Poolisiin Kolombiyaa nama iddoo abbaan Diyaaz jiru akeekeef $40,000 waadaa gale

Diyeegoo Jootaa

Madda suuraa, Getty Images

Abbaa taphataa Liivarpuul, Luwiis Diyaaz achi-buuteen dhabame waraanni biyyattiifi poolisii cimaan ramadamee Kolombiyaa keessa barbaachi gaggefamaa jira.

Anga'onnni nama achi buutee abbaa Diyaaz isa sirrii akeekeef badhaasnii$40,000 akka kennamu ibsaniiru.

Dilbata kaleessaa loltootni 120 ta'an Kaaba Kolombiyaa keessa Luwiis Maanu'eel Diyaaz barbaadaa oolan. Gabaasaaleen akka jedhanitti abbaafi haati Luwiis Diyaaz hidhattootaan butaman.

Haati Diyaaz, Sileenis Marulaandaa, Sanbata xiqqaa darbe Baraankaas keessatti argamte.

Baraankaas magaalaa bulchiinsa Laa Guajiira ajedhamu kan Kaaba biyyattiitti argamu yo ta'u bakka Diyaaz itti guddateedha.

Taphatan collee Liivarpul Diyaaz, butamuu maatiisaa hordofee tapha kilabnisaa Nootiingihaam Forestiin injifaterratti hin hirmaanne.

Waraanni biyyattii ibsa baaseen abbaa Diyaaz barbaaduuf iddoo hedduutti daandii cufuu, kutaa waraanaa konkolaattota waliin duulchisuu, diroonii, helikooptara fi xiyyaara bobbaasuu ibseera.

Aanga'oonni biyyattii butamuu abbaa Diyaaz ilaalchisee homaa kan hin jenne ta'us, miidiyaaleen biyya keessa garuu abbaa fi haati magaalaasaanii, Baraankaas keessatti hidhattoota doqdoqqeerra turaniin fudhatamuu gabaasan.

Pireezidantiin Kolombiyaa Gustaavoo Petroo ''humni uummataa hundi barbaachaaf duuleera'' jedhan.

Daayirektarri Poolisii Biyyaalessaa Janaraal Wiiliyaam Reenee Salaamaankaa nama bakka abbaan Diyaaz jiru himeef maallaqa biyyattii peesoo miiliyoona 200 ykn $40,000 akka badhaasan beeksisaniiru.

Abbaan Alangaa biyyattii Ganaraal Firaansiiskoo Barboosaa ammoo barbaachi abbaasaa maalirra akka jiru hubachiisuuf Diyaazin yeroo lama argachuu ibsaniiru.

Qondaalli kun abbaan Diyaaz Veenziweelaa jiraachuu akka hin oolle odeeffannoo argachuufi dhimmichi gidduu seentummaa pireezidantii Kolombiyaa Peetroo akka barbaadu himan.

Leenjisaan Liivarpuul Yaargan Kiloop injifannoon 3-0 Nootiingihaam irratti galmeessan ''obboleessa isaaniifi'' ta'uu dubbatan.

Jifataan kilabichaa Diyeegoo Jootaa goolii jalqabaa erga lakkoofsiseen booda huccuu Diyaaz lakkoofsa torbaafi maqaa Diyaaz ofirraa qabu ol kaasuun isa waliin akka jiran yoo agarsiisu, taphattootni kaanis itti marsanii ture.

Kilabni Liivarpuul ibsa Dilbata baseen haala maatii Diyaaz mudate hordofaa akka jiru, ammoo nageenyi taphataasaatii wanta dursa kennuuf akka ta'e beeksise.