Ertiraan dorgommii CHAN keessaa waan of baasteef taphi Itoophiyaa waliin qaban haqame

Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa fi Ertiraa yeroo jalqabaaf dorgommii kubba miilaa idilee dhiirotaan wal morkachuuf sagantaan qabamee ture haqame.
Tapha gulaallii dorgommii Shaampiyoonshiippii Biyyoota Afrikaa 'CHAN'f' gareeen Biyyaalessaa Itoophiyaa fi Ertiraa Sudaan Kibbaa Juubaatti Kamisa dhufu taphatu jedhamee ture.
Haata'u malee Ertiraan dorgommii kana keessaa of baasuu Konfedereeshiniin Waldaan Kubbaa Miillaa Afrikaa-CAF ibseera.
Biyyoonni lameen tapha michummaarra kan darbe akkasumas kan guddattootaan yoo tahe malee kana dura sadarkaa garee biyyaalessaatti waliin taphatanii hin beekan.
Torbanoota darban keessa tapha gulaallii Waancaa Afrikaa 2025 gaggeeffamaa tureen Itoophiyaan dhaqaa galaan 7-1'n Giiniidhaan injifatamte.
Taphoota gulaalii Waancaa Afrikaa garee biyyaalessaa Giinii waliin taasifaman lamaan ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kan laatan leenjisaan garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Itoophiyaa Gabramadin Haayilee hojiisaanii akka gadi dhiisanis dubbataniiru.
Gaaffii kontiraata isaanii xummuramaa jiru haaromsuu kan gaafataman leenjisaa Gabramadin, “inni nama hin dhiphisu; guyyoota shan booda gadi nan lakkisa” jedhan.
Kontiraanni isaanii ALI Onkololeessa 23, 2017 xummurama. Haa tahu malee dorgoommii kanaaf isaanumatu garicha gaggeessamoo leenjisaa biraatu dursa kan jedhu hin ibsamne.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itoophiyaan taphoota lamaan isaa Ertiraa waliin taasiftu achuma Juubaatti taphatti jedhamee ture, amma garuu Ertiraan dorgommicha keessaa waan baateef taphi kun haqameera.
Ertiraan dorgommii kana keessaa sababa baateef hin ibsine.
Itoophiyaan sababa Ertiraan dorgommicha keessaa baateef tapha dhaqaa-galaa osoo hin taphatin irra utaaluun taphoota itti aanan Sudaan fi Taanzaaniyaa waliin taphatti.
Hariiroon biyyoota lameenii erga MM Abiy Ahimed aangoo qabatanii fooyya'ee ture booda kana ammoo deebi'ee rakkoo keessa kan gale fakkaata.
Bilbilli Itoophiyaa irraa gara Ertiraatti bilbilamu cufamuu, balalii daandii qilleensa Itoophiyaa gara Asmaraatti taasisaa ture dhorkamuu fi Birrii baankii Ertiraatii qabus akka hin sochoone dhorkamuu kanneen dhiyeenyaa keessaa eeruun danda'ama.
Garuu taphni biyyoota lameenii kan Juubaatti akka gaggeeffamuuf murtaa'e sababa istaadiyeemii ykn siyaasa biyyoota lameen gidduun tahuu hin eeramne.
Haa tahu malee Itoophiyaan istaadiyeemii sadarkaa CAF guutu hin qabdu jedhamuun tapha silaa deeggartoota ishee fuulduratti taphachuu malte biyyoota kaanitti deemuun taphataa turte.
Ertiraan ammoo dorgommii kubba miilaa asadarkaa Afrikaas tahe adunyaa irratti godhamu irraa erga fagaattee bubbulteetti.
Gareen Biyyaalessaa Ertiraa, Itoophiyaa waliin qofa osoo hin taane biyyoota Afrikaa kaan waliiniyyuu erga dorgommii gaggeessee bubbuleera.
Tapha gulaallii Waancaa Adunyaa bara 2026'f Garee E keessatti kan ramadamte Ertiraan sababa isaa osoo hin ibsiin dorgommicha keessaa of baafteetti.
Biyyoonni Ertiraa waliin ramadaman tapha waliin qaban waan haqameef qabxii sadii akkasumaan fudhataa turan.
Taphattoonni biyyattii dorgommiif biyya biraa yoo deeman achumaan jalaa miliquun rakkoo Ertiraa mudate keessaa tokko.
Ragaaleen tokko tokko akka agarsiisanitti erga bara 2009 as taphattooni garee biyyaalessaa Ertiraa gara 60 tahan biyya isaanii bakka bu'uun taphachuuf biyyoota adda addaa yeroo deeman kooluugaltummaa gaafachuun achumaan jalaa miliqaniiru.
Bara 2021 dorgommii Cecafa dubartootaa umurii 20 gadii Yugaandaan qopheesite irratti taphattoonni dubaraa shan miliqanii ture.
Bara 2019 ammo dorgommii Cecafa dhiirotaan Yugaandaatti gaggeeffameen garee Gareen Biyyaalessaa Ertiraa xumuraaf erga dhaqabee taphattoonni torba jalaa miliqanii ture.
Ramaddiin tapha Waancaa Shaampiyoonshiippii Biyyoota Afrikaa CHAN Kaayirootti yeroo bahu, Ertiraa Itoophiyaa waliin, michuu ishee Somaaliyaa ammoo Burundii waliin gahe.
Ertiraan dorgommii CHAN irratti erga hirmaattee waggoota hedduu taheera.
Taphni Itoophiyaa fi Eertiraa kun Sudaan Kibbaa Istaadiyeemii Juubaatti gaggeeffama. Istaadiyeemichi daawwattoota 10,000 qabachuu danda'a.
Taphni marsaa lamaa achumatti kan gaggeeffamu yoo tahu, kan mo'ate Sudaanii fi Taanzaaniyaa keessaa biyya mo'ate waliin kan ramadamu taha.
Somaaliyaa fi Burundii keessaa ammoo kan mo'atu, Yugaandaa biyya kallattumaan dorgommichaaf darbite waliin kan morkatu taha.
Sudaan Kibbaas tapha gulaallii CHAN keessa kan jirtu yoo tahu, Keeniyaa waliin morkatti. Biyyo dorgommmicha mo'atu ammoo Jibuutii fi Ruwaandaa keessaa kan mo'atu waliin taphata.
Tapni gulaallii CHAN marsaa jalqabaa Onkoloolessa 25-27tti kan gaggeeffamu yoo tahu, taphni deebii ammoo Sadaasa 1-3, bara 2024 keessa gaggeeffama.
Biyyoonni marsaa itti aanuuf darban Mudde 20-22 kan wal morkatan taha.
Dorgommiin CHAN 2025 kan qopheessu Keeniyaa, Yugaandaa fi Taanzaaniyaadha.
Biyyoonni kunneen sadan waliin tahuun Waancaa Afrikaa keessummeessuuf gamanumaan qophaa'aa jiru.
Biyyoonni Baha Afrikaa sadeen Waancaa Afrikaa bara 2027 waliin tahuun qopheessu.
Waancaa Afrikaa bara 2025 Morookoo qopheessa. Itoophiyaan ammoo bara 2029tti Waancaa Afrikaa qopheessuuf gaaffii dhiyeessitee jirti.
Dorgommiin CHAN bara 2009 jalqabee gaggeefamaa ture. Ergasii Yugaandaan marsaa torba keessaa yeroo jaha dorgommichaaf darbiteetti.
Ruwaandaan yeroo afur, Itoophiyaa fi Sudaan ammoo yeroo sadii dorgommichaaf darbaniiru.












