Taphataan Arsenaal, Zinchenkoon, Yukireen waamicha naaf taasifnaan 'waraanaaf nan duula' jedhe

Taphataan Arsenaal Aleksaander Zinchenkoo

Madda suuraa, Getty Images

Taphataan Arsenaal Aleksaander Zinchenkoon biyyi isaa Yukireen waamicha yoo isaaf taasifte waraanaaf duuluuf qophiidha jedhe.

Taphataan Arsenaal umuriin isaa amma waggaa 27 ta'e Zinchenkoon erga Raashiyaan Yukireen weerartee kaasee hanga ammaatti biyyasaa Yukireeniif deeggarsa paawondii miliyoona tokko taasisuu isaa BBCtti hime.

Taphataan kun Yukireen guutummaa Awurooppaarraa ittisaa jirtu jechuun, biyyattiif deeggarsi dabalataa ni barbaachisaaf jedhe.

Waraana waggoota lama lakkoofsise kanaan Yukireen loltoonni baayyeen kan jalaa ajjeefaman yoo ta'u, pirezidantiin biyyattii Voloodmiir Zeleniskii, lakkoofsa loltootaa dabaluuf daangaa umurii kanaan dura waggaa 27 ol ture amma gara waggaa 25tti gadi buteera.

Zeleniskiin Yukireen loltoonni dabalataa kumni 500 ishee barbaachisa jechuun ibse.

Zinchenkoon turtii BBC waliin taasiseen waamichi duulaa yoo isaaf dhiyaate tapha Piriimer Liigii keessatti taasisu dhiisee duuluu danda'aa kan jedhu gaaffiin dhiyaateefii akkas jechuun deebise: "Gaaffii kanaaf deebiin salphaadha. Waraanuuf nan deema," jedhe.

Waraana kanarratti amma lolaa kan jiran keessa hiriyyoonnisaa mana barumsaatti waliin turan akka jiran Zinchenkoon dabalee ibseera.

"Dirree kubbaa keessatti hiriyyoonni koo waliin taphataa turre yeroo ammaa kana biyyasaaniirraa diina ittisaa jiraachuu yeroo yaaddu salphaa miti.

Dhugaa dubbachuudhaaf kana amananii fudhachuudhaaf ulfaataa ta'us wanti gochuun danda'amu hin jiru. Harka kennachuu hin dandeenyu," jedheera.

Haalli Yukireen jiru hangam "baayyee rakkisaa" ta'ullee pirezidantii keenyaan ni boonna," jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2016 kilaba Raashiyaa Huufaa jedhamuuf taphachuun jireenya pirofeeshinaala kubbaa miilaa kan jalqabe Zinchenkoon, yeroo ammaa kana hiriyyootasaa kilaba duraan keessa turee lammii Raashiyaa ta'an waliin hariiroo tokkollee akka hin qabne dubbata.

"Waraan erga jalqabeen booda namoonni muraasni ergaa barreeffamaa naaf erganii ture. Balleessaa isaanii waan hin taaneef isaaniin hin komadhu. Waraanicha mormaa isaaniin hin jedhu, sababiin isaas hidhamuu danda'u," jedha.

Waraana dura warri Raashiyaa, Yukireenotaan "obboleessaafi obboleettii" jedhu ture kan jedhu Zinchenkoon, waraanaan booda garuu "Yukreenonni hundi hiriyyoota isaanii ta'uu hin dandeenyu," jechuun dubbate.

"Miidhaa isaan nurraan gahan gonkumaa hin dagannu. Kanas ijoollee koon barsiisa. Ijoolleen koos ijoollee isaanii barsiisu," jedha.

Akka Pirezidant Zeleniskiin jedhutti taanaan, waraana kanaan loltoonni Yukireen kuma 31 kan ajjeefaman yoo ta'u, bakkeewwan Raashiyaatiin humnaan qabaman keessatti ammoo namoonni nagaa kumaan lakkaa'aman lubbuusaanii dhabaniiru.

Zinchenkoon yeroo waraanichi jalqabetti maallaqa Paawondii tokkotti dhiyaatu lammileen Yukireen buqqa'an gargaaruuf ergee akka ture dubbateera.

Taphataan Arsenaal kun yeroo ammaa kana lammii Yukireen ta'uu caalaa wanti na boonsu hin jiru erga jedheen booda, "waraanni kun hatattamaan dhabbatee biyya keenya akka barbaadnutti akka ijaarru abdiin qaba," jedhaara.