Meesuut Oozil biyya isaa Jarmanitti erga mufatee akkamiin siyaasa Tarkiitti makame?

Oozilii fi pirezidaantii Tarkii Resib Xaayib Ordohaan

Madda suuraa, Sky Sport

Taphataan duraanii Arsenaal Meesut Oozil erga kubba miilaa irraa soorama bahee siyaasa Tarkiitti makame.

''Arraba sanyummaa'' Jarmanoota irraa isa mudataa ture hordofee garee biyyaalessaa Jarmaniif taphachuu umurii isaa waggaa 28'n dhaabe.

Pirezidaantii Tarkii Reesib Xaayib Erdohaan waliin erga argamee qeeqamaa ture.

Oozil paartii Reesib Xaayib Erdohaan AKP'tti makamuu Sky Sport gabaase.

Koongireensii Paartii biyya bulchaa jiruu [AKP] Dilbata gaggeeffame irratti Oozil Koree Gidduugaleessaa paartichaatti filameera.

Oozil michuu Pireidaantii Tarkii Resib Xaayib Erdohaanidha. Kana irraa ka'uun namoonni siyaasaa Jarman, Oozil garee biyyaalessaaf amanamaa waan hin taaneef keessaa haqamuu qaba jechuun bara 2018 keessa qeeqaa turan.

Inni dursee garee biyyaalessaa irraa soorama bahus suuraan Erdohaan waliin ka'e siyaasa waliin wal hin qabatu jedhee ture.

Oozil lammiilee Filisxeem waraana keessa turaniif dubbachuu fi gargaaruunis ni beekama. Waa'ee amantaa fi ejjennoo siyaasa isaas irra dedebiin ibsaa ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Ani Musiliiman ture....Ammas Musiliimadha... fuuldurattis Musiliima taheen du'a.'' Kun waan taphataan beekamaa duraanii Riyaal Maadiridii fi Arsenaal Meesut Oozil fuula Inistaagiraamii isaaratti barreesse ture.

Oozil waa'ee amantaa isaa callisee lafaa hin kaasne. Oozil hidda dhalootaa Tarkii keessaa qaba.

Dhalatee kan guddate garuu Jarman magaalaa Gelsenkirchen jedhamtu keessattidha. Kubba miilaa pirofeeshinaalaa Shaalk 04 jalqabee, Werder Bireemen achiis Riyaal maadirid, Arsenaal fa'aa keessa taphateera.

Bara 2014 Biraazil magaalaa Riyootti Jarman Arjentiinaa injifachuun yeroo waancaa Adunyaa mo'atte ammoo taphataa murteessaa ture.

Mesut Oozil yeroo sana Jarmanoota hundaan faarfama ture.

Lammii Jarman qofa osoo hin taane akka ilma Jarman tokkootti ilaalamaa ture. Booda guyyaa Jarman injifatamuu jalqabdu sababiin barbaadamuu jalqabe.

Yeroo kana Oozil jaalallee isaa Aminee Guulsee waliin wal fuudhuuf gara Tarkii deemee ture.

Sirna gaa'elaa isaa kana irratti pirezidaantiin Tarkii kabaja mirga namoomaan qeeqaman Resib Teyib Erdohaan argamaniiru.

Oozilis isaan waliin suura ka'e. Amma sababni argame. Ati silas dhiiga Jarman hin qabdu. Ati Tarkii irraa dhufte jedhamuun sanyii isaafi amantaa isaan qeeqamuu jalqabe.

''Gaafa Jarman mo'attu ilma Jarman, gaafa Jarman mo'amtu ammoo Tarkii jedhameen waamama'' jechuun ofii isaas akka hedduu gadde miidiyaaleef ibsee ture.

Oozil akkasiin haa qeeqamuyyuu malee biyya isaa Jarmaniif gahumsa guddaa agarsiisaa tureen yeroo shan taphataa cimaa Jarman tahuun filameera.

Oozil Riyaal Maadirid osoo jiruu Joosee Moorinihoo waliin waan wal dhabaa tureef gara Arsenaal deemuuf dirqame.

Arsenaal yeroo dhufu taphataa qaalii lammii Jarman jalqabaa tahuun ture. Arsenaal naannoo Paawondii miliyoona 42 ol baasii taasisuun mallatteessise.

Arsenaal keessattis taphataa miindaa guddaa argatu ture. Jijjiirraa kana garuu namni eege hin jiru ture.

Oozil waggoota sagal Jarman bakka bu'ee erga taphatee, Arsenaaliin boodas kilaboota akka Fenerbaachee fi Istaanbul Basakseriif taphatee umurii isaa waggaa 34'n soorama bahe. Jarmaniif garuu durseema tapha dhaabe.

Biyyi oolmaa guddaa ooleef kabajaa isaaf tahu hin kennineef.

Meesut Oozilii fi haadha warraa isaa Amine Gulse

Madda suuraa, Getty Images

'Ati taphataa dhibaa'aa, of babbareechee deemudha'

Mesut Oozil akka Riyaal Maadirid galu kan godhe Joosee Moorinihoo ture.

Lamaan isaanii akkuma waliin waancaa adda addaa mo'atan wal dhabdee keessas galanii ture.

Leenjisaa Riyaal Maadirid kan turan Joosee Moorinihoon guyyaa tokko kutaa uffannaa taphattootaa keessatti Mesut Ooziliin ''dhibaa'aa'' jechuun arrabsan.

Yeroo sana Oozil umuriin isaa waggaa 21'n Riyaal maadiriditti makamee osoo hin turiinidha.

Oozil qaamaan akka taphattoota kaanii taphataa jabaa jedhamu miti. Kennaa fi dandeettii kubba miilaa taphachuu isaa garuu ajaa'iba nama jechisiisa.

Taphataan sarara fuulduraas tahe gidduu Mesut Oozil waliin taphachuu hin jaalanne hin jiru.

As deebi'ii sarara ittisaa gargaari jechuun garuu isaaf waan hin danda'amnedha.

Sarara gidduu irratti mootii kubbaa miilaati. Akka barbaade kubba miidhaksee taphataa galchii lakkoofsisuuf dabarsuu danda'a.

Kun garuu Jooseef hin liqimfamne. Sabaani isaa ammoo Joosee Moorinihoon taphataa sarara gidduus tahe fuulduraa kan deebi'ee ittisa irrattis gargaaru waan jaalataniif.

Oozil taphataa baay'ee fiigu ykn humnaan taphattoota kaan waliin wal dhiibee kubba irraa buusuun taphatu miti.

Taphataa tutuqaa taphattoota morkattootaa malee kubba taphatu jedhanii kan isa ibsanis jiru.

Egaa kanatu leenjisaa isaa Joosee Moorinihoo waliin walitti isa buuse. Mesut Oziliin gara Riyaal Maadirid kan fide ammoo Joose Moorinihoo matuma isaati.

Lamaan isaanii kan walitti buuse dhimmi biraa garaagarummaa yaadaa lamaan isaanii gidduutti mudatedha.

Joosee Moorinhoo fi Meesut Oozil, yeroo lameen isaanii Riyaal maadirid turan

Madda suuraa, Getty Images

Oozil kitaaba isaa 'Gunning for Greatness' jedhu keessatti waa'ee taatee Moorinihoo waliinii kana ibseera.

Guyyaa jalqabaa Moorinihoon sarara irra dhaabbachuun Oozil akka haalaan taphachaa hin jirre itti dubbachuu jalqabe.

Yeroo boqonnaa gara kutaa uffannaa taphattootaatti yommuu galan ammoo inumaayyuu itti iyyuun jechoota haamilee taphatichaa tuqan itti dubbate.

Oozil akka jedhetti: '' Amma ati kubba babbareedaa lama qofa dabarsitee kennuun kee gahaadha jettee yaaddaa! %50 gahumsakee kennitee ni gaha jettee yaadda taha! Sana booda takka callisuun ija natti babaase. Anis achin irraa garagale.

Miira gaarii homaa natti hin agarsiifne. Deebiikoo qofa narraa eegaa ture. Amma akkattan Mooriinihoo jibbu sitti himuu hin danda'u. Ammoo baay'een isa jaalladhas ture.''

Kitaaba isaa keessatti akka ibsetti Oozil yeroo boqonnaa sana aaree waan dhufeef Tiishartii isaa baasuun Moorinihootti darbachuun gara kutaa dhiqannaatti gale.

Joosee Moorinihoon ammoo ''Oh! amma abdii kutachuukeetii? Ati nama dhibaa'aa akkasiiti,'' jechuun deebiseef.

''Maal barbaadda? Shaaworii ho'aa jala teessee akka sitti toletti dhiqachuu? Rifeensakee shaampoon miiccachuu? Qofaakee teessee dabarsuumoo yookiin waayillankee si waliin taphatan, deeggartootaa fi anatti dandeettii kee fi gahumsakee isa sirrii agarsiisuu!'' jechuun Mooriinihoon Oozilitti dubbate.

Dubbii keenya irratti Joosee Mooriinihoon kana kan jedhu jibba irraa kan ka'e osoo hin taane tooftaa ittiin taphattoota isaa xiiqii keessa galchuun gahumsa isaanii akka agarsiisan taasisudha.

Poortoo, Cheelsii marsaa lama, Maanchister Yuunaayitidii fi Riyaal Maadirid keessatti Joosee Moorinihoon sodaa tokko malee taphattoota isaaniitti dubbachuun beekamu.

Taphataa waliinis hedduu wal dhabaniiru. Hojii isaaniis sababa taphattootaan wal dhabaniif dhabanii beeku. Kunis taphattootni gahumsa leenjisichi barbaaduun taphachuu dhiisuu irraa kan ka'e.

Kun ammoo Maan Yunaayitid keessatti gatii isaan kaffalsiiseera. Yeroo sana Aantooniyoo Maarshaalii fi Pool Poogbaa akka tahan ni beekama.

Oozil akkataatti Joosee Moorinihoon taphattoota isaanii itti qabatan ni jibba ture.

Dhuma irratti garuu maaliif Joosee Moorinihoon akkasitti akka dubatanii fi taphattoota isaanii waliin wal dhaban hubate.

Gaazexeesituu Kaay Pisootaa akka Oozil kitaaba isaa barreessu kan gargaarte, 'Goal' waliin turtii taasifteen, : Oozil miira keessa galuun guyyaa Joosee Moorinihoon itti dubbate kutaa dhiqannaa galuun sirrii hin turre. Kun waayillan waliin taphatus qaanesseera. Akkasumas ergasii akka gahumsa isaa %100 kennuun isarra ture hubateera. Waan Moorinihoon jedhu ammayyuu gahaa mitiidha.'' jechuun ibsite.

''Oozil gareekeef waan hundaakee kennuu akka qabdu Moorinihoo jalatti barate. Serjiyoo Raamosii fi Kiristaanoo Roonaaldoon taphattoota fakkeenya guddaa tahanidha. Guyyaa Moorinihoon akkasitti Oozilitti dubbatee jalqabee gahumsii fi kaka'umsi Oozil hedduu jijjiirame. Taphataa jabaa tahe,'' jechuun Pisootaan himte.

Lameen isaanii waliin tahuun waancaa Laaligaa fi Kooppaa Del Rey mo'ataniiru.

Jaalala Amiinee Guulsee fi Oozil

Mesut Oozil duraan modela Xaaliyaanii tokko waliin yeroo jaalalaa dheeraa dabarsuutu himama.

Guyyaa tokko garuu Oozil akka malee waan Moorinihoo aarseef, Moorinihoon waa'ee jaalallee Oozil yeroo sanaa kaasuun isa arrabse.

The Sun akka gabaasetti, Fiyoorentinoo Peerez waan Moorinihoon Ooziliin jedhe icciitii baasuu gabaaseera.

''Jaalallee isaa yeroo sanaa modeela Xaaliyaanii turte gara biyyasheetti erge. Haala jireenya isaa [style] jijjiire. Jaalalaan qabameera. Xiyyaara dhuunfaa isaa kaafatee isheetti marmaara. Yeroo jaalalaa ishee waliin dabarsuun [jecha safuu fayyadameera] as deebi'aa,'' jechuun Moorinihoon Oozlilitti dubbate.

Joosee Moorinihoon guyyaa biraa ammoo ''Oozil mee akka abbaakeetti waan sitti hima. Intalli Xaaliyaanii ati itti marmaartu kun Inter Miilaanii fi AC Miilaan keessatti inumaayyuu garee leenjistootaa keessaa dabalatee waan meeqa kan waliin laaqxedha. Sitti haa hafu'' jechuun baacoo fakkeessuun itti dubbate.

Bara 2017 garuu modeela Tarkii kan taate Miss Amiinee Guulsee waliin jaalala jalqaban.

Waggaa sadii booda bakka pirezidaantiin Tarkii Resib Teyib Erdohaan jiranitti qubeelaa kaa'eef.

Oozilii fi Aminee Guulsee ijollee durbaa lama qabu. Edaa fi Eelaa jedhamu. Jarmanootni dhiibanii dhiibanii Oozil akka hidda dhaloota isaa Tarkii keessaa fuudhu gochuu hin hafne. Arraba sanyummaa nama hedduu mormudha. Kubbaa miilaa miidhaksee taphate.

Waancaa Laaligaa, Arsenaal waliin ammoo waancaa FA afur fi Jarman waliin Waancaa Adunyaa mo'achuun umurii isaa waggaa 34 soorama bahe.

Pirezidaantii Tarkii Resib Teyib Erdohaan, sirna qubeelaa Meesut Ozilii fi Amine Gulse

Madda suuraa, Getty Images

Waa'ee Resib Teyib Erdohaan waliin wal arguu ilaalchisee ibsa kennee ture.

Hidhannoo ispoortii Jarman ulfina guddaan uffadheen ture. Amma garuu dhiiseera,'' jedhe.

Oozil Erdohaan waliin kan wal argeef gaggeessaa biyyaa waan taheef kabajuudhaani jedhe.

Ani nama siyaasaa miti. Taphataa kubbaa miilaati. Yommuun isa waliin wal argu imaammata siyaasaa tokko itti himuuf miti,'' jedhe.

''Dursaan taphattootaa duraanii Jarman Lootar Matayas yeroo pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmir Puutin waliin wal arge namni qeeqe hin jiru.

''Lukaas Podoliskiin namni Poolaandirraa dhufte jedhee qeequ hin jiru. Ani Tarkii irraa tahuunkoo addatti gatii qabaa? Waan maatiinkoo Tarkii irraa tahanii fi moo waanan Musiliima taheef?'' jedhe Oozil.

Oozil umurii isaa waggaa 28 ture garee biyyaalessaa Jarmaniif taphachuu irraa kan soorama bahe.

'Kophee gaariin taphataa jabaa si hin taasisu'

Oozil maatii hidda dalootaa Tarkii qaban irraa Jarman magaalaa Esen keessatti dhalatee guddate.

Akaakayyuu isaatu hojii albuuda baasuuf Jarman deemanii achumatti hafan. Oozil dhaloota sadaffaadha jechuudha.

Taphattoota bebbekamoon biroo akka Ikay Gundohaan fa'aa akkasuma hidda dhaloota Tarkii qabu.

Oozil garuu waa'ee hidda dhaloota isaa kanaan hedduu qeeqameera. Arrabasameeras. Isa dura garuu waa'ee maatii isaa yoo kaasne harka qalleeyyii waan turaniif kophee inni barbaadullee bituufii hin danda'an ture.

Kanarraa kan ka'e hiriyyotni isaa isatti qoosu ture.

Oozil maatiinkoo maallaqa gahaa hin qabaatiin malee akkan taphataa jabaa tahuuf deeggarsa jabaa waan danda'an hundaan naaf gochaa turan jedhe.

Qoosaan hiriyyoota isaafi deeggarsi maatii isaa akka inni haamilee gaarii horachuun taphataa jabaa tahuuf akka isa gargaare The Sun irratti dubbateera.

Hiriyyoonnikoo kophee babbareedaa biraandii tahe qabu ture. Homaa gochuu hin danda'u. Garuu gargaarsa maatii qaban ture. Yeroon gatii geejibaa dhabee taphni na darbeeru jira. Garuu maatiinkoo amantaa narraa qbau ture,''jedhe.

''Kophee gaggaari qabaachuu dandeessa. garuu kun dirree keessattii taphataa cimaa si hin taasisu. Animmoo taphataa cimaan ture. Kun ammoo ofitti amanamummaa naaf kenneera,'' jedhe.

''Namoonni baay'een mana shuubbisa halkanii fa'aa deemuun maallaqa guddaa baasu. Anaan maatiinkoo hedduu waan na to'ataniif jireenya akkasii hin dabarsine.

Osooma maallaqa guddaa baasuuf jenneyyuu, maal gochaa jirta? dhaabi jechuun maatiinkoo na to'atu ture'' jedhe.

Mesut Oozil amantaa Islaamaa nama hordofu yoo tahu, nama amantaa isaa cimsee eegudha'

Oozil, taphataa kubba 'kofalchiisu'

Oozil yeroo kubba taphatu dandeettii kubba dabarsuu addaa qabuun hedduu beekama.

Dandeettii teeknikaa adda tahe, kubba garee isaaf qooduu, mijeessee kennuu fi bakka qullaa taphataan kaan arguuf rakkatu dafee adda baasee argachuun taphataa beekamudha.

Kana irraa kan ka'e turtii waggaa afurii Riyaal Maadirid keessaan waggaa sadii walitti aansuun kubba mijeessee kennuun taphataan Ooziliin caale hin jiru. Taphoota 159 irratti galchii 27 fi kubba galchii tahan 81 mijeessee kenneera.

Piriimer Liigii keessattis erga Arsenaal galee bara dorgommii tokkotti kubba 19 mijeessee kennuun dorgomaa hin qabu.

Kiristaanoo Roonaaldoon taphataa akkan ani taphataa jabaa tahu na gargaare jechuun dinqisiifateera.

Leenjisaan isaa duraanii Joosee Moorinihoon ammoo nama ''kubba kofalchiisu, bareechee, mimmiidhaksee taphatu' jechuun ibseera.

Bara 2010 waancaa Adunyaa irratti Jarmaniif yeroo taphatu Wayinii Ruunii argee Sir Aleeks Fergusan akka mallatesisuuf gaafatee ture. Garuu hin milkaa'iin hafe.

Fedhi Oozil guddaan Baarseloonaaf taphachuu yoo tahu, Riyaal Maadirid dursee gaaffii dhiyeessuun Werder Biremen irraa mallattesisan.

Oozil tarii akkuma Ikaay Gundohaan ammoo osoo Baarseloonaa galee jiraatee haalli tapha isaa kilebichaaf waan mijatuuf kana caalaa milkaa'uu danda'a taha ture.