Maanchister Siitii fi Arsenaal torban kanas mo'amuun rakkoo keessa galuu?

Madda suuraa, Getty Images
Maanchister Siitiin erga Eebla bara 2018 as yeroo jalqabaaf walitti aansuun taphoota sadii mo'ame. Sanbata kanas kufaatii biraaf saaxilamuu?
Yoo Maanchister Siitiin Biraayitaniin mo'amaniif erga bara 2006 yeroo walitti aansuun si'a jaha mo'amaniin as kufaatii haaraa galmeessuu isaaniiti.
Kun Maanchister Siitiitti garee baay'ee cimudha. Biraayitan saffisa guddaadhaan waan taphataniif Maan Siitiitti hedduu ulfaata jedhe xiinxalaan BBC Sport Kiriis Saatan.
Kiriis Saatan taphoota 380 tahan waggaa tokko keessa taphataman keessummoota Tilmaama torban 11ffaa kanaaf Mayilii fi Taatee, CBBC irratti diraamaa kubba miilaa Jaamii Joonsan jedhamu kan hojjetan afeere.
Iisnis tilaamama mataa keessanii kennuu dandeessu.
Bireentifoordi v Barnimooz
Tapha garee lameen gidduu akkaan eegamudha. Lameenuu gahumsa gaarii irratti argamu.
Kiriis Saatan garuu kana akkam godhee tilmaamu jechuun akka itti ulfaate hima.
Barnimooz tapha Arsenaal, Aston Viilaa, fi Maanchister Siitii wlaiin taasisan irraa qabxii torba argatan.
Bireentifordi ammoo bara dorgommii kaa dirree isaanii irratti qabxii argachuun rikardii gaarii qabu.
Tilmaama kana gahumsaa fi ofitti amanamummaa Barnimooz irratti hundaa'een ilaala. Garuummoo Bireentifordis dirree isaanii irratti waan qabxii gatan miti.
Tilmaama Kiriis Saatan: 1-1
Taate: 2-2
Mayilii: 1-1
Biraayitan v Maanchister Siitii
Biraayitan torban darbe mo'ameera. Garuu daqiiqaa 45 tahuuf Liiverpuuliin taphaan ala taasisanii ture. Dirreenis Anfiildi tahuun beekamaadha.
Taphatoonni akka Yaasin Ayaarii, fi Jaak Hinshilwuud ajaa'iba turan.
Liiverpuul ofirraa ittisee booda of qindeessuun duubaa ka'anii mo'atan.
Maanchiser Siitiinis tapha kana mo'achuuf haaluma wla fakkaatu hordofuu qaba.
Erga Ispoortiingi Liisbaniin mo'amanii Bernaanoo Silvaa haala dukkanaa'aa keessa jirra'' jedhe.
Garuu ka hin dagatamne garee shaampiyoona atahee xumure waan tahuuf ni fooyyeessu jedheen amana jedhe Kiriis.
Tilmaama Kiriis Saatan: 1-2
Mayilii: 2-3
Taate: 4-3 Biraatan mo'a
Liiverpuul V Astoon Viilaa
Shaampiyoonsi Liigii irratti Aston Viilaan tapha baay'ee gadi bu'aa taphatee mo'ame.
Amma kana keessaa bahuuf ni dhama'u.
Viilaan tapha kana mo'achuuf saffisa addaa garee Arne Sloot madaalu agarsiisuu qabu. Garuu kun waan tahu miti.
Mohaammad Saalaa gahums aisaa torban darbe Biraayitan irratti agarsisieera.
Kiriis Saatan: 2-0
Mayilii: 2-0
Taate: 3-3
Maanchister Yuunaayitid v Leester Siitii
Maanchister Siitiin tapha Karabayoo Kaappii irratti Leester Siitii mo'ataniiru.
Garuu tapha maanchister Yuunaayitid Ruud Nan Nilstiruuy jalatti mo'ate kana Leester taphattoota sagal jijjiiruun ture kan galan.
Tapha Awurooppaa Liigiis turtii waggaa tokkoo booda POAK mo'ataniiru.
Kiriis saatan:2-1
Mayili: 0-1 Leester mo'a.
Taate: 1-2 Leester mo'a
Chelsii v Arsenaal
Kiriis saatan qabxiin asii kan hundaa'uu fi kanan tilmaamuu danda'u yoo taphataan Cheelsii Koo Paalmer taphata tahee fi hafa tahedha.
Arsenaaliif Deklaan Raayis jiraachuu fi dhiisuun isaa hin baramne. Maartiin Odeegaardi deebi'us gahums aisaa beekamutti garuu takkaan waan deebi'u miti.
Osooma Kool Paalmer hin jiru taheeyyuu Arsenaal tapha kana waan mo'u natti hin fakkaatu.
Arsenaaliif kan na yaaddessu erga haala gaariin taphatanii isa naannoo galchii morkattoota isaanii gahanii waan godhan wallalanidha jedhe Kiriis saatan.
Kiriis Saatan: 2-, Yoo Plamer hin jiru tahe ammoo 1-1 xumuru.
Mayilii: 3-
Tatee: 0-2












