Leenjisaan garee kubbaa miilaa Itoophiyaa hojii akka gadhiisu ibse

Gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa Itoophiyaa taphoota gulaallii Waanchaa Afrikaa 2025 ramaddii isaa keessaa sadarkaa afarffaa yookiin sadarkaa dhumaa qabachuun xummureera.
Garichi taphoota afur gitoota isaa Taanzaaniyaa, Ripablika Dimokiraatawaa Koongoo fi Giinii waliin taphate keessaa taphoota sadi ijifatamee tokko qixa baheera.
Keessattuu taphoota lamaan garee biyyaalessaa Giinii waliin taasise galchii waliigalaa 7 fi 1’n injifatamuunsaa deeggartoota garichaa mufachiiseera.
Taphoota gulaalii Waancaa Afrikaa garee biyyaalessaa Giinii waliin taasifaman lamaan ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kan laatan leenjisaan garee kubbaa miilaa biyyaalessaa Itoophiyaa Gabramadin Haayilee hojiisaanii akka gadi dhiisanis dubbataniiru.
Gaafii kontiraata isaanii xummuramaa jiru haaromsuu kan gaafataman leenjisaa Gabramadin, “inni nama hin dhiphisu; guyyoota shan booda gadi nan lakkisa” jedhan.
Kontiraanni isaanii ALI Onkololeessa 23, 2017 akka xummuramus himaniiru.
“Itoophiyaan yeroo mo’amtu achi keessaa gahee waanin qabuf baay’een quuqama” kan jedhan leenjisichi, “nama kamiyyuu caalaa nan miidhama, miirri isaatiis olaanaadha” jedhan.
Dhimma taphoota lamaan Giinii waliin taasifaman irratti
Gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa Itoophiyaa milkaa’inarraa fagaachuusaaf sababoota adda addaa kan kaayan leenjisaa Gabramadin, kunneen keessaa tokko dogongora ilaalchaa garee biyyaalessaa Giiniif qaban akka ta’e himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Gareen kamiyyuu taphaaf yemmuu seenu mo’achuuf taphata. Nutis injifachuuf deemne. Al tokko tokko lakkoofsonni fi haalli taphaa dogongoraaf si saaxiluu danda’u” jedhan.
Gareen Giinii taphoota lamaan Taanzaaniyaa fi Ripablika dimokiraatawaa Koongoo waliin taasise injifatamuunsaa tilmaama dogongoraa akka qabaatan taasisuu dubbataniiru.
Kana malees rakkoon gama xin-sammuu taphattootaan jirus injifatamuu garee biyyaalessaa Itoophiyaaf sababa biraa ta’uu himan.
“Galchiin tokko yemmuu nurratti lakkaa’amu galchiin dabalataa akka lakkaa’amu taasisuutu jira” jedhan.
Gama biraatiin garee biyyaalessaa Giinii waliin garaagarummaan dandeettii yookiin humnaa qabatamaan jiraachuu kan dubbatan leenjisichi, “Garee guddaa qabannee miti kan Giinii waliin taphanne. Giiniin baay’ee nu caala. Kanaaf al tokko tokko amanuun ni barbaachisa” jedhan.
“Giiniin akka garee biyyaalessatti baay’ee cimoodha. Taphattoota pirofeeshinaala 300 ol qabu. Afrikaa keessatti gareelee ciccimoo jedhaman keessaa isa tokkodha” jedhan.
Haaluma kanaan gama dandeettii, saffisa fi hubannoo taphaatiin garee biyyaalessaa Giiniin caalamuu himan.
Kanaan alatti gareen biyyaalessaa Itoophiyaa taphoota gulaallii Waancaa Afrikaa dirree isaatiin ala taphachuunsaafi rakkoon gama murteessitootaan jiru mo’amuu garichaaf sababoota biroo akka ta’an eeraniiru.












