Taphataan Maanchister Siitii Roodiriin akkamiin badhaasa Ballon d'Or mo'ate?

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan Maanchister Siitii Roodiriin badhaasa Ballon d'Or bara 2024 yeroo jalqabaaf mo'ate.
Dubartootaan taphattuu sarara gidduu Ispeenii fi Baarseloonaa Ayinaataa Boonmaat mo'atte. Dubartootaan Baarseloonaan kilaba cimaa bara 2024, dhiiraan Riyaal Maadirid kilaba cimaa 2024 tahuun badhaasicha mo'ataniiru.
Badhaasni kun taphataa cimaa adunyaa waggaa kanaaf jedhamee kennama.
Bara dorgommii darbe kilaba isaa Maanchister Siitiif tapha tokko qofa osoo hin taphatiin kan hafe Roodiriin biyyi isaa Ispeen waancaa Awurooppaa akka mo'attuuf shoora olaanaa bahateera.
Dabalataan waancaa Piriimer Liigii, Suupper Kaappii Awurooppaa fi Kilab Woorlid Kaappi [Club World Cup] Maanchister Siitii waliin mo'ateera.
Seenaa kilaba Maanchister Siitii keessatti taphataa yeroo jalqabaaf badhaasicha mo'ates taheera.
Badhaasa kanaaf haalaan kan eegamaa ture tokko taphataa Riyaal Maadirid Vinishiyees Juuner yoo tahu, inni ammoo lamaffaan xumure.
Waan hedduu mufateef isaafi kilabni isaa Riyaal Maadirid sirna badhaasa kana irrattis hin argamane.
Juud Beeliingihaam sadaffaan yoo xumuru erga Firaanki Laampaardi bara 2005 sadarkaa lammaffaan xumuree as taphataa Ingiliz yero jalqabaaf badhaasichaan sadarkaa keessa gale taheera.
Riyaal Maadirid kilaba jabaa bara 2024 yoo tahu, leenjisaan isaa Kaarloo Anchelootii ammoo leenjisaa jabaa bara 2024 tahuun badhaafamaniiru.
Tokkoon isaanii iyyuu sirna badhaasichaa irratti hin argamne.
''Anaaf, maatiikoo fi kilaba koof guyyaa addaati'' jechuun miira keessa galee kan dubbate Rodiriin miidhama irra waan jiruuf Diroogbaatu gargaaree gara wal-tajjiitti baase.
''Har'a guyyaa injifannookoo osoo hin taane kun kubba miilaa Ispeeniifidha, taphattoota hedduu osoo badhaasichi isaaniif maluu dhabaniif taha. Isaan keessaa kan akka Andires Ineshtaa, Zhaavii Hernaandez, Iker kaasiyaas, Serjiyo Buskeet, taphattoota baay'ee. Kun kubba miilaa Ispeenii fi taphattoota sarara gidduu hedduufidha'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Badhaasni Ballon d'Or taphataa cimaa adunyaaf wagga waggaan kan kennamu yoo tahu gaazexeesitoota bebbekamoo biyyoota 100 miseensa Fifa tahaniin filama.
Erga bara 2003 yeroo jalqabaaf yeroo saddet kan mo'ate Mesii fi yeroo shan badhaasicha kan mo'ate Roonaaldoon kaadhimamtoota keessatti osoo hin hammatamiin hafan.
Bara 2023 keessa Maanchister Siitii waka waancaa sadii mo'atu kan gargaare Roodiriin bara darbe sadarkaa shanaffaan xumure.
Gahumsi isaa bara dorgommii xumurames itti fufuun Ispeen akka Shaampiyoonaa Awurooppaa taatuuf gargaaruun isaa badhaasa kanaaf isa gaheera.
Dorgommii Waancaa Awurooppaa irrattis tapataa cimaa jedhamuun badhaafameera.
Galchiiwan murteessoo sagal Maan Siitiif kan lakkoofsise Roodiriin waancaa injifachuuf galchii murteessaa taate West Haam irrattis lakkoofsiseera.
''Hiriyyoonnikoo hedduun yero naaf barreessan kubba miilaatu dhugumatti har'a badhaasicha mo'ate na jedhan. Taphattoota sarara gidduu bifa hin mul'anneefi beekamtii hin arganneen hojii guddaa hojjetaniif beekamtii kenname na jedhan.''
Haarii Keenii fi Kiilyaan Imbaappeen badhaasa Gerd Muuler taphataa galchii hedduu lakkoofsiseef kennamu mo'ataniiru.
Lameenuu bara dorgommii darbetti wlaiigalaan galchii 52 lakkoofsisaniiru.
Kaarloo Anchelootiin leenjisaa cimaaf badhaasa kennamu Johaan Kiraaf mo'atus sirnicha irratti hin argamne.












