Mohaammad Saalaa dabalatee jijjiirraa taphattootaa odeeffamaa jiru

Madda suuraa, Getty Images
Jijjiiraa taphattoota ganna dhufuun jifataan Liivarpuul Mohaammad Saalaa warra kilaba biraa deemu jedhamee odeeffamu keessayi.
Mohaammad Saalaa fudhachuuf kilabni Saawudi Arabiyaa Al-Itihaad paawundii miliyeena 70 qopheessee eeggataa akka jiruti odeeffamaa jira.
Akka Football Insider gabaasetti yoo ta'e ammoo Cheelsin kilaba Atileetik Bilbaa'oo irraa jifataa lammii Ispeen collee ganna 21 kan ta'e Niikoo Wiiliyaams mallatteessisuuf tattaafataa jira.
Niikoo Wiiliyaams mallatteessisuuf Cheelsin paawundii miliyeena 43 ramadeera jedhame.
Gama biraan ammoo Manchestar Siitin taphataa sarara gidduu lammii Biraazil kan ta'e Lukaas Paakeetaa fudhachuufi jechuun kan gabaase Foot Mercato dha.
Lukaas Paakeetaa, taphataan ganna 26, bara darbes maqaansaa Maan Siitii wajjin wal-qabatee ka'aa ture.
Livarpuul ammoo leenjisaa kilaba Ispoorting Lisban kan ta'e Ruuban Amoorim fudhachuuf kontiraata waggaa sadii dhiyeessef oduun jedhus jira.
Amma Liivarpuul leenjisaa kan jiru Yargan Kiloop bara kana booda Liivarpuul akka hin leenjisne himee ture.
Kilaboonni sadi: Weesthaam, Tootinhaamifi AC Miilan taphataa sara ittisa giddu galeessaa Fuulhaam Toosin Adarabaayoo mallatteessisuuf irratti wal-qabanii jiru jechuun kan gabaase Gurdianidha.
Taphataa sarara ittisaa duraanii Cheelsii kan ta'e Wiiliyam Gaalas ammoo Cheelsin yeroo jijjiirraa taphattootaa dhufutti lammii Porchugaalifi tapahataa sarara gidduu Maan Yunaayitid kan ta'e Buruunuu Fernaandeezifi jifataa kilabichaa Maarkas Raashfordi bitachuu qaba jedheera jechuun kan ganaase barruu the Mirror jedhamuudha.
Kilabni Jarman Boorusiyaa Doortimund ammoo taphataa sarara irra Johaan Bakaayookoo kilaba PSV Indoovan iirraa mallattessisuu barbaada jedhamee odeeffama.
Taphataan ganna 20 lammii Beeljiyeem kun ija kilaboota Ingilizii Barnileefi Bireentfoord keessa galuutu himama.
Evartan ammoo taphataa sarara gidduu lammii Beeljiyeem kan ta'e Amaduu Onaanaa fudhachuu kan barbaadu paawundii miliyeena 70 haa kaffalu jedheera jechuun kan gabase Football Insider dha.
Taphataa ganna 22 kana fudhachuuf Arsenaal, Niwukaasiliifi Weesthaam ijasaanii irraa kaa'ataniiru jedhame.












