Dhalataa Itoophiyaa yeroo boqonnaa taphattoota beekamoof haala mijeessu

Yohaannis Zawuduun taphataa Xaaliyaanii Firaansiskoo Tootii

Madda suuraa, Yohaannis Zawuduun

''Itoophiyaan Waancaa Addunyaa Ameerikaa bara 2026 irratti akka hirmaattun barbaada. Waan milkaa'u fakkaachuu baatus, carraan jira,'' jedha.

Yohaannis Zawuduun taphattoota beekamoo waliin walitti dhiyaachuun bu'aa qabu waan nama kaaniin addatti hubate fakkaata.

Yohaannis kan dhalate Finfinnee, bara 1980tti, seenaansaa waan dinqiidha.

Yeroo ijoollee waggaa 10 ture Ameerikaa, Laas Veegaas gale. Haala jireenyaa gadiirraa ka'ee, namoota ispoortii beekamoo wajjin hojjechuu danda'eera. Miidiyaa hawaasaarratti dhiibbaa uumuurrattis bobba'eera. Yeroo ammaa sab-quunnamtiifi gorsaa tarsiimoo alaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa tahuun hojjechaa jira.

''Hojii kanaan amma baatii afur dabarseera. Hojiin koo Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa fi liigiiwwan, federeeshinii fi ispoonsaroota gidduutti riqicha tahuun tajaajiluu dha jechuun, namni maqaa masoo Joonii Veegaas jedhamuun beekamu kuni BBC Sport'tti himeera.

''Waa'ee kubbaa miilaa Itoophiyaas addunyaa gaafa dubbatus, ''humnaafi qabeenyi qabnu irratti dhuftanii otoo invest gootanii waan ajaa'ibaa argattu.

''Dargaggoota baayyee dandeettii qaban kan ispoortii kana jaalatan qabna, humna xiqqoo isaan dhiibuufi carraa xiqqoo dha barbaadu,'' jedha.

Carraan Yohaannis argateyyuu iddoo inni hin eegnerraa jalqabe. Ameerikatti hoteela Bellaagiyoo jedhmutti lafa konkololaataan dhaabbatutti tajaajilaa maamilootaa tahuun hojjeta ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Hojiin sun waan gaarii jireenya koo keessatti uumamedha. Namoota beekamoo kanneen akka Liyoonaardoo Dikaapiriyoo, Maayik Joordaan fa'i argeera,'' jedha namni ganna 36 kun.

''Yeroo tokko fiilmii Faransaay keessatti namni akkaan beekamu tokko yeroo konkolaataasaa baasuuf dhufu, taphataan ani akkaan jaaladhu Firaank Ribaarii akka tahe itti himnaan, inni ammoo isaaf akka obboleessa akka taheefii natti hime.''

''Waggaa itti aanuutti namni kuni wayyaa Ribeerii mallattoonsaa irra kaa'ame naa fide. Achumaan hiriyyaansaa tokko hoteela an hojjedhu keessa waan turuuf akkan isaaf kunuunsuuf na gaafate. Hiriyyaansaas hoteela sana ture, anis isa hubachaan ture.

''Sana booda hiriyyaan hootela sana ture sun taatoo sanatti ''ji'a lama naa kenni, wayiin siif qaba,'' jedheen.

''Ji'a lama booda mana taa'ee sagantaa TV Oppiraa haadha koo wajjin ilaalaan ture. Sikiin naa bibilamee, ''Hey Naasriin jedhama. Waanin si bareef baayyee natti tola,'' jedhe isaafi hiriyyootasaa gara Veegaas dhufanii haala akkan mijeessuuf na gaafate.

''Hamma inni na gaafatutti taphataa Saamiir Naasrii akka tahe hin hubannen ture. Na barteettaa jedhee yeroo natti himatu ashabooman tahe, hollachaa dafqi narra yaa'e,'' jechuun dubbata.

''Ergasii hojiin kuni ittuma fufe. Tiyoo Waalkot, Baakaarii Saanyaa, Kiyeeran Giibs gareen Arsenaal guutummaan dhufe. Waggaa kudha jahaa booda - gara boodaa yoo ilaallu namoota baayyeef haala mijeessineerra.

Yohaannis namoota baayyee beekuunsaa, dhaabbannisaa Kiluudooniifi miidiyaa hawaasaa irratti beekamaa tahuunsaa carraa baayyeetti isa baase.

Tahus bakka irraa dhufe hin irraanfatu, Itoophiyaatti yeroo deebi'u barumabaraan rakkoo wal-fakkaataa arga. Kanumaan waan karoorsaa ture harka Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa irra isaan gahe.

''Ijoollummaa kootti rakkoon argaa turetu ammaa daa'imman biyyaa keessa darbaa jiru,''

''Animmoo karaa kubbaa miilaan carraa uumuu barbaada. Kanumaanan federeeshinii kubbaa miilaatti haasa'e. Hariiroo gaarii uumuun carraa guddachuu banuufi.

Isaaniis abjuu koon waliigalanii sab-quunnamtii idiladdunyaa tahuun akkaan hojjedhu carraasaa naa kennan.

Itoophiyaan Waancaa Addunyaa FIFA dhaaf qaqqabdee hin beektu. Gareen kuni kubbaa miilaa Itoophiyaa Waaliyaan yeroo dhumaaf kan isaan Waancaa Afrikaadhaaf hirmaatniyyuu bara 1968ti dha. Itoophiyaa tapha ofii qopheessite irratti arfaffaa baate.

Gareen amma jiru biyyumattuu yeroo dhihootti tapha morkii cimaa qabu kan waggaa lama keessatti geggeesse hin qabu. Sababiinsaa Istediyamoonni 21 taphaaf adeemsisuuf gahumsa gaariirra waan hin jirreefi.

Yohaannis Zawuduu Pireezidantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Yohaannis Zawuduu

Yohaannis kana geeddaruuf dhiibbaa guddaa gocuu akka danda'u amana.

''Ani leenjisaa miti, ogummaa tekinika kubbaa miilaa hin qabu,'' jedha.

''Hojiin koo biyyoota,liigiiwwan, ispoonsarootaa fi federeeshinicha gidduutti riqaa tahuun tajaajiluu dha. Yeroo ammaa deeggartoota keenya fuulduratti taphachuullee waan hin dandeenyeef biyya deemanii isaan jajjabeessuun waan guddaa dha,'' jedha.

''Taphatoottaafi immoo iddoo leenjii, qophii akka fooyyessaniifi guddatan carraa banuu dha. Deeggarsa xiinsammuu gochuufan achi jira.'' jedha.

Deeggarsi isa kuni Itoophiyaa waltajjii idiladdunyaan gahaa waan jedhu waan ilaalamu tahus, inni carraaquu dhiisuurraan hin tahu.

Akka Joonii Veegaa jedhutti waan hin danda'amne hin jiru.