Maxxansa Saalaah deeggartootni 'deemusaati' jedhanii akka yaaddahan godhe

Mohaammed Saalaah

Madda suuraa, Getty Images

Mohaammad Saalaah Sambata darbe gooliin Biraayitan irratti lakkoofsisee Liiverpuul sadarkaa tokkoffaatti akka deebi'u godhe, turtiinsaa yoo raawwate kilabichi maal akka dhabu kan agarsiise ta'eera.

Yaadni miidiyaa hawaaasaa gubbaatti tapha kana booda maxxanse ammoo deeggartootni akka yaaddahan sababa ta'eera.

Mohaammad Saalaah, Tireent Aleksaander Arnooldiifi Verjiil Vaandaayiik milkaahina Liiverpuul baroota darban muraasaa keessatti utubaa ta'aniiru. Ammoo torbanoot sagal keessatti kontiraatnisaanii waan raawwatuuf kilaba barbaadan ykn isaan barbaadu kamiifuu mallatteessuu danda'u.

''Gabatee liigichaa dursuun bakka kilabicha gitudha. Achii gadii miti. Kilabootni hunduu tapha ni mo'atu shaampiyoonaa kan ta'u garuu garee tokko qofa'' jedhe Saalaah yaada X gubbaa maxxanseen.

Dabaluunis ''wanti nuti feenu sana. Deeggarsa keessan eda galgalaaf galatoomaa. Wanti barbaadeyyuu yoo ta'e, Aanfiilditti miira goolii galchuun qabu tasumaa hin dagadhu'' jedhe.

Dubbiin ''wanti barbaade yoo ta'e'' jettu kun deeggartoota Liiverpuul yaaddoo keessa galcheera.

Kilabichi taphattoota sadan Aanfiild tursuuf dubbii eegalus haasaan Saalaah kun mariin kontiraata dheeressuurratti godhamaa jiru rakkoon isa mudateera laata yaada jedhu kaaseera.

Ittisni duraanii Maanchister Siitii Mikaah Richaards yaada sagantaa BBC Match of the Day jedhamuratti kenneen ''Moo Saalaah waliin mallateessuu qabu, waliigaltee waggaa lamaa kennuufin fayidaa guddaa qabaaf'' jedhe.

Inni goolii galchuuf akka gaariitti taphachuun irraa hin eegamu. Taphattootaa ciccimoofi taphattoota addaa gidduu garaagartummaan jiru kanadha'' jedhe.

Mootiin warra Masrii kun taphoota Liiverpuuliif taphate 364 irratti goolii 220 lakkoofsiseera. Seenaa Liivarpuul keessatti taphattoota goolii hedduu galchan keessaa sadarkaa shanaffaarra jira. Pirimiiyeer liigicha keessatti ammoo sadarkaa saddeettaffaarra argama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gooliin Sambata darbe lakkoofsise goolii mo'ichaa lakkoofsise 48ffaa ta'ees galmaaheera.

Leenjisaan Liiverpuul Arne Isloot goolii Saalaah sanaan ''Mo Salaah Ispeeshaal'' jechuun ibse. Dabaluunis gooliin akkanaa kan jalqabaasaa, kana xumuraas hin ta'uu'' jedhe.

Saalaah bara 2017 Liiverpuul galuu dura bara ture goolii 20 lakkoofsise. Erga Liiverpuul dhufee hirmaannaa goolii lakkooofsise 238n taphattoota gahumsa itti fufaan maqaa horatan keessaa tokko ta'eera.

Saalaah fi Waaynii Roonii qofaatu baroota dorgommii shan walitti aansee hirmaanaa goolii 10 galmeessuu danda'e.

Saalaah bara kana riikardii kana qophaassaaatti qabatee fooyyeessa. Ammayyuu goolii jahaa fi kubbaa gooliif mijate kenneera.

Liiverpuul bara kana leenjisaa Aarni Isloot jalatti tapha gaggeesse 15 keessaa 13 injifateera.

Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Satanbara Kiloop booda Liiverpuul tapha Biraayitan waliin gaggeesse irratti boqonnaa booda guutummaatti jifatee qabxii argatee jedhe.