Waancaaf kan eegamu Arsenaal maaltu tuqe?

Madda suuraa, Getty Images
Namootni hedduun baroota lama isa waancaatti siiqee dhaberraa baratee barana dheebuu waancaatti xumura godha jedhanii yaadaniiru. Ammoo Arsenaal didee mucucaachaa jira. Morkattummaan waancaa Arsenaal goolabamee?
Maanchistar Siitii waliin baroota lamaan darban kokkeetti walqabee kan Waancaa dhabe Arsenaal, taphoota bara kana 10 booda liigicha kan dursu Liiverpuul irraa qabxii torbaan fagaatee arfaffaarra jira.
Sambata kaleessaa Niiwkaasiliin 1-0n kan mo'ame gareen Mikeel Arteettaa, taphoota sadii darban keessa qabxii jiru sagala irraa kan argachuu danda'e tokko qofa.
Tapha 10 booda sadarkaa akka kanaarraa ka'uun piriimiyeer liigicha kan injifate Bilaakbarn qofa ture. Innis bara 1994. Ergasii Maanchister Yunaayitiid bara 2002/03 Maanchister Siitiin ammoo bara 2013/14 tapha 10ffaa liigichaarratti garee liigicha dursurraa qabxii jahaan fagaatanii osoo jiranii achii ka'uun waancaa injifachuu danda'aniiru.
Arsenaal hanga ammaatti walakkaa qabxii bara dheengaddaa bara guutuu taphatee dhabe dhabee jira.
Bara dorgommii kana raawwachuuf daandii dheeratu hafee jira, Arsenaal garuu baayee boodatti hafe'' jedha dursaan taphattootaa duraanii dhukaastotaa Maartiin Keewon.
''Sanaaf of malee qaamni komatan hin jiru'' kan jedhu Maartiin, amma akka baroota lamaanii hin jirani, kutaan huccuu itti jijjiirratan haala rakkisaa keessummeessaa jira'' jedhe.
''Akka shaampiyoonaattii taphataa hin jiran, madaasaanii kukkulfatu'' jechuunis sagantaa BBC Final Score'tti hime.
Gahumsa gadi bu'aa Arsenaal lakkoofsaan
- Arsenaal taphoota piriimiyeer liigii darban jaha keessaa afuriin 1-0n durfamaa ture. Bara darbe taphoota 31 keessatti kan galmeessaniin qixxeedha.
- Dhukastotni erga bara 2019 as yeroo duraaf taphoota dirreen ala walitti aansanii taphatan sadiirratti gooliin dursee itti lakkaa'ame.
- Bara darbe tapha 25 keessaa tokko qofa mo'aman(21 injifatanii, 3 qixxee bahan) kan ture yoo ta'u, bara kana tapha sadii keessaa lama injifatamanii tokko qixxee bahaniiru.
- Erga bara 2022 yeroo duraaf morkii dirreen alaa walitti aanurrattis injifatamaniiru.
- Tapha dirreen alaa walitti aanu shan irratti yaalii 37 qofa gochuu danda'an, kan kanaa gadi galmeesse Bireentifoord qofadha. Yaalii 30 qofa godhan.
'Gahumsa keenya gaariirra hin jirru'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Leenjisaa Mikeel Arteettaa yaada miidiyaaleef kenneen amma kan dubbataa jiran waayee waancaarraa fagaachuu osoo hin taane, akkamiin torban torbaniin gahumsa isaanii isa gaariirra gahuu akka danda'an ta'uu dubbate.
''Bara darbe taphoota saddeet, sagala ykn 10 booda hin dubbanne(waayee qabxii), ammas waayeessa hin dubbannu'' jedhe.
Wanti ijoon akkamiin wanta amma keessa jiraniif deebii akka kennan ta'uu dubbate.
''Wanta nutti dhagaahamaa jiru ibsuuf jechaa fi deebii madaalu waan argannu miti. Dirree irratti Roobii dhuftu Miilaan waliin yoo taphannu agarsiifna.''
''Amma waayee abdii waancaa injifachuu miti. Torban torbaniin gahumsa keenya isa gaarii gahuudha. Har'a akka gaariitti of taanee hin turre.''
TNT Sport gubbaatti yaada kan kenne taphataan sarara gidduu duraanii Ingilaand Jewoo Kool gareen jajjaboo hedduu waan dhufaniif bara kana gareen waancaa injifatu baroota hedduu booda qabxii baayyee waan sassaabbatu hin ta'uu jedha.
Ogeeyyii kubbaa miilaa 30 eenyu akka waancicha injifatu tilmama kennan keessaa 11 Arsenaal jedhaniiru.
Dursaan taphattootaa Maartiin Odegaard miidhamuun garicha hanga eegameen ol akka miidhe Keewon ni dubbata.
Ittisni duraanii Liiverpuul Isteefen Waanookis akkasuma Odegaarditu hanqatee, qaawwisaa sirriitti mul'ataa jedha.












