Arsenaal waancaa sassaaba jedhamee osoo eegamuu kaardii diimaa sassaabuu itti fufe

Wiiliyam Saliibaa kardii diiman yoo bahu

Madda suuraa, Getty Images

Arsenaal primerliigii bara kanaatin tapha saddeet taphate keessaa sadi irratti kaardii diiman kennameefira.

Kaleessa dirree Barnimooz irratti taphataan sarara ittisaa isaa Wiiliyaam Saliibaa boqonnaa dura kaardii diiman jalaa bahe. Saliibaan erga tapha eegalee kaardii diimaa arguunsaa yeroo jalqabaafi.

Arsenaal jalqabbiin pirimerliigii hanga ammaa osoo hin mo'amin jirus jalaa dukkanaa'e. Goolin lama itti galee mo'amee gale.

Leenjisaan garichaa Maayikil Arteetaan "waan akka tasaa mudateedha" jechuun ibsan.

Arsenaal taphoota kanaan duraa irratti Diklaan Raayisi fi Tiroosaad kaardii diiman jalaa bahanii turanis, yeroo lachuu cimee ittisee qabxii qooddatee bahuu danda'ee ture.

Kaleessa garuu 2-0 injifatamee gale. Amma gaaffin jiru Arsenaal taphoota saddeet irratti akkamitti kaardii diimaa sadi argachuu danda'e? kan jedhuudha. Rakkoo bu'uuraa qaba kan jedhanis jiru.

Taphataa garee biyyoolessaa Ingilaandi kan ture Alan Shiirar, Arsenaal rakkoo namuusaa bu'uuraa qabaa? jedhamee gaafatamee "kilabichi haala amma itti jiru jijjiiruu qaba" jedhe.

Arsenaal hanga ammaa sababa kaardii diiman si'a lama wal-qixa bahee, kaleessa ammoo mo'amee qabxii gatuusaa ibsuun, "bifa kanaan [waancaf] dorgomuu itti fufuu hin danda'u" jedhe Alan Shiirar.

'Saliibaa malee Liivarpuul keessummeessun itti ulfaata'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wal-ta'iinsi Wiiliyaam Saliibafi Gabri'eel Magaalez sarara ittisaa irratti taasisan, Arsenaal kilaba ittisa jabaa qabuudha isa jechisiisuu danda'eera.

Amma Wiiliyaam Saliibaa kaardii diiman bahuu hordofee tapha ittaanu gaafa Onkoloolessa 27 Liivarpuul waliin taasisurratti eenyutu jifattoota Liiverpuul dhaaba kan jedhu gaaffii Arsenaal deebisuu qabuudha.

Liivarpuul har'a direesaarratti Cheelsii mo'atee torbee ittaanu Arsenaal yoo mo'ate, qabxii torbaan Arsenaal gatee dursuu isaati.

Manchestar Siitinis Wolvis ni mo'ata taanan, Arsenaal caaluu isaati. Maalumaafuu taphoonni har'a Liivarpuulifi Siitin morkattoota isaanii waliin taphatan murteessodha.

Arteettan waan kaleesa kilaba isaanii mudate irratti yaada kenneera: "Taphattoota 10 qabattee daqiiqaa 65 taphachuun baay'ee ulfaatadha," jedhe.

Rakkoo namuusaa taphattoota isaatii gaafatamee: "Wantoota tokko tokko irratti waanti mariyanne tureera. Sadarkaa barbaannu irra turuuf 11 taanee taphachuu qabna. Garuummoo taphattoota 10 qabannee waanti agarsiifne waan dinqisiifatamuu qabuudha" jechuun Saliiban bahus taphattoonni isaa hanga dhumaatti falmachuu ibse.

Kanaan dura tapha Arsenaal Biraayitan waliin taphate irratti kaardii diiman kan bahee ture Raayis, kaardii diimaa michuunsaa Saaliban argate ilaalchisee, "Taphoota saddeet irratti si'a sadi ofii keenyan mogolee keenya dhiinnee kuffisneerra.

"Dogoggora fokkisaa akkasii lammata hojjachuu hin qabnu. Ammayyuu garee keenya keessa kaka'uumsa guddaatu jira, deebinee walqabannee morkiitti deebina" jedhe.

Arsenaal bifa kanaan kaardii diimaa sassaabachuu yoo itti fufe, dorgommii waancaf taasisu irratti dhiibbansaa guddaadha.

Maancher Siitin waggoota arfan darban waancaa Pirimerliigii kan nyaate tokkoon tokkoo bara dorgommii irratti kaardii diimaa lamaa ol hin arganne.

Siitin barri inni itti kaardii diimaa afur argate, bara 2019/20 yeroo Livarpuul waancaa nyaatedha.

Bara 2015/16 Leestar kaardii diimaa sadi argatee waancaa nyaatee ture.

Kilabootaa kaanirraa Arsenaal kan adda godhu, kaardii diimaa sadi kan argate tapha saddeet irratti. Pirimerliigin baranaa reefu yeroo eegalutti kilabichi gatii baasuu jalqabe.

Sababa kaardii diimaa sadi argateen qabxii torba dhabee jira. Arteettan osoo namuusa taphattoota isaarratti hojjatee qabxiiwwan gate kanaan silaa Liivarpuuliifi Siitii gararraa taa'a ture.

Tapha saddeet irratti kaardii diimaa sadi kan argate, taphoota hafan 30 irratti meeqa argachuu danda'a?- yoo of-fooyyeessuu baate.

Arsenaal erga bara 2011/12 as jalqaba pirimerliigii irratti kaardii diimaa sadi argachuunsaa kun kan jalqabaati.

Kaardii diimaan Arsen Weengar dhaabee hin turre

Arsene Weengar

Madda suuraa, Getty Images

Maayikil Arteettaa erga bara 2019 Arsenaal leenjisuu jalqabee taphattoonni Arsenaal 18 kaardii diiman dirree bahaniiru.

Haa ta'u garuu kaardii diiimaa heddu argachuun Arsenaal mo'icharraa yeroon duubatti hin deebisnes tureera.

Arsene Weengar, kaardii diimaa heddu argatanis waancaa nyaatanii beeku. Weengar Arsenaal wajjin waancaa Pirimerliigii sadi fudhataniiru.

Yeroo sadanuu Arsenaal kaardii diimaa sadi argatee ture. Bara Arsenee Weengar Arsenaal leenjisanitti, taphoota 828 irratti kaardii diiman78 Arsenaalif keennameera.