'Waggaa saddeet keessatti akka kana taanee hin beeknu' - Gaardiyoolaa

Peep Gaardiyoolaa

Madda suuraa, Getty Images

Leenjisaan Maanchister Siitii Peep Gaardiyoolaa qe'ee ofiitti Totenhaamiin 4-0n injifatamuu booda yaada kenneen ''waggaa saddeet keessatti akka kana taanee hin beeknu'' jedhe.

''Dhugaa uumame kana fudhannee jijjiiruu qabna'' jechuunis hime.

Mo'amuu booda miidiyaaleetti dubbachuu wayita jalqabu ''4-0n yeroo mo'atamtu wanti jettu baayyeen hin jiru'' morkattootasaan baga gammaddan jedhe.

Yeroo dheeraaf milkaahina gurguddaa argattee booda ''gadi bu'uun'' waan hin oolledha jedhe.

Tapha galgalaa irratti wantootni xixiqqoon akkamiin rakkoo guddaa akka uuman argine jedheera. Sababa isa ijoo godhee ibsuu baatus miidhamni taphattootaa gahee qabaachuu hime.

Ammoo amantaan taphattootasaarraa qabu injifannoo hanga ammaa galmeessan irraa kan ka'e kan hin raafamne ta'uus dubbate.

Peep Gaardiyoolaa seenaa leenjisummaasaa keessatti takkaa taphoota walitti aanan shan injifatamee hin beeku. Siitiin ammoo erga bara 2006 walitti aansee yeroo shan injifatamee amma seenaa san irra deebi'e. Peep dhugaa kana akka fudhatu dubbate.

Dabaluunis Liiverpuul Dilbata har'aa Saawuzaahmpitaniin yoo injifate gargaagartummaa qabxii saddeetiin akka dursuu itti fufus ibseera. Torbee itti aanu ammoo Anfiilditti imalee morkata.

''Waggaa saddeet keessatti akka kana taanee hin beeknu. Amma haa ta'uu booda keessa akka gadi buunu nan beekan ture.

Tapha piriimiyeer liigii sadi walitti aansee nan mo'ama jedhee yaadee hin beeku. Ammoo haala hin amanamneen gahumsi keenya irra deddeebiin walitti fufaa ture. Amma dhugaa jiru hin haallu, yeroo tokko tokko kubbaa miilaa keessatti ni mudata, jireenyi akkasi'' jedhe.

Mo'amuun Siitii seenaa keessatti hangam badaadha?

  • Gaardiyoolaan erga Maanchister Siitii qabatee taphoota walitti aanan hedduu injifatamuun erga bara 2006 osoo Istuwaarti Piirsiin leenji'uu argee booda isa hamaadha
  • Siitiin Gaardiyoolaa jalatti taphoota piriimiyeer Liigii sadi walitti aansee yeroo mo'amu kun kan jalqabaati
  • Gaardiyoolaan seenaa isaa keessatti taphoota dirree ofiitti taphateen goolii afuriin injifatamee hin beeku.
  • Gaardiyoolaan gargaagartummaa goolii guddaan yeroo injifatamu kun isa sadaffaati. Bara 2017 dirree Eevartan gubbaatti akkasumas Bara 2016 ammoo Baarselonaatti 4-0 mo'ameera. Bara 2014 Baayer Miiyuniki osoo jiruu Riyaal Maadriidiinis mo'ameera.
  • Mo'amuun Sambata isa mudate Istaadiyeemii Etihaaditti isa hamaadha.
  • Siitiin shaampiyoonaa liigichaa erga bara 1956 Cheelsii mudatee as kilaba jalqabaa dorgommii hunda irratti taphaoota shan walitti aansee mo'ameedha.
  • Dirreesaatti akka malee yeroo injifatamu kun isa lammataati. Bara 2003 Arsenaaliin 5-1n mo'ameera.
  • Siitiin amma kalaba hunda caala Totenhaamiin yeroo baayyee kan injifatame ta'eera, yeroo sagal.
  • Gareen shaampiyoonaa bara darbee ta'e dirreesaatti goolii afurii oliin yeroo injifatamu kuni yeroo sadaffaafi