carraa jijjiirraa taphattootaa Amajjii kana keessa banaa ta'u fayyadamuun yoo xiqqaate utubaa [sarara gidduu] bakka buusuu danda'u.

Kilabichi Riyaal Soseedaad irraa taphataa lammii Ispeen Martin Zubemendi fiduu barbaada, Yuuroo miiliyoona 60 itti baasuun akka argatus hawwa.

Taphataan kun bara darbe Liivarpuul seenuu didee ture. Amma garuu gara Piriimer Liigii Ingilaand deemuuf fedha waan godhateef Siitiif tole jechuu danda'a.

Maanchistar Siitii haaraan dhufaa jira, Gaardiyoolaa, Huugoo Viyaanaa fi gareen damee kubbaa miillaa hundi jijjiiramaaf onnataniiru.