Qomeen kubbaa miilaa Jarmanii mallattoo Naaziif jecha gurgurtaa dhorkame

Tishertii kubbaa miilaa Jarmanii lakkoofsa 44 ofirraa qabu

Madda suuraa, Adidas

Ibsa waa'ee suuraa, Dubbi-himaan Adidas walfakkeenyi tisheertii kanaafi mallattoo Naazii tahe jedhamee kan raawwate miti jechuun haalan

Dhaabbati hidhannoo ispoortii oomishu Adidas, deeggartoonni kubbaa miilaa Jarman qomee lakkoofsi 44 irratti barreeffame akka hin binne dhorke.

Kunis erga lakkoofsi 44 mallattoo Waraana Addunyaa 2ffaarra garee Naazii SS jedhaman wajjin walfakkaachuun miidiyaarra haasawame booda ture.

"Qomee akka ofii barbaadan tolchuu ni dhorkina," jedhan dubbi himaan Adidas.

Gareen Naazii keessaa SS jedhaman yakka dhala namaarratti dalagame keessaa baay'ee kan raawwatanidha.

Kana malees uffanni haaraan kun, qomee (maaliyaa) dirreen alatti ittiin taphatan haalluun diimadii (pink) filatamuusaafis qeeqameera.

Dhimmi fakkoommii qomee haaraa kanaa kan jalqabarra ka'e ogeessa seenaa Maayikil Konig jedhamaniin ogguu tahu, saxaxni uffata kanaa "gaaffii kan namatti uumudha," jedhan.

Mallattoon SS bara 1929 gareewwan Naaziin midhaaffaman. Miseensonni SS ejentoota poolisii dhokatanii Gestaapoo, hanga eegdota kaampii dararaa tahuun tajaajilaniiru.

Miseensoonni SS kaampiiwwan ajjeechaaYihuudonni fi gareen hawaasaa miiliyoonotaan lakka'aman biroo bakka itti ajjeefaman bulchus turan.

Dubbi-himaan Adidas Olivar Biruugan, walfakkeenyi tisheertii kanaafi mallattoo Naazii kun, tahe jedhamee kan raawwate miti jechuun haalan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Nuyi akka kaampaanitti zenofoobiyaa, jibba-Semetizimiis tahe jibba gosa kamuu ni balaaleffanna," jedhan.

Dhaabbanni Adidas addatti BBC'tti akka himetti, Waldaan Kubbaa Miilaa Jarman (DFB), michoota isaa wajjin tahuun lakkoofsa tisheertiirra jiran dizaayina tolche jedhe.

Waldaan Kubbaa Miilaa biyyattii Twitter/X gubbaa akka maxxansetti, adeemsa dizaayinii keessa saxaxni qomee kanaa UEFA'f kan ergamee ture ogguu tahu, "qaamoleen qooda fudhatan kamuu mallattoo Naazii wajjin walitti dhiyaachuu itti hin mul'anne," jedhe.

Dabaluunis lakkoofsa afuriif dizaayiniin biraa ni tolfama jechuunis hime.

Kana malees uffati kun komii biraa kaaseera - filannoo haalluurratti. Qomee dirreen ala itti taphataniif haalluun diimadii akkaan ifu filatamuun isaas namoota garii dallansiise.

Kanneen filannoo kana deeggaran, haalluun kun sab-daneessummaa biyyattii bakka bu'a jedhu.

Namoonni qeeqan garuu barmaataan ala jechuun, DFB'n maallaqa walitti qabuuf as baafame jechuun komatu.

Adidas uffata ispoortii Jarmanii erga 1950'otaa kaasee oomishaa jira.

Haatahu malee Waldaan Kubbaa Miilaa biyyattii, dhabbata biyya Jarman kana 2027 irraa kaasee kan Ameerikaa Nike'n bakka buusuu fedha.

Kana hordofee Ministirri Diinagdee biyyattii Robart Habeek, murtee kanaan "jaalala biyyaa dhabuudha," jechuun qeeqan.

Jarman dorgommii kubbaa miilaa Waancaa Awurooppaa bara kanaa kan keessummeessitu ogguu tahu, taphoonnis magaalota adda addaa 10 keessa gaggeeffamu.