Jalqabbii kufaatii Maanchister Siitii fi xumura Peep Gaardiyoolaa?

Madda suuraa, Getty Images
''Kuni ispoortiidha. Ispoortiin ammoo yeroo hundumaa kan mo'ichaan galtu miti. Yeroo hundumaa waan gaarii taha miti,'' jedhe Gaardiyoolaan erga gareen isaanii Biraayitaniin mo'amanii.
''Har'a miidiyaaleen kun xumura olaantummaa Maan Siitiitii? jedhanii na gaafatan. Namoonni kana barbaadan akka jiran nan beeka. Waggoota baay'eef waan akkasii argaan ture.''
''Waggoota darban keessa waan nu mo'anne ilaalanii namoonni hedduun waan kun waanuma ulfaatudha jechaa turan. Yoo gareen tokko nu mo'uu barbaade ammoo inni ni danda'ama jedhu.
''Sababni isaa akka isaaniitti Maanchister Siitiin waggoota 50 dhufan keessatti kana booda waancaa hin mo'atu jedhanii waan yaadaniif. Kun waanuma hin danda'amnedha,'' jedhan.
Dubbii isaa irratti Peep Gaardiyoolaan waan kufaatiitti dhiyaate fakkaata. Kun erga bara leenjisummaa isaa jalqabaatti Maanchister Siitii cimsuuf hojjechaa turee waan isa mudatedha.
Yeroo Biraayitan galchii lakkoofsisuun wal qixxaatan Peep aarii fi mufiin gadi jedhee jilba isaa qabachuun dhiphataa ture.
Fuula isaarra aarii fi gaddatu mul'ata. Maanchister Siitiin erga bara 2006 yeroo si'a jaha walitti aansuun mo'ameen as yeroo jalqabaaf taphoota afur walitti aansee mo'ame.
Peep Gaardiyoolaan erga leenjisummaa jalqabee tasumaa yeroo taphaa idilee keessatti taphoota afur walitti aansee mo'amee hin beeku.
Bara 2016 Maan Siitii leenjisuu kan eegale peep, Biraayitaniin erga mo'amanii dhuma irratti taphataa sarara ittisaa Biraayitan Jaan Pool Vaan Heek waliin yeroo fudhachuun dubachaa turan.
Taphattoonni sarara ittisaa naataan Akkee, Maanu'eel Akaanjii fa'aa taa'umsa jijjiirraa irra taa'uuf malee taphaaf gahumsa guutuu hin qaban ture. Sababni isaa miidhama irraa guutummaatti hin fayyine.
Bakka isaanii ol adeemaan ganna 19 Jaamayii Siimpisan- Puusee carraa argatee taphate.
Peep Maan Siitii waliin waancaa hanga kana mo'atee salphaatti adda bahu jedhanii yaaduun ulfaatus, haalli amma itti jiran garuu waan dhokatu miti.
Liiverpuul qabxii shaniin caaluun liigicha dursuu jalqabeera. Kun xumura olaantummaa Maan Siitii fi Gaardiyoolaa tahamoo Peep tooftaa biraa ittiin deebisanii ka'an qabu?
Ragaaleen maal himu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara dorgommii darbeefi baranaa yoo ilaalle, Maan Siitii tapha tokko irratti carraa galchii lakkoofsisuu 2.53 qaba ture. Bara kana garuu tapha tokko irratti gidduugaleessaan galchii lakkoofsisuu kan danda'e lama.
Galchii lakkoofsisuuf ammoo irra caalaa haalaandi irratti hirkataa jiru. Carraa galchii argame keessaa kan lakkoofsisaa jiran isa bara darbe 38 ture gara 29.8 gadi bu'eera.
Gama biraan ammoo tapha tokko irratti yoo xiqqaate galchii 1,17 irratti lakkaa'ama.
Bara darbe ammoo galchiin tapha tokko irratti irratti lakkaa'amu gidduugaleessaan galchii tokkoo fi isaa gadi ture.
Kileboonni Maan Siitii morkatan bara kana gara galchii Siitiitti kubba hedduu yaalaniiru. Ittisni kilebichaa rakkoo akka qabus agarsiiftuudha.
Kaayil Wooker umuriin isaa ganna 34 tahe kaleessa waan saaxilame fakkaata. Kaarom Mitoomaa fi Jaa'oo Peedroon hedduu isa rakkisan.
Riikoo Leewis gara sarara gidduu seenuu isaa ammoo qaawwa guddaa itti fide.
Bara kana guutuu iyyuu kubba hedduun gara galchii Maan Siitii deemaa kan ture karaa Wooker taphatu irradha.
Gaardiyoolaan garuu abdii hin kutannu beekaa jedhan. Waggaa lama dura Arsenaal qabxii saddetiin erga nu caalee boodaa kaanee bira darbuun waancaa injifanneerra jedhan.
Gama biraan ammoo erga walitti aansinee waancaa Piriimer Liigii afur mo'annee bara kana ammoo tokko kilaba biraaf tahuu danda'as jedhan.
Rakkoo guddaan miidhama taphattootaa akka Keevin De Biruun, Jeromii Dookuu, Giriilish, Ruuben Diyaaz faa'ti.
Waliigalteen Peep Gaardiyoolaa fi maan Siitii ganna dhufu xumurama. Daarikterri kubba miilaa kilebichaa Shiikii Begiristaan, michuu Gaardiyoolaa yoo tahu, Baarselonaattis waliin turaniiru.
Gaardiyoolaan hanga ammaatti waliigaltee isaa hin haaressine. Daarikterrikun ammoo bara kana gadhiisee baha.
Gaardiyoolaan leenjisaa garee biyyaalessaa Biraazil akka tahuu danda'us odeeffamaa ture. Ingilaandi ammoo Toomaas Tuuhel qacare.












