Luwis Diyaazii fi abbaan isaa butamanii gadhiifaman wal argan

Luwis Diyaazii fi abbaa isaa Manu'eel Diyaaz wal argan

Madda suuraa, Garee Kubba Miilaa Biyyaalessaa Kolombiyaa

Taphataan Liiverpuulii fi lammii Kolombiyaa tahe Luwis Diyaaz abbaa isaa hidhattootaan butamanii gadhiifaman waliin yeroo jalqabaaf wal argan.

Abbaan taphata akanaa Luwis Maanu'eel Diyaaz riphee loltootaan ukkaamfamuun guyyoota 12'f erga tursiifamanii booda gadhiifaman.

Erga butamanii gadhiifamanii yeroo jalqabaaf kan wal argan abbaa fi ilmi wal hammachuun imimmaan lolaasaa turan.

Luwis Maanu'eel Diyaaz hidhattoota Adda Bilisa Baasaa Biyyaalessaan [ELN] butamuun guutummaa biyyattiitti dheekkamsa kaasee ture.

Gareen kun abbaa fi harmee Luwis Diyaaz kan ukkaamsee fudhateef gadhiisuuf maallaqa argachuuf akka tahe himeera.

Haa tahu malee harmee isaa akkuma fudhataniin dafanii gadhiisan.

Pooilisiin yoo hulaa itti cufu harmee Diyaaz gadhiisanis naannoo keessaa kubba miilaa kan leenjisan abbaa Luwis Diyaaz garuu gaara naannoo sanaatti baasuun guyyoota 12'f dhoksan.

Hogganaan garichaa leenjisaa kubba miilaa jaalatamaa naannicha keessaa ukkaamsanii fudhachuun ''dogogora'' tahuu hime.

Garuu ukkaamsaan kun waliigalteen dhukaasa dhaabuu bara darbe mallattaa'e hin cabsu jedhan.

Hidhattootni kunneen Luwis Manu'eel Diyaaz Kamisa darbe qondaalota UN fi Kaatolikiitti kennan.

Guyyaa tokko booda haadha warraa isanii waliin wal arganis ilma isaanii wlaiin garuu osoo wal hin argiin turan.

Diyaaz garee biyyaalessaa waliin shaakala hojjechuuf garas imaleera. Gulaallii Waancaa Adunyaaf Kolombiyaan Biraazil waliin taphatti.

Yeroo abbaan isaa ukkaamfame eture Diyaaz taphoota lama kilaba isaa Liiverpuuliif hin taphanne ture.

Tapha Luuton waliin taasisanii qixa xumuran irratti jijjiiramee galuun galchii lakkoofsisee hidhattootni abbaa isaa akka gadhiisaniif ergaa dabarfatee ture.