Keevin De Birooyinaafi leenjisaa Gaardiyoolaa gidduu rakkoon jiraa?

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Maanchister Siitii Peep Gardiyoolaa hamii isaafii taphataasaa urjii sarara gidduu Keviin Debrooyinaa gidduu jiru jedhamu busheesse. Gahumsa isaa isa olaanaatti hanga deebi'utti jarjaruus dubbate.
De Birooyinaan bara kana miidhamarra turuu hordofee taphoota afur irratti qofa jalqabumarraa hiriiree taphachuu danda'e.
Torbanoota saddeetiif miidhama garaa isaa mudatee turerraa erga bayyanatee booda taphoota darban shan irratti jijjiiramee galee kan taphate dimshaashumatti daqiiqaa 72 qofaafi.
Tapha Dilbata darbe Siitiin Anfiilditti Liiverpuuliin 2-0n injifatamerratti taphni xumuramuuf daqiiqaan 12 yeroo hafu Gaardiyoolaan Keeviiniin jijjiiree galche.
Ammoo tapha guutuu caala Keeviin carraa goolii guddaa uumeera. Dogoggora Vaandaayiik hojjetetti fayyadamee carraan goolii uume hanga xiqqoof goolii eegaa Koomeen Keeliheeriin baraaramte.
Tapha kana booda xiinxaltootni Iskaay Ispoort Jiimii Kaaraageriifi Gaarii Neevil Gaardiyoolaan taphoota jaha injifatamee tokko ammoo wayita qixxee bahu hangam Kevinitti fayyadame gaaffii jedhu kaasaniiru.
Kaarager ''wanti tokko Debirooyinaa waliin mudateera. Lamaan gidduu wanti gaarii hin taane jira'' jedha.
Gaarii Neevilis yaada Kaarageritti waliigale. Haalli Gaardiyoolaan taphataasaa collee itti qabaa jiru ''baratamaa miti'' jedheera.
Gaardiyoolaan morkii Foorest waliin godhan dura yaada kenneen ''Debirooyinaan rakkoo hin qabu'' jedheera.
''Namootni Debirooyinaa waliin akkan rakkoo qabu haasa'u, Kevin waliin taphachuu akkan hin barbaannetti yaadduu?Akka Keevin hin taphanneen barbaadaa? Taphataa naannoo goolii masaanuutti gahumsa addaa qabu. Ani isa hin barbaaduu? waggoota sagal waliin dabarsee ka'een amma isa waliin rakkoo qabaadhee?'' jechuun gaaffiin deebise.
''Inni Kilaba kana keessatti milkaahina naa argamsiiseera. Hanga inni gahumsasaa olaanaatti deebi'u jarjareera.
''Ammoo ji'a shaniif achiis ji'a lamaaf miidhame. Gannisaa 33. Gahumsa isaatti deebi'uuf yeroo barbaada'' jedhe.
Debirooyinaa kontiraatni Siitii waliin qabu ganna dhuftu xumurama. Gahumsa isaatti deebi'uuf dursa akka kennu kan dubbatu taphataan kun kontiraatasaa dheeressuurratti mariin akka hin eegalamnes dubbateera.
Gaadiyoolaan Keevin irraa kan barbaadu gahumsa isaa isa olaanaatti akka deebi'u ta'uu yoo dubbatu, ''gahumsa isaa isa yeroo ganna 27, 28 saniin jaaladha'' jedhe. ''Innis ni jaalata'' jedhe.
Gaardiyoolaan as deebi'uun ''garuummoo amma inni ganna 27 ykn 28 miti'' jechuun yeroon akka isa barbaachisu hubachiise. waggoota 10 fi 11f tapha hedduu taphate miidhama waliin dadabuunsaa waanuma eegamuu jedhe.
Ammoo ''kaka'umsi nu gargaaruuf qabu guddaadha'' jedheera.












