Peep Gaardiyoolaa maal tahe, Arsenaal 'bakka nuuf malutti deebineerra' jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Taphoota 900 leenjiseera. Garaagarummaa galchii hedduun injifachuun amala isaafi garee isaati. Garuu tapha tokkoyyuu galchii 3-0 osoo dursaa jiruu mo'amee ykn qabxii gatee hin beeku, Peep gaardiyoolaan.
Kaleessa garuu tapha Shaampiyoonsi Liigii dirree isaa Itihaad irratti Feeynoordi garee Arnee Isloot kana dura keenjisaa ture waliin taphateen galchii 3-0 osoo dursuu qixa bahuuf dirqame.
Maanchister Siitiin kunoo taphoota jaha irratti walitti aansee qabxii gataa jira. Tokkoyyuu mo'achuu hin dandeenye. Tootenhaamiin erga 4-0 mo'amanii Peep gaardiyoolaan bakak duraa keenyatti ni deebina. Keessumaa tapha itti aanu kana mo'achuu qabna jedhanii ture.
Kunis hin taane. Inni hamaan ammoo gareen Arnee Isloot, Liiverpuul kan amma gabatee Piriimer Liigii dursaa jiru sanbata fuula keenya duraa Maanchister Siitii waliin morkata.
Peep Gaardiyoolaan erga leenjisummaa eegalee as tasumaa walitti aansee taphoota hagasii mo'amee hin beeku.
Tapha Shaampiyoonsi Liigii Feeynoordi waliin gaggeessan irratti Erliingi Haalaandii fi Ikaay Gundoohaan Maan Siitiif galchii lakkoofsisan.
Siitiin olaantummaa taphaas harkaa fudhateera. Garuu Feeynoordi kan deeggartoota isaanii 5,000 qabatanii gara Itihaad dhufan gammachuu guddaadhaan qabxii tokko argachuun gara Rooterdaamiitti deebi'an.
Dogogora Jooshkoo Givaardiyool uumeen taphataan Feeynoordi Anis Haaj Muusaa galchii jalqabaa lakkoofsise. Jijjiiramee kan gale Saantiyaagoo Himinez ammoo daqiiqaa 82ffaa irratti galchii lammaffaa lakkoofsise.
Daqiiqaa 89ffaa irratti Deevid Haankoo galchii wal qixxeessituu yeroo lakkoofsisu Peep Gaardiyoolaan amanuu hin dandeenye.
Mataa qabatee gadda, mufii fi miira wal makaa keessa gale ibsachaa ture. Yeroo kanadha osoo aariin mataa ofirraa ciruu kan fuula isaa momoccoree of dhiigse.
Sky Sport irratti taphaan booda yeroo dubbatu, ''of miidhuu barbaadeeni'' jedhe Peep. Peep qeensa harka isaan akka fuula isaa momoccoree dhiigse dubbate.
Yeroo deeggartoonni Feynoordi Itihaad irratti burraaqanii gammachuu ibsatan taphattoonni Maan Siitii waanuma dhukaasni wayii isaan irratti baname fakkaatan.
Naasuu guddaa ture. ''Rakkoo taphaa miti. Kubbi miilaa akkasi,'' jedhe Peep.
Haa ta'u malee, ibsa guyyaa har’aa baasaniin immoo ‘’qeensi qara qabu akka tasaa’’ fuula isaanii akka mammadeesse dubbatani.
Namoonni yeroo miira keessa seenan of miidhuu malu.
Peep ibsa isaaniin of miidhuun ‘’waan salphaa akka ta’e mul’isuu yaadee miti’’ jedhan.
Erga bara 1963 as maanchister Siitii irratti walitti aansee galchii sadii fi isaa ol lakkaa'amee hin beeku.
Deeggartoonni Maanchister Siitii dhuma irratti itti yuusuun akka qabxichatti hin gammanne ibsatan.
Siitiin gabatee Shaampiyoonsi Liigiidhaan 15ffaa irra jira. Kan itti aanu ammoo Juuvantasii fi PSG wlaiin taphachuudha. Isaaniin yoo hin injifanne ji'a Guraandhalaa keessa taphoota mo'atanii darbuu dabalataa lama taasisuu danda'a.
Amma gaaffiin Maan Siitiin gahumsa amma jiruun Liiverpuuliin mo'ataa kan jedhudha. Taphoota jaha kana dura waliin taasisan irratti Maan Siitiin gahumsa guddaa irra taheeyyuu Liiverpuuliin mo'achuu hin dandeenye.
'Bakka nuuf malutti deebineerra'- Arsenaal
Arsenaal Ispoortiingi Liisbaniin erga mo'atee ''amma bakka keenyaatti deebineerra'' jedhe Bukaayoo Saakaa.
Haaverti, Saakaa, Martineelii, Magaalesh fi Tiroosaad warreen galchii lakkoofsisanidha.

Madda suuraa, Getty Images
Arsenaal taphoota Shaampyoonsi Liigii saddet dirree isaaniin ala taphatanii goolii galchan caalaa kaleessa Ispoortiingi irratti lakkoofsisan.
''Gahumsa akkamiin akak taphachuu dandeenyu agarsiifneerra'' jedhe Saakaan. ''Akka isaan dirree isaanii kana irratti barana hin mo'amne beekna. Garuu ofitti amannee injifanneerra'' jedhe.
''Hundi keenyayyuu gahumsa guddaa agarsiifne. Taphattoota keenyatti nan boona'' jedhe.
Mikel Arteettaan taphattoonni isaa Shaampiyonsi Liigiidhaan injifannoo guddaa galmeessuuf akka hojjetaa turan dubbate.
''Baay'ee gammadeera. Garee cimaa kana asitti mo'achuun keenya qabxii guddaadha.
''Yeroo Shaampiyoonsi Liigii keessatti garee cimaa akkasii waliin taphattu gammachuudhaan tahuu qaba. Waanan gareekoo irraa jaaladhe yaa'a taphichaati. Kaayyoodhaan ture kan taphataa turan.''
Dorgommii akkasii keessatti waancaa injifachuu yoo barbaadde gahumsi kee itti fufinsaan turuu qaba jedhe












