Arsenaal v Niwukasil, Maan Yuntd v Chelsii dabalatee Piriimer Liigii torban kanaan eenyuti mo'ata?

Taphattoota Maanchester Yunaayitid fi Chelsii

Madda suuraa, Getty Images

Leenjisaa isaa Eriik Teen Haag kann ari’e Maanchester Yunaayitid, amma leenjisaa haaraa Ruuban Amorim bakka buusuu mirkaneesseera.

Maanchester Yunaayitid tapha Karabaa’oo Kaappiitiin dirreesaarratti Leester Siitii keessummeessee 5-2n mo’ateera.

Taphattoonni Maanchester Yunaayitid Dilbata Chelsii waliin yeroo waliif ba’anitti ga’umsa kana dabaluu laata?

“Eriik Teen Haag gaggeeffameef Maanchster Yunaayitid injifannoorraa injifannootti darba tilmaama jedhu hin qabu,“ jedha xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan

Kiriis Saatan taphoota Piriimer Liigii 380 tilmaameera.

Taphoota Piriimer Liigii torban 10ffaa akkuma yeroo kaanii akka itti aanutti tilmaameera.

Asxaa Niwukasil fi Arsenaal

Sambata

Niwukasil v Arsenaal

Bara darbe Arsenaal gara dirree Niwukasil deemee mo'amee deebiyuun isaa ni yaadatama. Taphattoonni Arsenaal gaabbii keessa jiru jedheen yaada.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Niwukasil taphaoota Piriimer Liigii shan darban hin mo'anne. Haata'u malee, taphoota kanneen shanan keessatti kubbaa goolii ta'uu malu argatanii ture.

Sararri fuulduraa (jifannaa) Arsenaal ammoo na yaaddessa. Yeroo tokko tokko carraawwan argatan yeroo balleessan hubadheera.

Ze Gaaners Liigicha dursaa kan jiru Maanchester Siitiin akka gatanii hin demeneef tapha kanaa qabxi argachuu qabu. Haata'u malee, keessi kiyya kan natti himu bu'aan tapha kanaa walqixa kan jedhudha.

Tilmaamma: 1 - 1

Ipsiwiich v Leester

Torban darbe Ipsiwiich kanaan booda ni mo'ata ilmaamma jedhu hin kennu jedheen ture. Yaada kiyya jijjiireera.

Tapha Bireentifoord waliin taphataniin taphataan tokko kaardii diimaan jalaa ba'ee 3-2 durfamaa osoo jiranii goolii galchuu danda'aniiru. Haata'u malee dhumarratti qabxii malee dirreetii ba'aniiru. Leester ni mo'ata jedhee hin timaamu. Ipsiwiicha tapha kana mo'achuu baannaan akkamiin akka itti fufu hin beeku.

Tilmaama: 2 - 1

Asxaa Bowurnmaawuzi fi Maanchester Siitii

Bornimaz v maanchester Siitii

Taphni kun tilmaamuudhaaf kan ulfaatudha. Gahumsi Maanchester Siitii kan bara darbe beeknu miti. Ta'us garuu dorgommii hunda mo'ataadhuma jiru.

Taphni kun Maanchester Siitiidhaaf salphaa ta'a jedhee hin amanu. Maanchester Siitiin sababa miidhamaatiin taphattoota dhabeera. Haata'u malee, Siitiin tapha akka kanaa mo'atee galuu itti beeka.

Bornmaaz goolii ni lakkoofsisa jedhee tilmaamullee Siitiin ni mo'ata jedheen yaada. Bornimaz akkuma tapha Arsenaal walii taphatetti haleelee taphata jedheen yaada. Taphni akka kanaa ammoo Siitiif kan mijatudha.

Tilmaama: 1 - 2

Liiverpuul v Biraayiten

Biraayiten torban gaarii miti kan dabarse. Tapha yeroo darbeetiin daqiiqaa 93ffaa irratti itti galeen 1-1n waliqixa xumurameera. Tapha Waancaa Karabaa'ootiin ammoo dirree isarratti Liiverpuuliin mo'ameera.

Gara Anfiild deemuun rakkisaadha. Liiverpuul tapha Arsenaal waliin taphateen wal qixa adda baheera. haata'u malee, tapha kanaan walqixa bahu jedhee hin yaadu.

Dhugaadha Biraayiten kilaba callisee taa'ee ilaalu miti. Ta'us garuu Liiverpuul tapha kana akka mo'atu shakkii hin qabu.

Timaama: 2 - 0

Notingihaam Forest v West Haam

west Haam torban darbe Maanchester Yunaayitid keessummeessee mo'achuu danda'ullee qabxii sadii argachuu isaaniitiif carra qabeeyyiidha jedheen yaada. Tapha torban darbeetiin adabbii peenaaliitii falmisiisaa ta'e argachuu isaaniin ol Yunaayitid tapha boqonnaa duraatiin kubbaa hedduu osoo itti hin fayyadamiin hafeera.

Notingihaam Fores ammoo bara kana gahumsa gaarii agarsiisa ajira.

Tilmaama: 2 - 1

Saawozihampitan v Everten

Everten torban darbe daqiiqaa dhumaarratti goolii lakkoofsisee wal qixaan gale. Taphichi 1-1 walqixa xmurama jedhee tilmaameen ture. Amallee tllmaamni kiyya wal fakkaata.

Tapha gareen lamaanuu taphatan na ajaa'iba.

Tilmaama:1 - 1

Wolviis v Kiristaal palaas

wolviis Piriimer Liigiin kan itti cime fakkaata. Hanga ammaatti mo'achuu baatanis garuu tapha bareedaa nu agarsiisaa jiru.

Wolviis tapha kanaan ni mo'amu jedhee hin tilmaamu.

Kiristaal Palaas ammoo torban darbe Tootenhaamiin mo'achuu isaatiin ofitti amanamummaan isaa dabaleera.

Tilmaama: 1 - 0

Dilbata

Asxaa Maanchester Yunaayitid fi Chelsii

Tootenhaam v Aston Viilaa

Taphni kun walqixaan xumurama jechuu baadhus, goolii baayyee kan irratti lakkoofsifamudha. aphni Tootenhaam na gammachiisullee, tahattoonni hangi ta'e waan jala amiidhamaniiruuf tarii hanga barbaade argachuu dhabuu danda'a. Aston Viillaan garuu goolii lakkoofsisuu irraa duubatti hin jedhu.

Goolii baayyee arguuf jirra. Kan mo'atu garuu hin beeku.

Tilmaama: 2 - 2

Maanchester Yunaayitid v Chelsii

Leenjisaan haaraa Maanchester Yunaayitid argate torban muraasaan booda kan gara Oold Tiraafoord dhufu.

Hanga sanatti Ruud aan Niistirooy garee kana qabatee hoggana. Tapha Waancaa karabaa'otiin milkaa'eeera.

Chelsiin garuu Niwukasiliin mo'amee dorgommii waancaa Karabaa'oo keessaa ba'eera. Taphattoota ciccimoo garuu Piriimer Liigiif boqochiifateera.

Keessi kiyya kan natti himu Chelsiin tapha kana akka mo'atudha. Haata'u malee, Chelsiin ittisuu dadhabnaan, maanchester Yunaayitidiif carraa gaariidha.

Tilmaama: 1 - 1

Wixata

Fuulham v Bireentifoord

Fuulhaam tapha kana ni mo'ata jedheen yaada. Haata'u malee, Bireentifoord gara Kiravaan Kotej wayita dhufu kan inni galmeessu yeroon ilaalu tilmaama kiyya nan shakka.

Taphni Fulham ajaa'ibadha. Tapha kanaanis ni mo'atu jdheen yaada.

Tilmaama: 2 - 1