Tomaas Tuheel leenjisaa garee biyyaalessaa Ingilaand ta'uuf waliigale

Tomaas Tuheel

Madda suuraa, Getty Images

Leenjisaan duraanii Chelsii Tomaas Tuheel leenjisaa garee biyyaalessaa Ingilaand ta'uuf gaaffii dhiyaate simate.

BBCn maddeen adda addaa lamarraa akka mirkaneeffatetti Tuheel leenjisaa garee biyyaalessaa Ingilaand ta'uun mirkana'eera.

Lammiin Jarman kun nama sadaffaa lammii biyya ormaa garee Ingilaand leenjisu ta'a.

Amma dura lammiin Siwiidin Goraan Eriksan kan dhiyeenya lubbuun darbanii fi lammiin Xaliyaan Faabiyoo Kappelloo garee kana leenjisaniiru.

Gareen Ingilaand yeroo walitti aanu lammaffaaf xumura waancaa Awurooppaa bara kanaarratti Ispeeniin injifatamuu booda leenjisa Saawuuzgeet hojii lakkiseera.

Ergasii gareen kun leenjisaa dhaabbataa malee dorgommii liigii biyyootaarratti hirmaachaa jira.

Leenjisaan yeroo Waldaan Kubbaa miilaa biyyatii erga Saawuuzgeet deemanii kaahe Lee Kaarsleey hanga Ingilaand taphoota ramaddii lamaan liigii biyyootaa Giriikiifi Rippaablika Ayerlaand waliin qabdu xumurtutti kan turan yoo ta'u, achi booda Tuheel gaafatama garichaa akka fudhatu beekameera.

Tuheel Roobii har'aa Weebileetti ifatti leenjisaa Ingilaand ta'ee beeksifama. Gahee inni guddaan Tuheel garee kana taphoota gulaallii waancaa Addunyaa bara 2026 keessa dabarsee dorgommii guddicha addunyaa Yunaatiid Isteets, Kaanadaa fi Meeksikoon waliin qopheessaniin gahuudha.

Bakka kana akka fudhatu leenjisaa Maanchister Siitii Peep Gaardiyoolaas fedha qabaachuufi dhiisuun ilaalamee ture.

Tuheel wayita bara 2021 fi 22 keessa Chelsii leenjisaa ture waayee kubbaa miilaa Ingiland ni beeka.

Namni ganna 51 kun Chaampiyoonsi Liigii, Waancaa Kilaboota Addunyaafi Supper Kaappii gare Chelsii waliin injifateera

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Amma dura Baayer Muuniik, PSG fi Boruushiyaa Doortimuundiin kan leenjise Tuheel, abbummaa kilaba Yunaatiid keessaa gahee kan qabu Seer Jiim Raatkiliif waliin walarguu booda yaada leenjisaa Yunaatiid ta'uu fudhachuu dideera.

Jarmanitti Dortimuund walii waancaa Jaraman injifateera, PSG waliin yeroo lama liigicha injifateera.

Yeroo dhumaatiif gareen leenjise Baayer Muniik yoo ta'u, erga bara 2011-12 kilabichi yeroo duraaf Bundasliigaa injifachuu waan dhabeef osoo kontiraatnisaa dhumuuf waggaan tokko hafuu hojicha gadhiiseera.

Tuheel Kilaboota gurguddoo lenjisaa baheen taphoota taphate keessaa dhibbeentaa 57 injifatee, 20 qixxee bahee 23 ammoo injifatameera.

Amma gaaffiin ogeeyyiin kubbaa miilaa kaasaa jiran Tuhal dhugumtti nama hoiin Ingilaand kun kennamuui maludhaa kan jedhudha.

Garee taphattoota gahumsa guguddaa osoo qabanii waancaa kaasuu hin dandeenye kana erga waancaa addunyaa 1966 yeroo duraf waancaa argamsiisuufi danda'aa? Yerootu deebisa.