'Mudannoon miseensota garee biyyaalessaa waliin qabaadhe yoomuu hin dagadhu'-Shimallis

Gaggeessaa Shimallis Beqqeleef godhame

Madda suuraa, Kidus Yoftahe

Taphataa sarara gidduu garee Waaliyaa kan ture Shimallis Baqqalaa garee biyyaalessaarraa soorama bahuu beeksise.

''Garee Biyyaalessaa waliin turtiin qabu yeroo raawwatutti alaabaan baayyee jaaladhuufi hawwii koo ta'e Magariisa, Keelloo fi Diimaa bakka bu'ee taphachuun koo xumuramuusaatu natti dhagaahama'' jedhe Shimallis.

Shimallis Baqqala garee biyyaalessaa Itoophiyaaf yeroo 83 hiriiree kan taphate yeroo ta'u, goolii 16 lakkoofsisee, 13 ammoo mijeessee kenneera.

Shimallis tapha Piriimiyeer Liigii Qiddus Goorgiis Machaal waliin godhe dura sirni gaggeessaa taasifameeraaf.

Garee biyyaalessaa keessaa soorama bahuu wayita miidiyaa hawaasaa gubbaatti beeksisu ''alaabaa biyya keenyaa ol kaasuuf yeroon taphadhe hundatti miseensota garichaa biroo waliin mudaannoowwan dabarsine kaniin hin daganneefi seenaaf kaniin ol kaahuudha'' jedhe.

Shimallis garee biyyaalessaaf hiriiree kan taphatuu eegale waggoota 15 dura yeroo ta'u, bara san leenjisaa garichaa kan turan Abrahaam Taklamaariyaami.

Shimallis ergasii leenjistoota garichaa warra turan mara galateeffateera.

Maqaa masoo ''Shimee'' jedhuun kan beekamu taphataan sarara gidduu kun, kilboota biyya keessaa saddeetiif taphateera.

Turtiin kilaba Masrii waliin qabu raawwatee biyyattii kan deebi'e Shimallis, ammaan tana kilaba Machaal jedhamuuf taphata. Tapha gareensaa Machaal Qiddus Goorgiis waliin gaggesse irratti ifatti gaggeessaan godhameeraaf.

Shimallis dorgommiiwwan akka CECAFA hanga waancaa Afrikaatti Itoophiyaa bakka bu'uun hirmaateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dirree keessaa fi ala amala gaarii agarsiisuun kan dinqisiifamu Shimallis, taphoota garee biyyaalessaaf taphate 83 keessaa yeroo tokko qofa kaardii akeekkachiisaa argate.

Shimallis waggoota 31 booda gareen biyyaalessaa Itoophiyaa waancaa Afrikaaf wayita darbu miseensota garichaa keessaa tokko ture.

Leenjisaa Wubatuu Abaataa ''taphattootan leenjise keessaa amala gaarii olaanaan taphattootan yaadadhu keessaa tokko turte. Taphataa amala fakkeenya gaarii ta'u qabdu ta'uukee nan yaadadha'' jechuun Shimallisiin ibsaniiru.

'Taphattoota yeroo mara dirree keessatti arguu feenu keessaa tokko turte. Dandeettiin qabdus olaanaa ture. Karaa dandeessuun biyyakee waan tajaajilteef kabajni sii mala.''

Taphataa Suraafeel Daanyaachew ammoo ''si waliin taphachuun barbaada ture. Taphataan jaaladhu, dinqisiifadhu waliin taphachuu kootti gammadeera'' jedhe.

Shimallis kilaboota biyya keessaa fi garee biyyaalessaaf taphachuun cinaatti kilaboota biyyoota akka Masrii, Liibiyaa fi Sudaaniif taphateera.