Akkamitti akka Dekilaan Raayis shaampiyoonaa ta'uuf dorgomaa kan jiru Arsenaaliin foyyeesse

Madda suuraa, Getty Images
Bara darbe yeroo Arsenaal taphataa sarara gidduu ta'e Dekilaan Raayis West Haam irraa fudhatee mallatteesifachuuf Paawondii miliyoona 100 baasu, mooraa gara garaa keessaa yaadni Arsenaal hanga maluun ol kaffale kan jedhu dhaga'amaa ture.
Haata'u malee, taphataan Ingilaand kun dandeettii ajaa'ibaa agarsiisuun sarara gidduurraa ka'ee hanga goolii galchuutti deemuun, Arsenaal akka morkii shaampiyoonaa ta'uuf taasisu cimsee itti fufu gargaareera.
Amma Piriimer Liigii keessatti taphni10 hafee wayita jirutti, Arsenaal tokkoffaarra jira.
Tarii qormaanni guddaan Arsenaal eeggatu tapha Dilbata (Bitootessa 31, 2024) morkataa waancaa cimaa kan ta'e gara qe'ee Maanchester Siitii deemuun kan taphatudha.
Taphni Arsenaal fi Maanchester Siitii kun baayyee cimaafi murteessaadha.
Maanchester Siitiinis ganna darbe Dekilaan Raayis fudhachuuf Paawondii miliyoona 90 kennuun yaalee ture. Garuu gatiin dhiyeessan gahaa waan hin turreef hin milkaa'iin hafe Maanchester Siitiin.
Arsenaal amma Piriimer Liigii dursaa jiru- garuu bara darbe yeroodhuma kana taphoota 28 taphatanii Liigicha dursaa turanis booda gara dhumaa sigigaatanii carraa shaampiyoonaa ta'uu of harkaa baasan.
Kanaaf, barana Raayis gara dhumaa gahanii sigigaachuu kana Arsenaaliin oolchaa?
Arsenaal, Liiverpuul fi Maanchester Siitiin duraafi duubaan 1-3 kan qabatanii jiran qabxii tokko qofaan wal caalaniiti.
Kun ammoo dorgommiin shaampiyoonaa ta'uu kilaboota Piriimer Liigii gurguddoo sadan kana gidduutti taasifamaa jiru akkaan cimee itti fufeera.
Raayis gara Emireetis maal fidee dhufe?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Arsenaal bara kana karaa hundaan fooyya'eera. Kan bara darbee waliin yeroo ilaalamu lakkoofsi goolii galchuu dabalee, kan irratti galu xiqqaateera.
Hanga dhumaatti si'oomina addaatiin taphachuun daqiiqaan yeroo dhumaa jirutti goolii lakkoofsisuun isaaniis kan duraan hin baramnedha.
Hangi kubbaa qabatanii taphatan, yaalii goolii galchuu taasisan, akkasumas dirree morkataa isaaniitti ce'uun morkattoota isaaniif yaaddoo ta'uun isaanii kan baranaa addatti haalaan cimeera.
Bara darbe waliin walbira qabamee yeroo ilaalamu taphattoonni Arsenaal bara kana sarara lamaan jijjiirama guddaa fidaniiru - Daavid Raayaa Aaron Raamsideeliin bakka bu'uufi sarara gidduurratti. Kun ammoo gooliin galchan baayyatee, kan isaanirratti galu akka xiqqaatu taasiseera.
Bara darbe taphattoonni sadan sarara gidduu Arsenaal amballii kilabichaa kan ta'e Maartiin Odegaard, Giraanaayit Zhaakaa fi Tomaas Paartee turan.
Bara kana ammoo Raayis fi taphataa biraa Arsenaal ganna darbe Chelsiirraa Paawondii miliyoona 65n fudhate Kaay Haveertiz sarara gidduurratti Odegaarditti makamuun miidhaginaafi cimina addaa fideera.
Raayis erga gara Arsenaal dhufee kaasee tapha Piriimer Liigii hunda irratti jalqabarraa kaasee hiriiree taphataa jira. Bara kana taphataan daqiiqaa dheeraa dirree keessa turee taphachuun Raayisiin caalu sarara ittisa-gidduurra kan taphatu Wiliyaam Saliibaa qofaadha.
Dekilaan Raayis taphattoota sarara gidduurraa kubbaa bareecchanii kennaniin Liigicha keessatti sadarkaa sadaffaa qabateera.
Kubbaa Raayis kennu %91 sirriidha. Kan isa caalan taphataa Tootenhaam Bisummaafi taphataa Maanchester Siitii Roodirii yoo ta'an kan isaanii ammoo %92.
Arsenaal bara darbe yoona kana taphoota 28 taphatee qabxii waliigalaa 69 sassaabbachuunidha dursaa kan ture. Bara kana garuu qabxii waliigalaa 64 qaba. Liiverpuulis qabxii 64 kan qabu yoo ta'u, Arsenaaliin gooliitiin caalamee lameffaarra jira.
Taphataan duraanii sarara ittisaa Liiverpull Jaamii Karaagar fuula Telegraama isaarratti jalqaba ji'a darbee ergaa barreesseen Raayis humna "morkii" ta'uu isaa mirkaneesseera jedhe.
"Taphataa sarara gidduu kubbaa qabee tursiisu miti. Taphataa sarara gidduu kubbaa xumurudha," jedhe Kaaraagar.
"Arsenaal yeroo gara Etihaad [dirree maanchester Siitii] deemanitti taphataa bakka murteessaa ta'e sarara gidduu to'achuu danda'u kan Maanchester Siitii Roodiriitiin gitu qabu. He is not a holding midfielder.
"Arsenaal Raayisiin fudhachuutti sirrii godhe. Raayisiin mallatteesifachuun isaa seenaa kilabichaa keessatti bayyee murteessaadha - [kilabichi dorgommii Shaampiyoonaa Awurooppaattis waggaa 14 booda akka deebiyu gargaareera.]
Mudde keessa, taphataan duraanii sarara duraa Niwukasil fi Ingilaand Alaan Shiirar, BBC irratti akka barreessetti, "Arsenaal bara darbe yeroo hanga dhumaa taphni muraasni hafetti dursaa turanii Siitiif dabarsanii kennan caalaayyu bara kana jijjiirama gaarii fiduun isaanii ifadha. Jijjiiramni kun ammoo kan dhufe irra caalaan isaa jijjiirama Dekilaan Raayis fideenidha.
"Kanaaf, taphattoota ganna darbe keessa mallatteessan keessaa addatti kan dinqisiifatamudha. Paawondii miliyoona 100 West Haamiif kennanii fudhachuun isaanii maallaqa haala sirriin bahedha.
Raayis Arsenaal caalaa akka ijaaramuufi cimu gochuun sarara gidduurratti ammoo ni dhuunfatan. Sarara gidduutiin alattis kubbaa kamiyyu inni tuqu ajaa'ibadha."
Raayis bara darbe yeroo Weest Haam keessa jiru caalaa bara kana Arsenaal keessatti fuula sarara duraarratti kubbaa baayyee taphateera. Kun ammoo garee foyyee qabu keessa taphachuun isaas akka inni dabalu gargaareera.
Kilabiin inni irraa dhufe, Weest Haam bara darbe Piriimer Liigii keessatti sadarkaa 14 irratti xumure.
Arsenaal bara kana giddu-galeessaan kubbaa qabatee kan taphatu %62 yoo ta'u, Weest Haam garuu bara Raayis keessa jirullee %50 yeroon itti qaqqabe hin turre.
Sababa kanarraa kan ka'een, Raayis yeroo kamiyyu caalaa goolii dabalataa lakkoofsisaa jira, taphattoota garee isaatiifi kubbaa mijeessuu kennaa jira.
Gooliin Piriimer Liigii ja'aafi kubbaa shan mijeessuun Arsenaal keessatti barana hanga ammaa gumaache dorgommii kamiyyu keessatti kan inni Weest Haam waliin qabu caala.
Gumaacha Raayis taasisu hanguma yeroo dorgommii baranaa kun deemaa jiru dabalaa deeme. Kun ammoo taphoota murteessoo gara dhumaatti Arsenaal taphatuuf carraa gaariidha.












